Get Mystery Box with random crypto!

Muhammadsalih Kadir: Qur'aanaa fi 'aayinsii Damee Ji’oogiraaf | Daandii Milkii(Jennataa)

Muhammadsalih Kadir:
Qur'aanaa fi "aayinsii

Damee Ji’oogiraafii (Geography)

Marsaa Bishaanii

Bara 1580 Bernard Palissy nama jalqaba hubannoo/qabiyyee waa’ee marsaa bishaanii har’aa ibsedha. Akka bishaan galaana irraa bifa gaasiitiin ba’ee eeganaa duumessa uumuuf qabbanaa’u (wal-qabatu) ibse. Bakka jarri ol-ka’aniin duumessi lafa keessa deema, qabbanaa’ee bifa roobaatiin bu’a. Bishaan kun akka haroo fi lagaatti qabamee marsaa walitti fufaadhaan gara galaanaatti deebi’a. jaarraa 7ffaa keessa Taales Milatas (Thales of Miletus) irra keessi galaanaa qilleensaan fuudhamee akka roobaatti bu’a jedhee amana ture.
Yeroo durii namoonni madda bishaan lafa jalaa hin beekanu turan. Bishaan galaanaatu dhiibbaa qilleensaa jalatti ardiilee jala deemu jedhanii yaadu ture. Akkasumas bishaan karaa lafa keessaatiin qaawa guddaatiin (secret passage, or the Great Abyss) deebi’a jedhanii yaadu turan.
Karaan kun garboota wajjin wal-qabata, yeroo Pilaatoo irraa jalqabee Tartarussince jedhamee waamama. Diskiraates (Descartes), xiinxalaa guddaa jaarraa kudha-saddeettaffaa kan ture ilaalcha kana deeggara. Hanga jaarraa kudha-saglaffaattillee ti’ooriin Aristootil itti fufee ture.
Akka ti’oorii kanaatti bishaan gaara qabbana’aa (cool mountain caverns) keessatti gara dhangala’ootti deebi’uudhaan bishaan lafa jalaa kan burqaa ta’u kenna. Har’a garuu kanaaf kan sababa ta’e bishaan roobaa kan lafa seenu akka ta’e ni beekna.
Marsaan bishaanii keeyyata armaan gadiitti Qur’aana keessatti ibsamee jira:
“Rabbiin samiidhaa bishaan buusee dachii keessa burqaa seensisaa hin agarree? Eeganaa isaan facaasaa (firii) halluun isaa waldhabaa baasa” [Qur’aana: 39:21]
“Samiidhaa bishaan buusee eega du’a isiitii dachii jiraachisa. Kana keessa ummata qalbeeffatanuuf mallatooleetu jira.” [Qur’aana 30:24]
“Samiidhaa bishaan tilmaamaan (hanga murtawaadhaan) buusnee dachii keessa seensisne. Nuti isa deemsisuu irratti danda’aadha.” [Qur’aan 23:18]
Kitaabni baraa kan waggoota 1400 duraa kan ibsa sirrii akkanaa kennu hin jiru.
Qilleensi Duumessa Rimeessa
“Qilleensa (kan duumessa) rimessitu ergine. Samiidhaa bishaan buusnee isa isin obaasne. Isin handhuurfattota (kan of-harkaa qabdanu) hin taane.” [Qur’aanA 15:22]
Jechi Arabiffaa asitti fayyadame lawaaqiha kan jedhu, jecha laqaha jedhu irraa kan dhufetu daneeffame (plural of laqih fromlaqaha). Kana jechuun immoo rimeessuu jechuudha. Bakka kanatti rimeessuu jechuun qilleensi duumessa walitti oofee wal-qabatiinsa (condensation) kan bakakka ta’ee eeganaa roobu uuma jechuudha. Ibsuma kana fakkaatutu Qur’aana keessa jira:
“Rabbiin kan qilleensa erginaan duumessa facaastudha. Samii keessa akka fedhetti diriirsa, murna murna (kutaa kutaa) isa taasisa, rooba kan jidduu isaatiin bahu agarta. Ennaa inni (Rabbiin) isaan gabroottan isaa irraa abbaa fedhe xuqe (ennaa abbaa fedheef kenne) ennas isaan ni gammadu.” [Qur’aana 30:48]
Ibisi Qur’aanaa guutuunguutuutti sirrii fi daataa saayinsii ammayyaa dame waa’ee bishaanii (hydrology) qo’atuun kan wal-simatudha. Waa’een marsaa bishaanii kun keeyyatoota Qur’aanaa hedduu keessatti dubbatamanii jiru. Sanniin keessaa: 3:9,7: 59, 13: 17, 25: 48-49, 36: 34, 50: 9-11, 56: 68-70, 67:30 fi 86:11

Chaanaali keenya Join,share godha

@Saahibuddiin28