Get Mystery Box with random crypto!

Maaliif ilmoon yeroo garii essumman fakkaatti? Dhugummaa Nab | Daandii Milkii(Jennataa)

Maaliif ilmoon yeroo garii essumman fakkaatti?

Dhugummaa Nabi Muhammad (SAW)
Akkuma beekamu dhugumma Amantii Islaamaa, Qur'aanaa fi Nabi Muhammad qaamoleen garaa garaa ragaa bahaafii turan. Har'a ragaa dura ta'aa fi beekaa guddaa Yahuudotaa kan turee ilaalla. Innis Abdallah bin Salaam jedhama.

Abdallaan bin Salaam beekaa guddaa fi abbaa amantii Yahuudaa ture. Dubbii jidduu jaraatti ta’e asii gaditti haa hordofnu:

Ennaa ergamaan Rabbii Muhammad (NIJ) Makkaan irraa Madiinaa godaanan Abdallah bin Salaam dhufuu isaanii dhaga’ee dhufee akkana jedhe:
“Waa sadii kan nabiyyii/ergamaa Rabbii malee namni tokkollee hin beekne irraan sigaafadha. (Isaanis):
1. Mallattoon Qiyaamaa () kan duraa maali?
2. Nyaanni warri jannataa dura nyaatanu maali,
3. Maaliif ijoolleen (yeroo garii) abba (yeroo garii immoo) eessumman fakkaatti?” jechuun gaafate.

Ergamaan Rabbiis akkana jechuudhaan deebisan:

“Jalqabni mallatoo qiyaamaa ibidda bahaa irraa gara dhihaa nama ooftuudha,
Nyaanni jalqaba warri jannataa nyaatu dabala tiruu qurxummiiti (Extra-lobe of fish-liver),
Fakkiin ijoollee immoo ennaa walqunnamtii saalaa yoo dhiirri dura dhangala’oo buuse (if male gets discharge first) ijoolleen abbaa fakkaatan, yoo dubartiin dura buuste eessumman fakkaatu.” Abdallaan bni Salaam ati akka ergamaa Rabbii taate raga bahe jedhe.

Sana booda Abdallah bin Salaam waa’ila ergamaa Rabbii keessaa tokko ta’ee osoo addunyaa gubbaa jiruu jannataan gammachiifame.

Nabiin keenya yeroo hunda qormaata qaama kam irraallee isaanitti dhufu kufanii hin beekanu, kunis amaluma haqaati.

@Saahibuddiin28