Get Mystery Box with random crypto!

#Kutaa #13ffaa #Hojii #manaa Ragaa #Ibroota #5 | Daandii Milkii(Jennataa)


#Kutaa #13ffaa


#Hojii #manaa


Ragaa #Ibroota #5:7 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.


#Ibroota #5:7
“#Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata gara isa #du'a isa #oolchuu #danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, #kadhanni #isaa #in #dhaga'ameef.”


Gafii
Akka ragaa #Ibroota #5:7 keessatti dubbatametti, hima kamtuu wa'ee Yesuus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti sirriidha?
A. Namoonni itti booyanii akka du'a isaan oolchuuf kadhataa turan.
B. Namoonni imimmaaniin akka isaan fayyisuuf kadhataa fi waammata gara isaa dhiheessa turani.
C. Sababa Yesuus Waaqa ta'eef, kadhanna namoonni isa kadhatan isaanii dhaga'ameef.
D. Deebiin hin jiru



Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Ibroota #5:7 irraa argannu;

#I- Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti:

1ffaa- Rakkoo isa mudatte keessaa bahuuf (akka Yahuudonni isa hin ajjeefneef) jecha, sagalee #guddaadhaa fi #imimmaaniin, Waaqa #kadhataa fi #waammata turuu isaa.

2ffaa- Yesuus dandeetti isaatiin #lubbuu isaa #du'a #irraa oolchuu yookaa hambisuu akka hin #dandeennee hubatee boohuu isaa (ilma namaa biroo aangoo isaatiin fayyisuu yookaa rakkoo wohii irraa baraaruu mitii).

3ffaa- Yesuus boohaa (imimmaaniin) Waaqa kadhatuun isaa, aangoo Waaqummas ta'ee humna rakkoo ittiin furatu #tokkoo #akka #hin #qabne (waan Rabbiin isaa fedhe yoo taate malee) ifatti mirkaneessuu isaa.

4ffaa- Garuu, kan #du'a isa #oolchuu #danda'u yookaa cinqaa keessaa isa baasuu danda'u #Waaqa #qofa ta'uu beekuu isaa. (Kanaafuu, Waaqa waan hundaa irratti dandeettii qabu, ka uumaan hundi isatti hajamu san, innis kadhaa fi waamata dhi'eessuun dandeettiin hunduu ka #Rabbii #qofa ta'uu mirkaneesse jechu).

5ffaa- #Yesuus waan #gabricha Rabbii ta'eef, akka namni hin beeknes hubatuuf gochaan gabricha Rabbii ta'uu mudhisuu isaa. (#Waaqayyoof #gad #of #deebisee akkasuma #isatti #of #kennee yeroo jedhu).

6ffaa- Sababii Yesuus ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateef, bu'aan Yesuus argate, #kadhanni #isaa #isaa #dhaga'amu yookaa awwaatamuu akka ture (#du'a #irraa Rabbiin isa #hambisuu yookaa oolchuu isaa) fi #Yesuus du'ee #du'aa ka'e yaadni jedhu #olola ta'uu isaa mirkaneessaa jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
By:XR
Baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa

@Xaalibu6504
@Saahibuddiin28