Get Mystery Box with random crypto!

1.2 Naafa fayyisuu fi Raga bahinsa namoota Milikkata Arganii | Daandii Milkii(Jennataa)

1.2 Naafa fayyisuu fi Raga bahinsa namoota Milikkata Arganii

Mata dureewwan kanneen jalatti ilaalcha namoonni amma jiran kunniin
(kiristiyaanoonni) dinqii fii milikkata garagaraa kan Iyyesuus hojjete jedhamee
Macaafa warra kiristiyaanaa keessatti seeneeffamaniif qabanii fii ilaalcha warri yeroo
san isa bira turanii fii waa’ee wanta argan Sanaa ragaa bahan qaban maal fakkaatu kan
ilaalaa jirru ta’uu hin dagatinaa. Haaluma kanaan mata duree olitti ilaallu keessatti ragabahinsa namoota bidiruu irra turanii waliin ilaallee irra dabarree jirra. Ammaas sanuma
irraa itti fufuudhaan erga bidirichaan gama ce’an booda wanta ta’e ilaalleeti sana booda
ilaalcha durii fii ilaalcha ammaa kana wal cinaa qabnee ilaalla.
Wangeela Matewoos 9:1-8, Maarqos 2:1-12, fii Luqaas 5:17-26 irratti; Yesuus
bidirichaan bishaan ce’ee gara mandara isaa dhufe. Iyyesuus mandara kana keessattiis
Namticha dhagni isaa gar tokkoon irratti du’e tokko argee ni fayyise. Maatewos
boqonnaa 9, Lakkoofsa 6 irratti “Ka’ii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!” jedheenii
akka fayyise ni dubbata. Kiristiyaanoonni amma Iddoo isin jirtan hundatti argaman
kunniin hanga qabxii kanaatti erga siif dubbisan booda, goolabbii (Conclusion)
“Iyyesuus gooftaadha!” jedhu irra yoo ga’an argita. Kuni garuu dadhabina yookiin
dogoggora isaaniiti. Akkamitti? Maalif” yoo jette. Ammallee fagoo hin dhaqin.
Boqonnuma kana lakkoofsuma itti aanu ykn Lakkoofsa isaan ragaa waaqummaa
Iyyesuusiif siif kennan kana itti fuftee yoo dubbifte dhugaan jiru ni hubatta. Kuniis
Raga bahinsa namoota gocha kana daawwachaa turaniiti. Akkana jedha: -
«Namoonni kana yommuu argan in na'an, Waaqayyo isa aboo akkasii namootaaf
kenneefis hooqubaa dhi’eessan. » (Matewos 9:8)
●►Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
“Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay’ee sodaatanii Waaqayyo isa
namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.” (Wangeela Maatewos 9:8)
●►Baaybila “New International Version(NIV)” jedhu irratti
They praised God, who had given such authority to human beings. ●►Baaybila “International Standard Version(ISV)” jedhu irratti immoo akkana jedha:
When the crowds saw this, they became frightened and glorified God for giving such
authority to humans
Hubadhaa! As irratti illee akka kiristiyaanoonni ammaa kunniin “Iyyesuus naafa waan
fayyiseef gooftaadha!” jedhan kana osoo hin taane. Namoonni waan kana arganii fii
hordofaa turan kanneen qaamaan achi turan kunniin Iyyesuus osoo hin taane
“Waaqayyo isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef” galatoomfatan ykn ulfina
kennan. Iddoo kana irratti “Namoota” jecha jedhu kan itti barbaadame Iyyesuus akka
ta’e wal nama hin mormisiisu. Haa ta’uu malee garuu namoonni achi turan kunniin
kan galateeffatan Iyyesuusiin osoo hin taane “Waaqayyo isa Iyyesuusiif aangoo
akkasii kennee” dha.
[3]
Eegaa! Namoonni qaamaa fii yerooniis wanta ta’e kana itti dhiyeenyaan hordofaa
turan akkuma kitaaba keessatti ibsamee namni hundi dubbisu kanatti Waaqayyummaa
Iyyesuus kan ragaa hin bane yoo ta’e; ati kan barreeffamaan dubbisuuf malee taatee
ta’e sana ija keetiin hin argin akkamiin kana ragaa godhattee Iyyesuus waaqeessuuf
tattaafatta? Deebii sammuu dhugaan barbaaddu hundaafiin dhiisa.
Itti fufa...


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28