Get Mystery Box with random crypto!

Imaama Hate!!! Dubbii Raajii! Guyyaa tokko Maatiin tokko ima | Daandii Milkii(Jennataa)

Imaama Hate!!!

Dubbii Raajii!

Guyyaa tokko Maatiin tokko imaama Masjiida nyaataaf manatti affeeran. Haati manaa osoo nyaata dhiheessituu Maallaqni maaddii irratti isii hatkaa buhe. Booda maallaqa sana ni dhaban. Imaamicha malee namni mana jaraa hin seenne. Maatiin sun Ijoollees hin qaban.
Warri mana sheektichatu maallaqa fuudhe jedhanii waan murteessaniif sheektichaan ooduu murteessan. Kanuma hordofee Abbaan manichaa Masjiida imaamtichi itti salaachisu dhaquu dhiisee jihoota lakkoofsise.

Osoo haala kanaan jiranuu Baatiin Ramadaanaa seene. Abbaan manichaa Baatiin baatii araaramaatii, imaamtichi as keessaa fira hin qabuu irra dabarreefii nyaatatti haa affeerru jedhe. Haati manaa isaa takka itti yaaddee, buustee baaste booda yaadicha fudhatte. Garuu haalduree ka'atte. Innis dhimma maallaqa badee ifaan ifatti imaamichatti kaasuudha. Abbaan warraa ishees yaadicha ni fudhate.

Imaamticha nyaatatti affeeran. Nyaatanii dhuganii yeroo xumuran abbaan manaa dhimma maallaqa badee imaamichatti dubbate. Imaamtichi saalfataa boohuu eegale! Maallaqa natu fuudhe jedhe!

Kan naboochise hannaan na shakkuu keessan osoo hin taanee Guyyoota 365 guutuu osoo Qur'aanaa hin banin waggaan guutuun isin irra naanna'uudha jedhe!
Qarshii sana gaafas fuudheen Qur'aanaa keessa isiniif kaa'e jedhe. Abbaan manichaa ariitiidhaan Qur'aanaa fuudhee bane. Fuula jalqabaa iddoo suuraan Faatihaa itti argamuu maallaqa akkuma jirutti arge!

Haati manaa rifattee boo'ichhatti seente, akka bishaanii imimmaan dhangalaaste. Waan se'aa badaa imaamichatti seeteef dhiifama gaafachuu isa bira deemte. Innis ani nama dadhabaadhaa Rabbii isa Qur'aanaa Isaa waggaa guutuu dagattee ittiin oodde araarama gaafadhu jedhe.

Taatee kana irraa waan hedduu baranna.
Mee ati akka keetti maal irraa baratte?
asiin
@Saahibuddiin28 nu hordofuu dandeessu