Get Mystery Box with random crypto!

JechootaPhaawuloos kan Kiristaanonni 'Waaqummaa Yesuus nuuf mi | Daandii Milkii(Jennataa)

JechootaPhaawuloos kan Kiristaanonni "Waaqummaa Yesuus nuuf mirkaneessa"jechuun ragaaf dhiheeffatanuufi deebii Muslimootaan itti kenname.

1,Phaawulos Yesuusiin waan"fakkaattii/bifa Waaqayyoo" jedheef Waaqa jedhu.
Keeyyanni jarri yaada kana irratti ragaaf dhiheeffatanu:

1,Qoronxoos 2ffaa 4:4 Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.

2,Filiphiisiiyos 2:5 Yaaqa garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa! 6 Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. 7 Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame. 8 Inni gad of deebisee, hamma du'aatti,hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e.


Keeyyata armaan olii kana keessatti bifa Waaqayyoo yookiin fakkaattii Waaqayyoo jechuun kan dubbatame kun,Macaafa qulqulluu keessatti bakka hedduutti dubbatamee jira.Dubartoota hundaa fi dhiirota hundaan jedhamaa akka ture ibsa.Garuu jechi kun maal akka ibsuu barbaade yoo ilaalle,Amala Waaqaa gaggaarii keessaa kan namoonni qaban ibsuu isaati.Macaafni akkana jedha:
Seera Uumamaa 1:26 Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan!" jedhe.

Hayyoonni Amantii Kiristaanaa kan Macaafa Barsiisan Keeyyata kana irratti akkana jedhu:Jechi "Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa!"jedhu kun,hiikaan isaa yookiin wanti inni ibsuu barbaade,amala dhalli namaa qabu kan Uumama biraa irraa adda isa godhuu fi Uumama biraa irratti argamuu hin dandeenye,kan akka Sammuu gutuu fi akka barbaadametti yaada ibsachuu,Ijaafi Gurra qabaachuu fi kan kana fakkaataniidha"jedhu.

Dhiirri jiddu galaan dubartoota caalaa waan humnaa fi dandeettii qabuuf Phaawulos Dhiirotaan fakkii/bifa Waaqaa jechuun dubbata.Fkn,Qoronxoos 1ffaa 11:7 Dhiirri bifa Waaqayyootii fi ulfina Waaqayyoo kan argisiisu erga ta'ee, haguuggachuun isaaf hin ta'u.....
Namni adaduma amala Waaqni qabu horachaa deemuu fi Amala Waaqni hin qabne irraa fagaachaa deemuun sadarkaa argachaa deemuu danda'a.Yeroo amala Waaqaa keessaa tokko tokko kan akka obsa qabaachuu,namaaf rifachuu, zulmii irraa fagaachuu fi kan kana fakkaatan horate,maqaa Waaqaaf kenneme keessa muraasa argachuu danda'a.
Phaawuloosis ofii isaa fi Namoota gaggaarii yeroo ibsu akkana jedha:
Qoronxoos 2ffaa 3:18 Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufeetti in diddiiramna.

Phaawulos keeyyata biraa keessatti namoota amala gaarii amala Waaqaa fakkaatu argisiisaniif yeroo dhaamsa dabarsu akkana jedha:
Qolosaayis 3:8 Amma garuu isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba'in! 9 Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu. 10 Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga'uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira!

Yoo akkuma Kiristaanonni jedhan Yesuus waan Fakkaatti/bifa Waaqaa jedhameef Waaqa ta'e,Dhiirri hundii fi namootni amala gaarii amala Waaqaa fakkaatu argisiisan Waaqa jedhamuu qabu.Yoo namoonni kunneen Waaqa ta'uu baatan Yesuusis sababa Fakkaattii Waaqaa jedhameef Waaqa ta'uu hin danda'u.Akkuma beekamu Yesuus Namoota amala Waaqni qabu keessaa kan akka obsaafi Namaaf rifachuu qabuudha.Innis kanumaaf Fakkaattii Waaqaa jedhamuu danda'e.
@Saahibuddiin28