Get Mystery Box with random crypto!

Islaamummaa fi Mankaraarsummaan waliif maali? Hubannoon dogog | Daandii Milkii(Jennataa)

Islaamummaa fi Mankaraarsummaan waliif maali?

Hubannoon dogoggoraa guddaa jiru keessaa tokko namoonni tokko tokkoo Islaamummaa akka amantii mankaraarsummaatti ilaaluudha. Kuni ilaalcha dogoggoraati. Dhugaan jiru Islaamummaan nagaadha, nageenyaaf dursa kenna, nageenyaaf bakka guddaakenna.

Jechi “Islaam” jedhu mataan isaatuu “Nagaa” jechuudha. Islaamummaan akkuma maqaan isaa ibsu nagaadha, nageenyatti nama waama, nageenya lallaba.

Akka seera Islaamaatti namoonni ennaa walitti dhufan “Assalaamu alaykum” jechuunis “Nageenyi isin irra haa jiraatu” jechuudhaan wal-eebbisu. Ennaa adda ba’anis akkana jechuudhaan adda ba’u. Kun Islaamummaan nageenyaaf dursaa fi bakka guddaa kennuu isaa mul’isa.

Rabbiin ennaa abbaa nabiyyootaa nabi Ibraahimiin (NIJ) irraa dubbatu akkana jedha:
“Yaa Rabbi biyya kana nagaa fi tasgabba’aa taasisi”. (Qur’aana (4: 35))
Kunis bakka nageenyi Islaamummaa keessatti qabu nu hubachiisuudhaafi-amantiin nabiyyoota hundaa Islaamummaa waan ta’eefi.
Islaamummaan diina Islaamaa warra Muslimootaan lolan wajjiin illee dursa negeenya kenna.
Rabbiin kana ilaalchisee akkana jedhe:
“Yoo jarri gara nageenyaa/waliigalteetti daban atis isitti dabi (waliigalteef dursa kenni).[Qur’aana (8:61)]
Islaamummaan lubbuu namaatiif iddoo guddaa kennuu irraa kan ka’e lubbuu qulqulluu tokko ajjeesuu akka nama hunda lafa irraa fixuutti ilaale. Akkasumas lubbuu tokko du’a irraa hambisuu akka lubbuu nama hundaa hambiseeti.” (Qur’aana 5:32)
Seenaa Islaamaa keessatti akka lakkoofsa Hijraatti waggaa ja’affaa keessa ergamaan Rabbii Muhammadii fi waa’illan isaanii umuraadhaaf (sirna gabbartii biyya Makkaa deemuun godhamu) manaa ba’an. Ummanni Muslima hin ta’in warri Makkaa Makkaan seenuu irraa jara dhowwan. Ergamaan Rabbii fi waa’illan isaaanii ummata Makkaa wajjiin walii galtee godhanii umuraa jaraa dhiisanii deebi’an. Kunis nagaadhaaf dursa kennuu Islaamaa ibsa.
Akkasumas Islaamummaa namoota Muslima hin ta’in wajjiin jiraachuu, tola itti ooluu fi haqa jaraa eeguu hin dhowwu. Qur’aanni kana ilaaalchisee akkana jedha:
“Rabbiin warra isin hin lolinii fi biyya keessanii isin hin baasinitti tola ooluu fi haqa hojjachuu irraa isin hin .” [Qur’aana (60:8)]
Nabi Muhammad (NIJ) yeroo diina isaaniitiin dirree lolaa keessatti wal-lolanillee warra waraana hin ta’in: dubartoota, ijoollee fi abbootii amantii mana amntii isaanii keessatti Rabbiin gabbaran akka hin ajjeesne waa’illan isaanii ajajaa turan. Warruma waraana keessatti hirmaateyyu gochaa faallaa namummaa kan akka qaama namaa cicciruu akka irratti hin hojjanne dhowwaa turan.

Wanti yeroo ammaa miidiyaaleen garaa garaa Islaamummaa maqaa balleessee hubannoo dogoggoraa nama hubachiisu immoo wantoota sadii keessaa hin ba’u:
1. Cubbuudhaan babal’inaa fi dagaagina amantii Islaamaa gadi qabuu fi qabeenya biyyoota Islaamaa saamuuf duula warri Dhihaa godhaniidha. Kana immoo worroonni shira warra Dhihaa beeku kanneen Muslima hin ta’in illee ni beekaan.
2. Warra dhihaatiif gabroomuu diduu, bilisummaa biyya ofii fi amantii ofii eegsisuuf qabsoo Muslimoonni godhan shororkeessummaa jedhanii dubbatu. Warra dhihaa biratti namni faallaa yaada jaraa deemu fi faaydaa jaraa dura dhaabbatu yoo hanga fedhe nageenya lallabee fi nageenya mirkaneessuuf qabsaa’es shororkeessaadha.
3. Sochii gareen tokko tokko kan Islaamummaa sirriitti hin hubanne godhanu Islaamummaa fi Muslimoota bakka buusanii dubbachuudha.

Namoonni gariin wantoota yeroo ammaa miidi’aalee adda addaa irraa dhaga’u kan gareen gara Islaamummaatti of-hirkisu hojjatuun Islaamummaa madaalu! Kun tahuu hin qabu.

Taajjabbii!

Waan Rajjii natti ta’e keessaa yeroo ammaa kana ennaa badiin jeequmsaa ykn ajjeechaan tokko bakka tokkotti raawwatame yoo namni yakka sana raawwate nama Muslimaa yookii garee Muslimaa ta’e gocha shororkeessummaa, namni yookii gareen yakka kana hojjate immoo shororkeessaa jedhama. Akkasumas amantiitti hirkifamee dubbatama. Yoo qaamni yakka sana hojjate Muslima hin ta’in immoo moggaasa shororkeessummaa hin kennanuuf!!! Sila shororkeessummaan kan hiikamu yookii moggaafamu yakka hojjatameenimoo garee hojjateeni? Kana irraa wanti