Daandii Milkii(Jennataa) — کانال تلگرام

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
کانال‌های مشابه دستهبندی نشده
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

آمار کانال
8.9% نرخ تعامل
203 بازدید / پست
0 پست / روز

آخرین پیام ها

10 فوریه 2021
GAAFII KRISTAANOOTA FI DEEBII ISLAAMAA.

#Iyesus_Uumama_dha.
Maqaa Allah akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin.
Warri nuti Kristaana ofin jedhani Yesusis Uuma taasisuf sobni isaani hin raawwane hin jiru.Yeroo baay'ee Qur'aana Suuratu Aali Imraan 3:49 fi Al Maa'idaa 5:110 xuqudhan nabi Iisaan uumadha jedhu.Kun immoo soba dhugaa irraa fagatedha.
DEEBII tartiiban akka arman gaditti dubbifadhu.
1 Allahn Adam fi Iyesusin uume.Aadam fi Iyesusis Uumama dha.Lamanitu kan ruuhii itti afuufe nama ta'i jedhe nama taasise Allah dha.
☆Dhugumatti, fakkeenyi Iisaa Rabbiin biratti akka fakkeenya Aadami.Biyyee irraa isa uume.Ergasii ‘ta’i’ isaan jedhe.Innis yeroma san ta’e.(Aali Imraan 3:59)☆
1:1 Kan biyyee uumee Allah qofa dha.
☆Dhugumatti, Gooftaan keessan Allaah Isa samiifi dachii guyyoota jaha
keessatti uumee, {Yuunus 10:3}☆
1:2 Kan Aadamin uumee ruuhii itti afuufe nama taasise Allah dha.
☆“Ergan isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufee
booda isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen). (Saad 38:72)☆
1:3 Kan Iyesusin uume ruuhii itti afuufe nama taasise Allah dha.
☆[Maryamis] “yaa Gooftaa kiyya! Odoo namni tokkollee ana hin tuqne akkamitti
ilmi naaf argama?” jette[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteesse ‘ta’i!’ qofa isaan jedha; yeroma san ta’a” jedhe.(Aali Imraan 3:47)☆
☆Yaa abbootii kitaabaa! amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa; Rabbi
irrattis dhugaa malee hin haasa’inaa. Ilmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta'i jedhu) kan Inni gara Maryam darbeedha. Ruuhii (uumaa) isaa irraa ta'eedha. (An-nisaa'i 4:171)☆
1:4 Nabi Iisaan kan dhoqqee durayyuu Allahn uume irraa "waan akka allaati tolche".Kun immoo waan Ijoolleen daa'imni kamiyyuu hojjatudha.
☆"Ani dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uuma"☆ (Aali Imraan 3:49) jedhu keessatti dubbiin ijoon gaafatama jiru asiidha.Asirratti keeyyan kan dubbata jiru "waan akka allaati" malee waan bira akka hin taane hubbachu qabna.Nabi Iisaan dhoqqee irra "waan akka allaati" uuma jedha malee "allaati" uuma hin jenne. Dhoqqee fide "waan akka allaati " tolchuun waan salphaa fi namni kamiyyuu tolchu danda'udha. Wanti cimaan ruuhii itti godhee allaati taasisudha. Nabi Iisaan kana gochuu hin dandeenne; eeyyama Allahn malee. Waan akka allaati sunis raajii waan yerooma sana mul'ate achumman booda duute haftedha malee allaati dhugaa hin taane
1:5 Kan ruuhii itti uume allaati allaati taasisu Allah qofa dha.
☆"isa keessattis nan afuufa; eeyyama Allahn allaattiis ni ta'a."☆(Aali Imraan 3:49)☆ jedhu kun akka nabi Iisaan of isaatiif homa gochuu hin dandeenne nuti hima. Keeyyata kana keessatti " nabi Iisaan allaati uume" kan jedhu hin jiru. Osoo eeyyamni Rabbii hin jire dhoqqeen sun dhoqqee ta'e hafa ture.Nabi Iisaan dhoqqee irra "waan akka allaati " kan tolche fedhii isaatiin osoo hin ta'in fedhii Allahn akka ta'e Qur'aanni Suuratu Al -Maa'idaa 5:110 ni mirkanneesa.
Asirratti wanti hubbatamu qabu;-
Kan dura biyyee uumes Allah dha.Keeyyata kana irratti nabi Iisaan "isa keessattis nan afuufa" jedhe malee "ruuhii" afuufa hin jenne. Sababni isa kan ruuhii uumu Allah qofa waan tahef.Keeyyaatichi itti fufuun "eeyyama Allahn allaattiis ni ta'a."jedha.Dhoqqee irraa waan akka allaati uumun hojii Ijoolleen daa'imni yeroo ijoollumman ittiin taphatudha.Sun immoo waanumma yeroo sana tahe bade malee waan allaati tahe achiin hafe miti.
1:6 Osoo Dhoqqeetti afuufun qofti Waaqa nama taasifte sila Malaaykatu Waaqa taha ture garuu hin taane.
☆Ibn Mas'uud (RA) irraa Ergamaan Rabbii(SAW) kan dhugaa dubbachuun beekaman akkana jechuun isaa gabaafameera:- "Uumamni tokko keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamatti 'Nuxfah'(Toftoo sanyii) ta'eetin walitti qabama. Ergasii yeroo wal-fakkaataa keessatti 'Alaqaa'(dhiiga itite) ta'a. Ergasiillee yeroo wal-fakkaataa keessatti 'Mudghaa'(foon alanfamaa) ta'a. Ergasii Maleeykan ergamee ruuhii isa keessatti afuufa. ...(Sahih al Bukhaari 3208 kitaaba 59 hadiisa 19)☆
Walummaa galatti :-
Biyyee kan uume Allah qofa dha.
Kan biyyee irraa Aadamin uumees Allah q
203 viewsSaahibuddiin Jihaad, 07:29
باز کردن / نظر دهید

سوالات متداول

سوالات رایج درباره Daandii Milkii(Jennataa)

Daandii Milkii(Jennataa) یک کانال تلگرام با 2.28K مشترک است. در این صفحه توضیحات کانال، نظرات، امتیاز و آمار دقیق آن را می‌بینید.
روی دکمه "رفتن به کانال" در این صفحه کلیک کنید یا @saahibuddiin28 را در برنامه تلگرام جستجو کنید. همچنین می‌توانید نام کاربری کانال را کپی کرده و در نوار جستجوی تلگرام بچسبانید.
بله، Daandii Milkii(Jennataa) یک کانال تلگرام رایگان است. می‌توانید بدون هیچ پرداختی عضو شوید و همه پست‌ها را بخوانید.
Daandii Milkii(Jennataa) در حال حاضر 2.28K مشترک دارد. تعداد مشترکین به طور منظم به‌روزرسانی می‌شود.
Daandii Milkii(Jennataa) عمدتاً محتوا را به فارسی منتشر می‌کند. برای خواندن پیام‌ها، کانال را با لینک موجود در این صفحه در تلگرام باز کنید.
بله، می‌توانید کانال‌های دستهبندی نشده مشابه را در بخش "کانال‌های مشابه" در پایین پیدا کنید. ما همچنین گروه‌ها، ربات‌ها و استیکرهای تلگرام مرتبط را نشان می‌دهیم.
پیام‌ها در خود تلگرام خوانده می‌شوند: Daandii Milkii(Jennataa) را با لینک موجود در این صفحه باز کنید. در این صفحه توضیحات کانال، تعداد مشترکین، نظرات و آمار در دسترس است.
Daandii Milkii(Jenna... avatar
Daandii Milkii(Jenna... @saahibuddiin28
باز کردن در تلگرام