Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Milkii(Jennataa)

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Ratings & Reviews

1.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


آخرین پیام ها 8

2021-09-20 09:03:00 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!

QABXII 6FFAA
☞Waaqni Tokkichi Hamtuudhaan/Sheeyxaanaan Hin Qoratamu:-
Yaaqoob.1:13 «Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru.»
Wangeela Maatewos 13:19 «Akkuma sanyiin karaa bukkeetti facaafame ta’e, eenyu illee dubbii mootummichaa dhaga’ee yoo hubachuu dhaabaate, inni hamaan dhufee dubbicha isa garaa isaa keessatti facaafame in butata.»
Wangeela Luqaas 8:12 «Karaa bukkeen, fakkeenya warra dubbii Waaqayyoo dhaga’anii, yommusumas Seexanni dhufee akka isaan amananii ittiin hin fayyineef, dubbicha garaa isaanii keessaa butatuu ti.»
★☞Iyyesuus Immoo faallaa kanaatiin Sheeyxaanaan ni Qoratama:-
Wangeela Maarqos 1:13 «Yesus lafa onaa keessa guyyaa afurtama bubbule, Seexanaanis qoramaa ture. Achittis bineensota gidduu ture, ergamoonni Waaqayyoos isaaf in ergamu turan.»
] Waaqni Tokkichi kan Hin Qoratamne yoo Ta’e, Iyyesuus immoo kan Qoratamu yoo Ta’e, Iyyesuus Qoratamaan Akkamiin Waaqa Tokkichaa hin Qoratamne Ta’uu Danda’a?
Abdii Qaba:
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
46 viewsAbdii Qaba, 06:03
باز کردن / نظر دهید
2021-09-20 09:03:00 Dirqiin Kiristaanessuu Marsaa 1ffaa (1189_1529)

Gadaa Mootuummaa Zaaguwee keessa Muslimoota dirqiin Kiristaana godhamaa akka turan seenaan ni addaassa. Barri mootummaa zaaguwee naannoo Bara 937_ 1137ALA gidduudha.Teessoon mootummaa Zaaguwee Roohaa(kan booda Laalibalaatti jijjiiramte) dha.Muslimoonni yeroo bara 1000 irraa 1267 keessatti naannoo sana keessaa bakka addaatti argamu turan.Fkn,Naannoo Harar,Haroo laangaanoo fi baatee kaasuun ni danda'ama.Dabalataan Tigiraayi Waagar Harriibaa fi Indirtaa keessas jiraataa turan.
Dhiibbaa Yeroo Mootummaa Zaaguwee Muslimoota Kiristaanessuuf godhame gabaabsine yoo ilaalle..
Zabana Aangoo Mootummaa Garba Masqal Laalibalaa bara 1189-1229 tti yeroo kana gidduutti Muslimoonni lakkoofsaan Kuma 20 ta'an laalibalaa irraa buqqaafamuun Kiristaanonni iddoo isaani qubsiifamaniiru.Sababni isaan buqqaafamanis Islaamummaa gadi dhiisuu waan didaniifi. Dabalataan naannoo bara 1077 _1092 gidduutti Masjiidota Baay'eetu Jijjifame.Muslimoonni barnoota akka wal hin barsiifneeefis dhiibbaan guddaan irratti godhamaa ture.
(Maddi Kitaaba Ahmaddiin Jabal,Seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa jedhu.)

Dirqiin Kiristaanessuu Bara Aangoo Atsee Yakuunuu Amlaak (1270-1285 A. L.A)
Mootichi kun akkuma aangoo qabateen Mootummaa Islaamaa"Ifaat"jedhamtutti duulee bane,Muslimoota baay'ees ajjeese.Haa ta'uu malee qabsoo Muslimoonni isa ofirraa qolachuuf godhaniin akka barbaadetti abjuu isaa osoo hin mirkaneeffatin bara 1285 A.L.A du'e.
Dirqiin Kiristaanessuu Bara Amda Tsiyoon (1312-1342 A.L.A)
Eega Mooticha Habashaa Yikuunuu Amlaak du'e ilmi isaa Yajbiyaa Tsiyoon(1285-1294) jedhamu aangoo qabate.Eega inni du'ee immoo ilmaan isaa aangoo irratti waldhabuun wallolaa turan.Booda irraa AmdaTsiyoon aangoo qabate.Kanaan booda hojii isaa Muslimoota lafa irraa daguuguu fi Kiristaanota bakka buusuu jalqabe.Kanaanis Mootummaa Islaamaa "Fatgaar" jedhamtu itti duulee cabsee qabate.Bara 1316/17 tti naannoo Daamotaa kan qabeenyaan badhaate Weeraree tooyannaa isaa jala galche.Ummata Hadiyyaa kan Islaama turanis namoota hedduu weeraree ajjeese.Amda Tsiyoon bulchiinsa Mootummaa Kiristaanaa babaldhisuuf lola Muslimoota irratti bane ittuma fufe.Masjiidota hedduu diige,Haarawas akka hin ijaaramneef dhorge.Qabeenya Muslimoota garmaalee saame.Mootichi kun Muslimoota Miidhuu irratti daangaa darbe.Namoota Kiristaanummaa irraa gara Islaamummaa dhufan gantoota Kiristoos jechuun Mormaa fi Miila walitti hidhuun adaba adda addaa isaan irratti adeemsisaa ture.
Yeroo inni Muslimoota akkas godhu kana Muslimoonnus hin callifne. Amma danda'anitti ofirraa faccisaa turan....

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
53 viewsAbdii Qaba, edited  06:03
باز کردن / نظر دهید
2021-09-17 08:56:37 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!

QABXII 4FFAA
☞Waaqni Tokkichi Hin Dadhabu:-
Macaafa Isaayyas Raajichaa .40:28 «Ati hin beeknee ree? Hin dhageenyeesii ree? Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha; inni hin mudhuku, hin dadhabu, hubannaa isaas namni qoree bira hin ga’u;»
★☞Iyyesuus immoo Faallaa kanaatiin Ni Dadhaba/Dadhabaa dha:-
Wangeela Yohannis.4:6 «Bishaan boollaa Yaaqoob achi ture. Yesus karaa adeemaa oolee waan dadhabeef, boolla bishaanii sana bukkee taa’e; yeroon siaas akka sa’aatii ja’aa ture.»
] Eegaa Waaqni tokkichi kan hin dadhabne yoo Ta’e, Iyyesuus immoo Dadhabaa yoo Ta’e; Iyyesuus Dadhabaan Akkamiin , Haala kamiin waaqa Hin Dadhabne Ta’uu Danda’a?
Itti fuf...
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
54 viewsAbdii Qaba, 05:56
باز کردن / نظر دهید
2021-09-16 08:46:02 Manguddoon tokko yeroo nama Eebbisan/du'aa'i godhan marga jiidha(citaa) harkatti qabachuun itti kadhatanii namaaf kennuun maaliifi?Hiikaa maalii qaba ? Mee namoonni beektan naaf hima!

Asiin nuuf erga
@Saahibu28
159 viewsAbdii Qaba, 05:46
باز کردن / نظر دهید
2021-09-14 19:00:21 #ISA_ANA_ERGE

=》Password pheenxe cabsuun salphadha.Tokkotu torbe darbe buufata konkolaata keessatti osoo inni namoota hiriiraan dhabbatan keessa intaala durba takka wajjiin wal mormu arge gaafii gaafadhe.Ati yesus Ergamaa Waaqayyoo tahu ni amanta? jennan hin amanu jedhe.Achi Keeyyata Yohannis Wangeela boqonnaa 12:44 dubbisef gaafadhe." Yesus sagalee isaa guddisee, “Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti* kan jedhu irratti kan erge eennudha? Kan ergame eennudha? jennan.Deebiin isa :Kan erge fi kan ergame illee Yesusima jedha.Isumatu of erge nan jedhe.Anis "Anumatu of of erge" jedhe kan Yesus Wangeela keessatti dubbatame yoo jirate fidi jennan fidu dadhabe.Booda irraatti namtichi pheenxe kun of isaatiif waa'ee Wangeela akka hin beekne Ummata keessatti ragaa bahe.Gaafii fi deebii kanarra baradha.

Copy
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
196 viewsAbdii Qaba, 16:00
باز کردن / نظر دهید
2021-09-13 19:27:28 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU.


QABXII 3FFAA
☞Waaqni Tokkichaan Hin Rafu, Hin Mugus:-
Macaafa Faarfannaa 121:4 «Kunoo, inni Israa’elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus*..»
★☞Faallaa Kanaatiin immoo Iyyesuus ni Rafa Ture፦
Wangeelaa Maarqos 4:38 «Yesus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee in rafa ture. Bartoonni isaa isa dammaqsanii, “Barsiisaa! Dhumuun keenya si hin dhibuu?” jedhan.»
] Eegaa Waaqni Tokkichi kan hin Rafne yoo Ta’e, Iyyesuus Immoo kan Rafu Yoo ta’e; Iyyesuus Rafu Haala Akkamiin Waaqa Tokkicha Hin Rafne Ta’uu Danda’a?


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
263 viewsAbdii Qaba, 16:27
باز کردن / نظر دهید
2021-09-10 19:44:48 SEENAAN HAA DUBBATTU!
_____/\_____________
Seenaan Addunyaa hanga ammaa keessaatti Eenyuutu lubbuu namoota nagayaa baay’ee galaafate beektaa laata? Yoo hin beekne na faana bu’I sittiin himaa
.
1.Hitilar (Adolf Hitler): Yahuudoota miiliyoona 6 ol haala suukanneessaa ta’een ajjeeseera. Inni eenyu akka ta’e beektaa? Eyyeen! Inni Kirsitiyaana. Haa ta’uu malee garuu miidiyaa Addunyaatiin guyyaa tokko illee shoorarkeessaa jedhamee hin waamamne. Maalif?
.
2. Jooseef Istaaliin(Uncle Joe): Namni kun lubbuu nagayaa 20,000,000(miiliyoona 20) ajjeeseera, miiliyoona 14.5 immoo karaa garagaraatiin akka du’aaf saaxilaman godheera. Inni hoo muslima turee laata?
.
3. Mawo Si Sung(Mao Tse Tsung): Chaayinaa keessatti Lubbuu namoota nagayaa 14,000000-20,000000(miiliyoona 14 hanga 20) ga’an ajjeeeseera. Inni hoo muslimaa?
.
4.Beniito mosolonii(Benito Mussolini): Xaaliyaan keessatti lubbuu nagayaa 400,000(kuma 400) ajjeeseera. Inni muslima turee?
.
5.Ashookaa(Ashoka): kaalingaa irratti lubbuu namoota 100,000 galaafateera. Inni muslima turee?
.
6.Sababa Joorji Buush(George Bush)’n Iraaq keessatti qofa daa’iman 600,000 du’aniira.
.
●Mee ilaalaa, xiinxalaa akkasuma sammuu keessaniis gaafadhaa namootni kunnin tokko illeen miidiyaa addunyaatiin shoorarkeessaa jedhamee hin waamamne. Maalif? Deebiin sammuu keessaniif.
.
●►Har’a namootni muslima hin taane baay’ee jecha JIHAADA jedhu baay’ee sodaatu. JIHAADA jechuun maali? Jihaada jechuun jecha Afaan Arabaa ‘jahada’ jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u; hiikni isaa immoo Carraaquu, Tattaafachuu fi Qabsaawuu akka jechuudha malee akka namootni yaadan Lubbuu nagayaa Ajjeesu jechuu miti. Nuti toltuuf carraaqna. Kana jechuun hamtuu wajjiin hin dhaabbannu/hin deeggarru jechuudha. Dhugaan jiru kana qofa. Namootni muslima hin taane Ammallee ilaalchi xiraawaan/gurraaachi amantii muslimaatiif qabdan akkasumatti yoo jiraate, of duuba deebi’ii seenaa qoradhu. Sammuu keetiifis gaafii dhiheessi.
.
1. Waraana Addunyaa Tokkoffa irratti Namoota 17000000 (Miliyoona 17)tu ajjeefame. Waraana kanaaf sababa kan ta’e garuu muslimaa miti.
.
2. Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti Namoota 50000000-55000000(miliyoona 50-55)’tu ajjeefame. Ka’umsa waraanichaatiif sababa kan ta’e garuu muslimaa miti.
.
3. Nagasaki irratti boombii Atoomikii darbameen Namoota 200000 (Kuma 200)’tu ajjeefame. Duguuggaa kana sababni isaa garuu muslimaa miti.
.
4. Waraana Vetinaam irratti namoota 5000000 (miliyoona 5) ol ta’aniitu dhume. Dhuma lubbuulee kanaatiif sababa kan ta’ees muslimaa miti.
.
5. Waraana Boosiniyaa(Kosovoo) keessatti gaggeeffameen namoota 500000 (kuma 500)’tu dhume. Kanaafis sababa kan ta’e muslimaa miti.
.
6. Lubbuu namoota 12,000,000 kan Iraaq keessatti dhumaniif sababa kan ta’e muslimaa miti.deaths
.
7. Lubbuu namootaa kan Afghanistan, Iraq, Palestine, Burma Rippuplika Africa Gidduu gala(Rippublic of central Africa) keessaa fii Iddoo biraa kessatti haala wal fakkaataan raawwachaa jiruuf sababa kan ta’ee fi ta’aas jiru muslimaa miti.
.
8. Komboodiyaa(Cambodia) keesstti baroota 1975-1979, giddutti yoo xiqqaate namoota 3000000(miliyoonaa 3)’tu ajjeefame. duguuggaa sanyii raawwatame kanaafis sababa kan ta’e muslimaa miti.
.
Balaan kun hundi garuu miidiyaa Addunyaatiin “Jihaada” jedhamee hin beeku, warren kana raawwataniis “Shoorarkeessitoota” jedhamanii hin beekan. Maaliif....? Deebii sammuu keessaniif.
.
“MUSLIMOOTNI SHOORARKEESSITOOTAA MITI, SHOORARKEESSITOONNIS MUSLIMOOTAA MITI!”

_______________________

... Gaachana Media

@Saahibuddiin28
251 viewsAbdii Qaba, 16:44
باز کردن / نظر دهید
2021-09-08 09:52:24 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!


QABXII 2FFAA
☞Akka Barnoota Raajootaa fi Ergamtoota Iyyesuus/Hawaariyyootaatti Waaqni Tokkichi Hinduunes,Hin Du’us Nuun Jedhu:-
Macaafa Anbaaqom.1:12 «”Yaa Waaqayyo, ati kan durii durii ti, mitii ree? Yaa Waaqayyo ko, yaa isa qulqulluu, ati hin duutu; ati kattaa keenya! Isaan kana firdiif kaafte, adabaafis isaan dhaabde!»
Habakkuk.1:12 LORD, are you not from everlasting? My God, my Holy One, you will
never die(anta lo namut). You, LORD, have
appointed them to execute
Ximewotosi isa Duraaa 6:16 «Waaqayyo duwwaatu hin du’u, inni ifa homtinuu itti dhi’aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa hin argine, isa arguus hin danda’u.»
Mul’ata Yoohannis.4:9 «Uumamni lubbuu qaban kun isa teessoo irra taa’e, isa bara baraan jiraatu sanaaf guddina, ulfina, galatas in dhi’eessu.»
★☞Fallaa Kanaatiin Immoo Iyyesuusi fi Barattoonni isaa Iyyesuus Akka Du’u nuuf himan:-
Mul’ata Yohaanis 1.18 «Takka illee du’een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira;» I was dead,
2 Qorontoosi.5:14 «Namni tokko hundumaaf akka du’e, kanaanis namoonni hundinuu du’uu isaanii amannee waan fudhanneef,…»
] Eegaa Iyyesuus kan Du’u yoo ta’e, Waaqni Tokkichi kan hin Duune yoo Ta’e; Iyyesuus Du’u Haala Akkamiin Waaqa Tokkicha Hin Duune Ta’uu Danda’a?
Itti fufa...

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
352 viewsAbdii Qaba, 06:52
باز کردن / نظر دهید
2021-09-05 09:38:23 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!
.
{Namoota Dirqamaan Ilma Namaa Waaqayyoo Gochuu dhaaf oliif Gadi Kaatan Hundaaf}
.
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Raahmata Godhaa Ta’eetiin.


Yeroo Baay’ee Kiristiyaanoonni Iyyesuus Kiristoos Akkamiin Waaqa ta’uu Danda’a jennee Yoo Wajjiin Mari’annu Yaada ‹‹Iyyesuus Nama Guutuu fi Waaqa Guutuu dha.›› jedhu Nuuf Dhiheessan. Dhugumatti Kana Yoo jedhan Maal jechaa akka jiran Hubataniiru? Yaadni Kun Waan hiika Qabuu? Amansiisaa dha? Mee Walumaan Haa Ilaallu Hanga Xumuraatti Obsaan Dubbisaa #Share Waliif Godhaa.
‹‹Iyyesuus Nama Guutuu fi Waaqa Guutuu dha.›› Yoo Jedhame Yaadni kun Sammuun ilma namaa qulqulluu taate kan hin fudhannee ta’uun qofa osoo hin taane Barnoota macaafa qulqulluutin Illee kan Wal Waalleessuu dha. Yoo jettan Akkuma nu hundi irratti waliif gallu Waaqni Tokkichi:-
√Hunda Danda’aa dha.
√Hunda Beekaa dha.
√Gonkumaa kan hin Duune “immortal” dha.
☞Ilmi Namaa Garuu Faallaa kanaatiin:-
√Hunda Danda’aa Kan hin Taane
√Hunda Beekaa kan hin Taane
√Kan Du’u “mortal” dha
‹‹Waaqni Nama Guutuu, Waaqa Guutuu dha.›› Jechuun: ‹‹Hunda Beekaa Fi Hunda Beekaa kan hinTa’in dha, Waaqni Hunda Danda’aa fii Hunda Danda’aa kan hin Taanee dha, Waaqni Guutumatti Kan hin Dunee “immortal” Fi Guutumatti Kan Du’u “mmortal” dha.›› Jechuu dha. Dhugaa Dubbachuudhaaf kun Waan hika qabu jettanii yaadduu?
Wanti Tokko ‹‹Guutuu dha, Guutus Miti.›› Jechuun Akkuma Wanta Tokkoon ‹‹wanti kun Geengoodhas, Roga Afreedhas›› jechuuti. ‹‹Geengoodha›› yoo jennu ‹‹Raga Afur Miti Jechuu dha.››. ‹‹Roga Afuriisi›› yoo jennu ‹‹Geengoo miti›› Jechuu keenya. Kanaafuu Wanta Lama kan Amala wal fakkaataa hin Qabne Lamaanuu yeroo Tokkotti Wanta Tokko Guutuu Ta’uu Ni Danda’uu?
Wanti Amala wal fallaa Qaban Lama Tokkumaadhaan Yeroo Tokkotti Gonkumaa Waan tokko Guutuu Ta’uu Hin Danda’u.
Fakkeenyaaf ‹‹Waaqni ni jira.›› Yoo jennu Hima Tokko. ‹‹Waaqni Hin Jiru.›› Yoo jennus Hima Faallaa kan Birooti.
Haa Ta’uu Malee Garuu Lamaanu Gonkumaa Sirrii Ta’uu Hin Danda’an.
Akka Kiristiyaanoonni Jedhan ‹‹Wanti Faallaan lama yeroo Tokkotti Tokkummaadhaan jiraachuu ni danda’u.›› Yoo Jenne ‹‹Waaqni Ni Jira,Akkasuma Waaqni hin jiru.›› Yoo Jenne Lamanuu Hima Faallaa Lama dha. Haa ta’uu Malee garuu ‹‹Waaqni Hunda Danda’aa dha kanaafu, Jiraachus Jiraachuu Dhiisus ni Danda’aa Maaltu Isa Dhiba?›› Jechuu Ni Dandeenyaa? Kun Gonkumaa Yaada Filmii Irrattuu Dalaguun Hin Danda’amnee dha. Hundumaafuu ‹‹Iyyesuus Nama Guutuu fi Waaqa Guutuu.›› Akka Hin Ta’in Qabxiiwwan Gara Garaa Macaafa Qulqulluu irraa Wal cinaa Qabnee Haa Ilaallu.
*******************************************
… …Mee Qabxiiwwan Gara Garaa Kannen Armaan gaditti Haa Ilaallu፦
QABXII 1FFAA
☞Waaqni Tokkichaan “Ani Waaqayyo Malee Namaa Miti” Jedha ፦
Macaafa Hose’a Raajicha 11:9 «ani Waaqayyoo dha malee, nama miti; »
★☞Faallaa Kanaatiin Immoo Iyyesuusi fi Barattoonni Isaa Iyyesuus Nama Jedhu:-
Wangeela Yohaannis.8:40 «Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga’e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; »
1 Ximootos.2:5 «Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta’ee dha.»፤the man Christ Jesus;
Hojii Ergamtoota.17:31 «Guyyaa itti harka nama fo’ate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaa’eera; namicha fo’ate sana du’aa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera” jedhe.»
Hojii Ergamtoota .2:22 «”Isin yaa warra Israa’el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe.»,the man approved of God
] Eegaa Iyyesuus Nama Yoo Ta’e, Waaqayyo Tokkichi Immoo Ani Namaa Miti Yoo Jedhe. Iyyesuus Nama Ta’e Akkamitti Waaqa Tokkichaa Nama Hin Ta’in Haala Akkamiin Bakka Bu’uu Danda’a?
Itti fufa..


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
129 viewsAbdii Qaba, 06:38
باز کردن / نظر دهید