Get Mystery Box with random crypto!

Maqa_balleessii ykn hubannoo dogoggoraa Islaamni Dubartii mii | Daandii Milkii(Jennataa)

Maqa_balleessii ykn hubannoo dogoggoraa

Islaamni Dubartii miidha.

Mirgi dubartootaa Islaamummaa keessatti maal fakkaata?

Hubannoo dogoggoraa nama garii bira jiruu fi maqa_balleessii diinni hafarsu keessaa tokko Islaamni dubartii miidha kan jedhuudha!
Akka namoonni Muslima hin ta’in tokko tokko yaadanutti Islaamni dubartii miidha. Garuu faallaa isaatu dhugaadha!

Islaamummaan lubbuu dubartootaa tiksuu, mirgaaa fi kabajaa jaraa eegsisuuf dhufe. Nuti Muslimni dubartoonni walakkaa ummataa akka ta’anii fi walakkaa kaaniif immoo haadha akka ta’an amanna. Jarri(Dubartoonni) haadhaa piroofeesarootaa, doctoorotaa, saayintistootaa, oggantoota biyyaa, injiinarootaa fi kkf ti. Jarri haadha keenya, obboleettii keenya, haadha-manaa keenya akka ta’an waan beeknuuf kabajaa addaa qabnaaf.
Qur’ana keessa boqonnaa lama kan maqaa dubartootaatiin moggaafametu jira. Isaanis: “Al-Nisaa’a (dubartoota) fi Al-Mujaadilat (himattuu)” kan jedhuudha.

Kan duraa Qur’aana keessaa boqonnaa 4ffaadha. Boqonnaan kun waa’ee dubartootaa irratti xiyyeeffata. Waa’ee mirga heeruma jaraa, hiikaa (divorse), dhaalaa, haala iti wajjiin jiraatanu, akka itti horii jaraa itti kunuunsanuu fi kkf dubbata. Keessattuu ennaa jarri abbaa hin qabne.
Kan lammaffaa immoo boqonnaa 58ffaadha. Sababni boqonnaan kun bu’eef dubartii tokkotu waa’ee abbaa manaa isii ilaalchisee rakkoon isii mudate. Isiin ergamaa Rabbii Muhammaditti dhuftee waa’ee dhimma isii kanaa himatte. Ergamaa Rabbii wajjiin dubbii walittii deddeebisan. Rabbiin falammii isii kana dhagahee rakkoo isiitii fi dubartoota akka isii hiikuuf boqonnaa Qur’aanaa kana buuse. Kun kan jarri addatti dubbataman yoo ta’u boqonnaalee hafan keessatti immoo dhiiraa wajjiin dubbataman.

Mee Islaamummaa duraa fi Islaamummaa keessatti haalli jaraa akkam akka ta’e haa ilaallu:
Islaamummaa dura ummata Arabaa biratti dubra guddisuun qaanyii (waan saalfatamu) ture. Namni tokkko ennaa durbatu siif dhalate jedhame fuulli isaa ni dukkanaa’a! Xiqqeenyaa wajjiinan guddisamoo biyyee keessan awwaala jedhee dhiphata! Qaanya’uu/salphachuu baqaaf ilmoo fayyaa owwaalu turan! Kunis Qur’aana boqonnaa 16ffaa, keeyata 58ffaa&59 ffaa (16:58 &59) keessatti dubbatame.

Islamummaan dhufee gochaa logic saalaa irratti hundaa'ee Kan jibbaa fi tiffin dubartootaatiin guutame kana dhowwee lubbuu dubartootaa tikse. Gochaa badaa fi kan gara jabeenyaa dubartoota irratti hojjatamaa ture kana Qur’aanni ni qeeqe/ni balaaleffate. Badii kamiif akka ajjeefamte gaafatamuuf teessu jechuudhaan ummata akkeekkachiise. Kunis Qur’aana boqonnaa 81ffaa, keeyata 8 ffaa fi 9 ffaa (81: 8 & 9) kessatti dubbatame.

Gochi loogii kun aadaa Arabaa qofaa mitii, hordoftoonni amantii nu duraa hordofanis (Yahuudonnii fi Kiristaanonni) ilaalchi jarri dubartootaaf qaban waan baay’ee nama gaddisiisu. Fuulduratti ilaaluuf deemna.

.... itti fufa
@Saahibuddiin28