Get Mystery Box with random crypto!

Yeroo hunda gaarii yaadi, gaarii hojjadhu. Kun seenaa gorsa g | Daandii Milkii(Jennataa)

Yeroo hunda gaarii yaadi, gaarii hojjadhu.

Kun seenaa gorsa guddaa qabu waan ta'eef barruu Afaan biraa irraa dubbiseen isiniif hiike. Obsaan dubbisii barnoota irraa fudhu.

Dargaggoon tokko waa'ee abbaa isaa akkana jechuun ibsa:
Abbaan kiyya osoon ibsaa hin dhaamsin anaa ala jiruu yoo kutaa kiyya seene "Maaliif akkas ibsaa qisaasta?" jedha.
Yeroo mana fincaanii seenee bishaan coccophu arge "Maaliif boombaa sirriitti cufuu dhiistee bishaan qisaasta?" Jedhee na qeeqa.
Yeroo hunda waan guddaa fi xiqqaa irrattis na qeeqa!
Yeroo dhukkubsatee ciisullee na qeeqa!
Osoon haala kana keessa jiruu guyyaa tokko carraan hojii an yeroo dheeraaf eegaa ture dhaabbataa guddaa tokko irraa waan naaf argameef jireenya kiyya keessatti yeroo jalqabaatiif interview dhaaf Qophaa'ee ka'e.
Onnee koo keessa yoon hojii kanaaf dorgomee darbe gonkumaa xuxxuqaa/qeeqinsa abbaa kiyyatti hin deebu'u jedhaan bahe!
Yeroo ani ganama bariin uffata bareedaa uffadhee, urgeeffadhee bahu abbaan koo gateettii koo harka isaatiin dhahe.
Yeroo ani milladhee ilaalu abbaan kiyya ni seeqata. Kanumaa wajjiin Mallattoon dhukkubbii immoo fuula isaa irraa mullata!

Maallaqa wahii naaf kennee akkana naan jedhe:
"-Nama gaarii yaaduu fi gaarii hojjatu tahi,
- ofitti amani,
- gaaffii kamiifuu harka hin kennin/hin sodaatin" naan jedhe.
Qalbii kiyya keessa "Sa'atii gammachuu kootii kana keessalle na gorsuu hin dhiisuu! Gammachuu koo narkatti booressuufimoo? Jedhaan gorsa isaa fudhee deeme...

Yeroon deemee seensa dhaabbatichaa irra gahu wanti raajiin na mudate!!!

Waardiyyaas ta'ee namni keessummaa simatu hin jiru! Barreeffama/akeeka iddoo interview akeeku qofatu jira!!!
Yeroon mooraa ol seenu qabattoon balbalaa/ulaa miidhamee iddoo isaatii sochoo'we jira.
Dhaamsa abbaan koo yeroo an bahu naaf dhaame (gaarii hojjadhu... isa jedhu) yaadadheen qabattoo ulaa iddoo isaatti deebisee darbe.

Qajeelfama karaa irra jiru hordofaan gara kutaa interview deemuu jalqabe. Osoon deemuu hoyruu keessatti kuusaa bishaanii guutee dhangala’u arge. Kan abbaan koo duraan bishaan hin qisaasin jedhee na qeequ yaadadheen bishaan sana kuusaa bishaanii isa tokkotti waraabee, hir’isee darbe!
Ammas deemsa kiyya ittin fufe. yeroon gamoo irra olbahu ampuulii hedduu kan lafa guyyaa ibsamee jirun arge. Isa abbaan koo yeroo hunda ifaa hin qisaasin jedhee natti himu yaadadheen ifaa sana dhadhaamsee iddoo interview seene!
Deemee maqaa kiyya galmeesseen taa’e. Yeroo ani taa’u warri anaa waliin dorgomuuf ta’anii dabaree eeggatan akkataan uffannaa fi babbareeffannaa isaanii waan addaati!
Gariin isaanii Yuuniversitii Amerikaa irraa waan eebbifamaniif isaan of-dhaadu!
Kan ilaaleen gadi aantummaan natti dhagahame!
yeroo ani taa’ee ilaalu namoonni interview dhaaf seenan hunduu osoo daqiiqaa hin guutin bahu!!! Waan raajii mitii!!!
Jarri kunuu osoo qoophii kana hunda qabanuu fudhatamuu didanii ani fudhatamaa??!! jedheen of gaafadha!
Osoo kufte naan hin jedhaminin kabajaa kootiin dorgommii kana dhiisee baha jedheen yaade!
Anaa bahuuf iddoo kiyyaa ka’ee na waaman. Ol seeneen fuuldura nama sadi’ii taa’e.
Na ilaalanii seeqatan!

Raajii dhufaa jiru eegi…!

“inni tokko yoom hojii eegalta” naan jedhe!!!
Rifadheen dhamahe! yookii natti qoosaa jiru, yookii immoo inni kun gaaffii interview keessaa isa tokko jedheen fudhe.
Achumaanan gorsa abbaa kootii kan qormaata tokkoofuu akkan harka hin kennineef nama ofitti amanu akkan ta’u kan inni naaf dhaamen yaadadhe.
Ofitti amantummaadhaan “Yeroon qormaata ofkole” jedheen deebise.
Inni tokko “Qormaata dabartee jirta, wanti hunduu xumurameera” jedhe!!!
“Namni tokkollee isin keessaa kan gaaffi na gaafate hin jiruuhoo akkamitti?”n jedheen!
Inni sadaffaan “Gaaffii qofaan ogummaa/gahumsa madaaluu akka hin dandeenye sirriitti hubannee jirra, kanaaf hojiin nama madaaluu murteessine” jedhe!!!
Kanuma irraa ka’uun qormaata hedduu kan amala namootaa fi hangam qabeenya dhaabbatichaa manca’iinsa irraa akka eegu mirkaneeffannuun qopheessinee keenyee jirra. Namni wanta badaa jiru kan nuti beekaa goone sana sirreesse si qofa!!! Kana immoo kaameeraa to’annaatiin hordofaa turre jedhan!!!
Dorgomaan