Get Mystery Box with random crypto!

GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU QAB | Daandii Milkii(Jennataa)

GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU

QABXII 11FFAA
☞Waaqni Tokkicho Beekaa Waan Hundaati, Wanti inni hin beekne Tokkolleen hin jiru:-
Ibroota 4:13 «Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda’u; wanti hundinuu saaqamaa, ija isaa durattis mul’ataa dha;…»
Wangeela Maarqos 13:32 «Yesus itti fufee, “Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa; ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.»
★☞Faallaadhaan Iyyesuus immoo Mataa ofiitiin homaa hin beeku yookiin waan hin beekne ni qaba:-
Wangeela Maarqos 11:13 «Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ija irraa argadha laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga’ee baala malee waanuma tokko irraa dhabe;….»
Wangeela Yohaanis.8:28 «Kanaaf Yesus, “Ilma namaa kana erga muka irratti ol fuutanii, eenyu akkan ta’e, ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani in hojjennes in hubattu.»
Wangeela Yohaanis.6:45 «Macaafa raajotaa keessatti, ‘Hundumti isaanii warra Waaqayyo isaan barsiise in ta’u’ jedhamee caafameera; abbaa koo irraa kan dhaga’ee fi kan bare hundinuu immoo gara koo in dhufa.»
Wangeela Yohaannisi.7:15-16 «Yihudoonni warri Yesusiin morman, “Inni kun barumsa dheeraa utuu hin qabaatin, attamitti macaafota beeke? “jedhanii dinqifatan. Yesus immoo isaaniif deebisee, “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee.»
Wangeela Maarqos 13:32 «Yesus itti fufee, “Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa; ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.»
Wangeela Luqaasi 7:39 «Fariisichi isa waame sun kana yommuu arge, “Namni kun dhugumaan raajii utuu ta’ee, isheen miilla isaa qaqqabdu kun dubartii attamii akka taate in beeka ture; isheenoo cubbamtuu dha” jedhee garaa isaatti yaade.»
] Waaqni Tokkichi Beekaa Waan hundaa Yoo Ta’e, Iyyesuus immoo kan Waan hunda hin beekne yoo ta’e; Iyyesuus Waan hunda hin beekne, Akkamiin Waaqa Waan hunda Beekaa Ta’e Ta’uu Danda’a?

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28