Get Mystery Box with random crypto!

Waa'ee mirga dubartootaa ilaalchisee Kan kaleessa jalqabne itt | Daandii Milkii(Jennataa)

Waa'ee mirga dubartootaa ilaalchisee Kan kaleessa jalqabne itti fufna.

1. Dhimma gaa'ila ijaarrachuu

Dhimma gaa’ila jaraa ilaalchisee Islaamummaan mirga nama fedhanitti heerumuu fi nama hin feene diduu kenneef. Kana ilaalchisee nabi Muhammad (NIJ) “Dubartiin hanga maryachiifamtutti hin heerumsiifamtu, dubri hanga eeyyamsiifamtutti hin heerumsiifamtu.” Jedhan.
“Dubri ni saalfattii hoo akkamitti eeyyamsiifamti yaa ergamaa Rabbii?” jennaan “Eeyyamuun isii cal’isuu/usuu dha” jedhan. [Bukaari (5136)]

Yeroo duraanii ijoolleen durbaa abaluun nan jaalladha jechuu ni saalfatu turan. Kanaafuu yoo jaallatan ni cal’isu, yoo jibban ni boo’u. Kanaaf eeyyamuun jaraa callisuudha jedhan ergamaan Rabbii (NIJ).

Dubartii tokko kan Kansaa intala Kizaam jedhamtu tokko abbaan isii osoo isiin hin jaallatin heerumsiisnaan deemtee ergamaa Rabbiitti himannaan heeruma sana deebisan. [Bukaari ( 6945)]
2. Waliin jireenya ilaalchisee

Dubartoota wajjiin jiraachuuilaalchisee Rabbiin akkana jedhe:
“Haala gaariin wajjiin jiraadhaa! Yoo jara jibbitanis (obsaaa). Isin waan tokko jibbitanii Rabbiin isa keessa bu’aa baay’ee taasisuun dhugaadhaa.”(Qur’aana 4:19)

3.Dhimma gaa'ila hiikuu ilaalchisee

Gaa’ila hiikkaa ilaalchisee nabi Muhammad (NIJ) akkana jedhe:
“Ennaa dubartii gadi dhiistanii baallamni jaraa gahe (dhumuuf dhihaate) haala beekamaadhaan jara qabadhaa/wajjiin jiraadhaa, yookii haala beekamaadhaan (haala gaariin) geggeessaa. Miidhaadhaaf (jara irratti roorrisuuf) jara hin qabinaa! Namni sana hojjate dhugaatti lubbuu ofii miidhe!” (Qur’aana 2: 231)
“Ennaa baallama jaraa gahan (fixatan) haala beekamaadhaan qabadhaa tahaa, yookii haala beekamaan jara irraa addaan bahaa!” (Qur’aana 65: 2)
Akkuma walii galaatti dubartootaaf gaarii yaaduu ilaalchisee nabi Muhammad (NIJ) akkana jedhan:
“Dubartootaaf gaarii dhaamaa (harka gaariidhaan qabaa)” [Bukaarii (5186)]
“Namni aban-qabnee fi dhirsan-qabnee tajaajilu akka nama karaa Rabbii keessatti duuluu, kan halkan salaatu kan hin boqonnee fi kan guyyaa soomu kan hin furre/hin nyaanneeti.” (Bukaari, Q. 7, K. 64, Lkk. 265]).
Kun hundi Islaamummaan duabartootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu nu agarsiisa.

@Saahibuddii28