Get Mystery Box with random crypto!

Caalaa nama dachii kana irra jiraatee eenyu akka ta'e beektaa? | Daandii Milkii(Jennataa)

Caalaa nama dachii kana irra jiraatee eenyu akka ta'e beektaa?

Deebii Mikaa'el H.hertiif haa dhiisnu.
Mikaa’el (Michael H. Hart) hayyuun jedhamu tokko nama Kirstaana lammii Amerikaa; beekaa waa’ee sirna hawaa (astronomer), herregaa, seeraa fi saayintistiidha. Qorannoo yeroo dheeraatiin booda seenaa namoota dhuunfaa gurguddaa ta’an kan sadarkaa tokkoffaadhaa hanga dhibbaffaatti (1ffaa-100ffaa) jiran tartiibaan kaa’ee ibse. Warroonni inni kaa’e kun oggantoota amantii, siyaasaa, argattoota waantoota haaraa (inventors), barreessitoota, filoosoofota, saayintistoota fi weellistoota of-keessatti hammata. Qorannaa kana keessatti namoota akkaan beekamoo ta’an Iyyasuus, Muusee, Qa’iser (Caesar) fi kkf seensiseera.
Mikaa’el barruu isaa kana keessatti nabi Muhammad (NIJ) ergamaa Islaamaa lakkoofsa tokkoffaa qabsiise! Barruu isaa kana akkana jechuudhaan goolabae:
“Muhammadiin akka inni namoota dhibba kan addunyaatti baay’ee jijjiirama fidan dursuuf filachuun kiyya tarii dubbistoota garii dinqisiisuu fi gariidhaaf immoo gaaffii ta’uu danda. Garuu seenaa keessatti isa qofatu amantii fi dhimma amantiin alaa keessattis sadarkaa ol-aanaatti milkaa’e!”
Osoo barreessaan amantii Islaamaa hordofu tokko barreessee waan isatti amanuu fi waan Muslima ta’eef seenaa isaanii guddisee sadarkaa tokkoffaa qabsiisee barreesse jedhamuu mala, garuu kuni amantiin isaas akkuma dubbistanitti Kiristaan, firooma dhiigaas waliin hin qaban, garuu nama dhugaa jaallatu waan ta’eef loogii dhiisee haqa jiru dubbate!


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28