Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Milkii(Jennataa)

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Ratings & Reviews

1.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


آخرین پیام ها

2022-08-10 10:41:35 Kutaa 13ffaa Turullee dhugatu irra aanaa
536 viewsSahibu ddin, 07:41
باز کردن / نظر دهید
2022-08-10 09:11:58
#Kutaa #13ffaa


#Hojii #manaa


Ragaa #Ibroota #5:7 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.


#Ibroota #5:7
“#Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata gara isa #du'a isa #oolchuu #danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, #kadhanni #isaa #in #dhaga'ameef.”


Gafii
Akka ragaa #Ibroota #5:7 keessatti dubbatametti, hima kamtuu wa'ee Yesuus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti sirriidha?
A. Namoonni itti booyanii akka du'a isaan oolchuuf kadhataa turan.
B. Namoonni imimmaaniin akka isaan fayyisuuf kadhataa fi waammata gara isaa dhiheessa turani.
C. Sababa Yesuus Waaqa ta'eef, kadhanna namoonni isa kadhatan isaanii dhaga'ameef.
D. Deebiin hin jiru



Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Ibroota #5:7 irraa argannu;

#I- Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti:

1ffaa- Rakkoo isa mudatte keessaa bahuuf (akka Yahuudonni isa hin ajjeefneef) jecha, sagalee #guddaadhaa fi #imimmaaniin, Waaqa #kadhataa fi #waammata turuu isaa.

2ffaa- Yesuus dandeetti isaatiin #lubbuu isaa #du'a #irraa oolchuu yookaa hambisuu akka hin #dandeennee hubatee boohuu isaa (ilma namaa biroo aangoo isaatiin fayyisuu yookaa rakkoo wohii irraa baraaruu mitii).

3ffaa- Yesuus boohaa (imimmaaniin) Waaqa kadhatuun isaa, aangoo Waaqummas ta'ee humna rakkoo ittiin furatu #tokkoo #akka #hin #qabne (waan Rabbiin isaa fedhe yoo taate malee) ifatti mirkaneessuu isaa.

4ffaa- Garuu, kan #du'a isa #oolchuu #danda'u yookaa cinqaa keessaa isa baasuu danda'u #Waaqa #qofa ta'uu beekuu isaa. (Kanaafuu, Waaqa waan hundaa irratti dandeettii qabu, ka uumaan hundi isatti hajamu san, innis kadhaa fi waamata dhi'eessuun dandeettiin hunduu ka #Rabbii #qofa ta'uu mirkaneesse jechu).

5ffaa- #Yesuus waan #gabricha Rabbii ta'eef, akka namni hin beeknes hubatuuf gochaan gabricha Rabbii ta'uu mudhisuu isaa. (#Waaqayyoof #gad #of #deebisee akkasuma #isatti #of #kennee yeroo jedhu).

6ffaa- Sababii Yesuus ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateef, bu'aan Yesuus argate, #kadhanni #isaa #isaa #dhaga'amu yookaa awwaatamuu akka ture (#du'a #irraa Rabbiin isa #hambisuu yookaa oolchuu isaa) fi #Yesuus du'ee #du'aa ka'e yaadni jedhu #olola ta'uu isaa mirkaneessaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
By:XR
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa

@Xaalibu6504
@Saahibuddiin28
590 viewsSahibu ddin, 06:11
باز کردن / نظر دهید
2022-08-07 18:01:31 Kutaa 12ffaa Turullee dhugatu irra aanaa
520 viewsSahibu ddin, 15:01
باز کردن / نظر دهید
2022-08-07 18:01:30
#Kutaa #12ffaa


#Hojii #manaa


Ragaa Wangeela #Yohannis #8:40 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.


Yohannis 8:40
“Ani #dhugicha isan #Waaqayyo #irraa #dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana #nama #akkasii ajjeesuu barbaaddu; #Abrahaam akka kana hin #hojjenne.”

Gafii
Akka ragaa #Yohannis #8:40 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus dhugaa himamuu qabu, ufi irraa burqisiisee namaaf himee ture.
B. Yesuus ani Gooftaa dhugaa jiru isinitti hime maaf na ajjeesuu barbaadduu isaaniin jedhe.
C. Yesuus dhugaa ani isinitti hime kana, Abraaham akka kana hojjachuu hin dandeennee isaaniin jedheen.
D. Deebiin hin jiru.



Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela Yohannis 8:40 irraa argannu:

1ffaa- #Yesuus #dhugicha isa #Waaqayyo #irraa #dhaga'e isaanitti hime malee, aangoo Waaqumma wohii qabaatee ufi irraa kaasee waan takkaa akka isaanitti hin himne ifa baase.

2ffaa- #Yesuus #aangoo fi #gaheen isaa waan #Waaqni ilma namaatti himi yookaa geessi jedhee #ajaje #qofa geessuudha malee, seerrii yookaa ajajni inni #ufi #irraa #kaasee namaaf hime tokkollee #akka #hin #jirre hubanna.

3ffaa- #Yesuus #ani #nama dhugaa Rabbiin irraa dhagahee isinitti hime ajjeessuu barbaaddan jedhee ilma namaa ta'uu ufi ibse malee, ani #Gooftaa keessanii jedhee ufi hin himne.

4ffaa- #Yesuus dhugaan inni namatti himaa ture, dhugama #Abraahamuu (Nabi Ibraahimuu) #dubbataa #ture akka taatee fi #hojii fi #aangoon #Yesuus qabaataa turellee tan #Abraahamiin (Nabi Ibraahimiin) #wal #fakkattu malee, #aangoo fi #gahee addaa akka #hin #turre mirkaneessee jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
By:XR
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa

@Xaalibu6504
@Saahibuddiin28
516 viewsSahibu ddin, 15:01
باز کردن / نظر دهید
2022-07-24 07:37:25 Kutaa 11ffaa dhugatu irra aanaa
731 viewsSahibu ddin, 04:37
باز کردن / نظر دهید
2022-07-24 07:29:43 #Turullee #dhugatuu #irra #aana


#Kutaa #11ffaa


#Hojii #manaa


Ragaa Wangeela Maarqos 12: 29 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.


Maarqos 12: 29
" #Yesus deebisee, "Inni hundumaa #irra #caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi #Waaqayyo #keenya #kophaa #isaa #gooftaa dha. "

Gafii
Akka ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 keessatti dubbatametti, hima kamtuu barsiisaa Yesuus?
A. Inni hundumaa irra caalu Anaan Gooftaa jechuu keessan jedhe.
B. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Gooftaa keessan jedhe.
C. Inni hundumaa irra caalu Waaqayyo Anaan wojji Gooftaa keessan jedhe.
D. Deebiin hin jiru.



Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Wangeela #Maarqos #12:29 irraa argannu;

1ffaa- Wonti barsiisaa Yesuus barsiisaa ture keessatti hundumaa irra caalaa ilmi nama beekuu qabu, wa'ee Waaqaa irratti akka ture. Sunis:

I. #Waaqni uumaa hundaa, #Waaqa #Yesuusille ta'uu isaa. (#Waaqayyo #Keenya Yeroo Yesuus jedhu).

II. #Waaqni #Waaqa #qabaa jechuun sammuu fayyaa qabdu biratti akkuma #kijibaa, Yesuus ani Waaqa qaba osoo jedhu, dubbii #Yesuus faallessanii #innuu #Waaqaa jechuun dubbii #ololaa akka ta'e ifa taasisa.

III. Ammas Gooftummaan waaqaa, akka afooshaa fi woldaa yookaa sheerii kaampaaniitti kan gamtaan ijaaramte osoo hin taane, Waaqni Gooftaa uumama hundaa #kophama #isaatti #Gooftaa akka ta'e.

IV. Wolumaa galatti, Yesuus Gooftaa jedhamee eddoo gara garaatti (Macaafa Qulqulluu jedhumu keessatti jechuudha) argamuun, Waaqumma Yesuus ibsuuf akka hin taane ifa taasisa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
By:XR
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa

@Xaalibu6504
@Saahibuddin28
1.0K viewsSahibu ddin, 04:29
باز کردن / نظر دهید
2022-07-22 05:57:01 Kutaa 10ffaa Turullee dhugatu irra aanaa
565 viewsSahibu ddin, 02:57
باز کردن / نظر دهید
2022-07-22 05:57:00 #Turullee #dhugatuu #irra #aana


#Kutaa #10ffaa


#Hojii #manaa


Ragaa Wangeela #Yohannis #14: 28 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.



Yohannis 14: 28
" 'Amma #nan #adeema deebi'ees isin bira #nan #dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; #utuu na jaallattu taatanii, waanan gara #abbaa #dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan #na #caala'o, "

Gaafii

Akka Yohannis 14: 28 Keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus lamuu gara dachiitti deebi'ee hin dhufu.
B. Worroonni Yesuus gara Waaqaatti deemutti gammadu, worroota Yesuus jaalatu.
C. Yesuusii fi Waaqni wol qixa.
D. Deebiin hin jiru.



Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiin ijoon nuti ragaa Wangeela Yohannis 14: 28 irraa barannu;

1ffaa- #Yesuus akka gara #dachiitti #deebi'ee dhufu. Kun ammoo wonti mirkaneessu:

I. Waaqni foon uffatee dhufee yaadni jedhu olola ta'uu.

II. Yesuus cubbuu keennaaf duraa gara dachii dhufeen dubbii kijibaa ta'uu.

III. Ilma ilma kiyya irraa dhaladhee isin fayyisa Waaqni jedheen, dubbii fudhatama hin qabne ta'uu.

IV. Yesuus akkuma uumamni kamuu du'utti gara dachii deebi'ee kan du'u ta'uu nuuf mirkaneessa jechuudha.

2ffaa- #Utuu #na #jaallattu taatanii waanani #gara #abbaa #dhaquuf in gammaddu turtan yeroo jedhu ammoo, Qabxiiwwan itti aanee dhufuu nuuf ibsa.

I. Worroota Yesuus hin jaalanetu, Yesuus gara Rabbii ol fuudhamuu kijibsiisee olola du'ee haasawu.

II. Yesuus gara abbaa dhaqa jedhe malee Waaqa waan tureef, turtii koo fixadhee gara samiitti galaa jiraa akka hin jenne.

III. Waan gara abbaa #dhaquuf jechuun, qaama lamaa gara garaa ka itti dhaqamuu fi ka itti dhaqu akka jiru, akkasumas Yesuus Waaqatti geeddaramuu ka hin dubbanne fi geeddaramuulle akka hin dandeenne ta'uu ifatti mudhisaa jechuudha.

3ffaa- #abbaan #na #caala'o yeroo jedhu:

I. Dubbiin Yesuus fakkeessuu akka hin taane, dhugaan jirtu Waaqni waan kamuu (Yesuusillee dabalatee) caaluu.

II. Worroonni dubbiin tun isaanii liqimsamuu diddu, worrota Yesuusiin ittiin daldalatuuf malee dubbii isaa fudhatuuf fedhii takkaa hin qabne ta'uu ifatti mirkaneessa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
By:XR
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa
https://t.me/Xaalibu6504
@Saahibuddiin28
585 viewsSahibu ddin, 02:57
باز کردن / نظر دهید
2022-07-08 18:30:18 Maatiin, Hiriyyootnii fi Ummanni Musliimaa fuula Dachii irra jirtan hundi,Baga Rabbiin Ayyaana Iidaal al adah Kan bara 1443 ffaatiin isin gahe.
Iidni kun Iida Gammachuu fi Milkiii isiniif haa ta'u.

To Families, Friends and All Muslims, I wishes you a happy Eid Al-Ad ha May Allah accept the good deeds from you.

عيد مبارك

كل عام وأنتم بخير تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال
@Saahibuddiin28
788 viewsSahibu ddin, edited  15:30
باز کردن / نظر دهید