Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Milkii(Jennataa)

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Ratings & Reviews

1.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


آخرین پیام ها 10

2021-08-01 19:02:01 Filachuun deebisi!

Barnoonni as irraa argattu akkamitti ilaalta?

A.Baay'ee faayidaa qaba.

B.Faayidaan isaa giddu galeessa (baay'ees xiqqiis miti).

C.Faayidaan isa baay'ee xiqqoodha.

D.Faayidaa tokkollee hin qabu.

Deebii kee isii kana @Saahibu28 gadi xuquun nuuf erga.
46 viewsAbdii Qaba, edited  16:02
باز کردن / نظر دهید
2021-08-01 18:48:21 1.3 Deebii gaafii warra Yeruusalemiif kennamte

Mat-duree kana keessatti immoo Gaafii Namoota Mandara Yerusaalemi fi deebii warri Iyyesuus wajjiin turan isaaniif laatan ilaallu. Akka macaafichi seeneessutti “Yeroo Iyyesuus harree yaabbatee Yeruusalemitti galu mandarichi guutumatti ni raafame.” Jedha. Namoonni mandara Yeruusaalem kana keessa jiraataniis “kun eenyu?” jedhanii gaafatan. Yeroo kana namoonni isa wajjiin adeeman immoo maal jedhanii deebisan kan
jedhu keewwata asii gadii kana irraa haa ilaallu mee. Akkana jedha: -

“Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya
Galiilaa ti" jedhee deebise.” (Matewos 21:11)
Xiinxali Yaa Namaa! Namoonni Iyyesuus faana adeemaa turan kunniin namoota isatti
amananii isa faana bu’anii dha. Amantiin namoota kanaa garuu akkuma Keewwata olii
kana irraa hubattan “Iyyesuus waaqa ykn gooftaa dha” kan jedhu hin turre. Inumaatuu
akkuma keewwaticha irraa dubbiftan “Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa
biyya Galiilaa ti” kan jedhu ture.

Eegaa namoonni isatti amananii isa waliin jiraachaa turan inni “Nabiyyii” ta’uu isaa
kan ragaa bahanii fii amanan yoo ta’e; ati hoo har’an maaltu argamnaan “Iyyesuus
Gooftaa dha” jettee amantii namoota hordoftoota Iyyesuus kan jalqabaa ta’an kana irraa
adda ta’e akka isatti amantu si taasise ree? Deebii isaa namuma haqa barbaaduufiin
dhiisa.

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
59 viewsAbdii Qaba, edited  15:48
باز کردن / نظر دهید
2021-08-01 09:16:20 MUL'ATA Kee Cimsachuu Yoo Barbaadde Dubbisii Itti Fayyadami

Osoo agartuu yoo hin hubatin sitti himuun bu'aa hin qabu.

Jiraachuun kee eenyuunuu yoo hin fayyadin du'uun kee eenyuunuu hin miidhu.

Kayyoo malee namni jiraatuu jiruu horiitiin garaagarummaa hin qabu.

Biyyi tiyya maal naa gootee osoo hin tahin ani biyya tiyyaa maal godhe jedhi.

Jiruma tana keessaa osoo du'ee jechuu irra waan yeroo duutu si fayyadu qopheeffadhu.

karoorfatuu qofa osoo hin taane karoora kee hojitti jijjiiri.

Carraaqatuun bu'aa qaba osoo siree irrattis taatee.

Teesssee haasahuu qofarra cal'istee deemuutuu caala.

Gowwaa ta'anii quufuu irra qaruutee(gamna) ta'anii beelahuutu caala.

Beekkumsi kee nama yoo hin fayyadin wallaalli kee eenyuunuu hin miidhu.

Lafti nama irraa qotee nyaatuu osoo hin ta'in ka irra ciisee nyaatu komatti.

Suuta suutaan ka tarkaanfatu bakka guudda gaha.

Mul 'ata dheeraa namni qabu nama hundaa caala osoo gabaabaa taheellee.

Nyaachuuf qofa yoo jiraatte harreen garaagarummaa hin qabdu.
COPY
@Saahibuddiin28
137 viewsAbdii Qaba, 06:16
باز کردن / نظر دهید
2021-07-31 16:41:14 Dr. Joseph Adam Pearson rightly says, ’People who worry that nuclear weaponry
will one day fall in the hands of the Arabs, fail to realize that the Islamic bomb
has been dropped already, it fell the day MUHAMMED (pbuh) was born’.
@Saahibuddiin28
172 viewsAbdii Qaba, 13:41
باز کردن / نظر دهید
2021-07-30 09:07:19 Akka yaada qabdan naaf dhiheessitan bifa armaan gadii kanaan isin gaafadheen ture.Haa ta'uu teesseen ani isiniif kenne dogongora waan tureef na argachuu hin dandeenye;amma waanin sirreesseef naan ga'uu dandeessu.
Yaada ykn gaaffii qabduu ?Barreeffamni Isinitti baay'atee ?
Maaltu haa sirraatu jettu ?
As gadi xuquun nuun ga'aa.

@Saahibu28
257 viewsAbdii Qaba, 06:07
باز کردن / نظر دهید
2021-07-30 09:02:46 Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
237 viewsAbdii Qaba, 06:02
باز کردن / نظر دهید
2021-07-30 09:02:46 1.2 Naafa fayyisuu fi Raga bahinsa namoota Milikkata Arganii

Mata dureewwan kanneen jalatti ilaalcha namoonni amma jiran kunniin
(kiristiyaanoonni) dinqii fii milikkata garagaraa kan Iyyesuus hojjete jedhamee
Macaafa warra kiristiyaanaa keessatti seeneeffamaniif qabanii fii ilaalcha warri yeroo
san isa bira turanii fii waa’ee wanta argan Sanaa ragaa bahan qaban maal fakkaatu kan
ilaalaa jirru ta’uu hin dagatinaa. Haaluma kanaan mata duree olitti ilaallu keessatti ragabahinsa namoota bidiruu irra turanii waliin ilaallee irra dabarree jirra. Ammaas sanuma
irraa itti fufuudhaan erga bidirichaan gama ce’an booda wanta ta’e ilaalleeti sana booda
ilaalcha durii fii ilaalcha ammaa kana wal cinaa qabnee ilaalla.
Wangeela Matewoos 9:1-8, Maarqos 2:1-12, fii Luqaas 5:17-26 irratti; Yesuus
bidirichaan bishaan ce’ee gara mandara isaa dhufe. Iyyesuus mandara kana keessattiis
Namticha dhagni isaa gar tokkoon irratti du’e tokko argee ni fayyise. Maatewos
boqonnaa 9, Lakkoofsa 6 irratti “Ka’ii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!” jedheenii
akka fayyise ni dubbata. Kiristiyaanoonni amma Iddoo isin jirtan hundatti argaman
kunniin hanga qabxii kanaatti erga siif dubbisan booda, goolabbii (Conclusion)
“Iyyesuus gooftaadha!” jedhu irra yoo ga’an argita. Kuni garuu dadhabina yookiin
dogoggora isaaniiti. Akkamitti? Maalif” yoo jette. Ammallee fagoo hin dhaqin.
Boqonnuma kana lakkoofsuma itti aanu ykn Lakkoofsa isaan ragaa waaqummaa
Iyyesuusiif siif kennan kana itti fuftee yoo dubbifte dhugaan jiru ni hubatta. Kuniis
Raga bahinsa namoota gocha kana daawwachaa turaniiti. Akkana jedha: -
«Namoonni kana yommuu argan in na'an, Waaqayyo isa aboo akkasii namootaaf
kenneefis hooqubaa dhi’eessan. » (Matewos 9:8)
●►Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
“Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay’ee sodaatanii Waaqayyo isa
namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.” (Wangeela Maatewos 9:8)
●►Baaybila “New International Version(NIV)” jedhu irratti
They praised God, who had given such authority to human beings. ●►Baaybila “International Standard Version(ISV)” jedhu irratti immoo akkana jedha:
When the crowds saw this, they became frightened and glorified God for giving such
authority to humans
Hubadhaa! As irratti illee akka kiristiyaanoonni ammaa kunniin “Iyyesuus naafa waan
fayyiseef gooftaadha!” jedhan kana osoo hin taane. Namoonni waan kana arganii fii
hordofaa turan kanneen qaamaan achi turan kunniin Iyyesuus osoo hin taane
“Waaqayyo isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef” galatoomfatan ykn ulfina
kennan. Iddoo kana irratti “Namoota” jecha jedhu kan itti barbaadame Iyyesuus akka
ta’e wal nama hin mormisiisu. Haa ta’uu malee garuu namoonni achi turan kunniin
kan galateeffatan Iyyesuusiin osoo hin taane “Waaqayyo isa Iyyesuusiif aangoo
akkasii kennee” dha.
[3]
Eegaa! Namoonni qaamaa fii yerooniis wanta ta’e kana itti dhiyeenyaan hordofaa
turan akkuma kitaaba keessatti ibsamee namni hundi dubbisu kanatti Waaqayyummaa
Iyyesuus kan ragaa hin bane yoo ta’e; ati kan barreeffamaan dubbisuuf malee taatee
ta’e sana ija keetiin hin argin akkamiin kana ragaa godhattee Iyyesuus waaqeessuuf
tattaafatta? Deebii sammuu dhugaan barbaaddu hundaafiin dhiisa.
Itti fufa...


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
245 viewsAbdii Qaba, 06:02
باز کردن / نظر دهید
2021-07-29 17:11:51 An-Nahl 16:97

مَنْ عَمِلَ صَٰلِحًا مِّن ذَكَرٍ أَوْ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَلَنُحْيِيَنَّهُۥ حَيَوٰةً طَيِّبَةًۖ وَلَنَجْزِيَنَّهُمْ أَجْرَهُم بِأَحْسَنِ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina (Nama Rabbitti amanaa)ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin(Jennataan) isaan mindeessina.


@Saahibuddiin28
235 viewsAbdii Qaba, edited  14:11
باز کردن / نظر دهید
2021-07-28 09:03:15 1. Ilaalcha Namoonni Iyyesuusiif Qaban Yoo madaalle

1.1 Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii
Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii kan Maatiwoos 8:23-27, Marqoos 4:35-41
fii Luqaas 8:22-25, irratti seeneeffamanii yoo ilaallu; Iyyesuus Biyya Qifirnaahoom
jedhamutti dinqii fi mallattoowan gara garaa hojjetee namoonni hedduun naannoo isaa
akka jiran yommuu argu, barattoonni isaa gamatti akka ce’an ajaje jedhee jalqaba
seenichi.
Maatiwoos Boqonnaa 8, Lakkoofsa 23 irraa jalqabee hanga 26 irratti akkana jedha
“Sana booda Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii deeman. Yeroo kanatti
obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan ka’eef, bishaanichi bidirichatti
nam’uu jalqabe; Yesuus garuu rafaa ture. Barattoonni isaas gara isaa dhaqanii erga
isa dammaqsanii booda, “Yaa Gooftaa dhumuuf jenna, nu oolchi!” jedhaniin. Inni
garuu, “Isin warra amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”
isaaniin jedhe. Achiis ka’ee qilleensichaa fi galaanicha ifate; tasgabbii guddaanis ni
ta’e.”
Kiristiyaanoonni baay’een yookiin immoo warren waaqummaa Iyyesuus amananii fii
nama amansiisuuf yaalan hundi qabxii hanga kana erga dubbisan booda “Iyyesuus
gooftaadha! Aameen!” jedhanii akka bira dabran beekkamaa dha.
Dhugaan jiru garuu jecha isaanii kanaan faallaadha. Sababni isaas namoonni yeroo sana
qaamaan bira turanii fii gochicha kana ijaan argan jedhaman ilaalcha akkana kana waan
hin qabatiniif. Kana hubachuufiis fagoo deemuun nurraa hin eeggamu. Keewwatuma
isaan “Aameen!” jedhanii goolaban kana itti fufnee Keewwata itti aanu jechuuniis
Keewwata digdamii torbaffaa yoo dubbifnu waa’ee namoota gocha kana dhiheenyatti
hordofaa turanii fii waa’ee gochichaa ragaa bahanii yeroo dubbatu akkana jedha: -
.
«Kana irratti namoonni dinqisiifatanii “Kun Nama akkamiiti? Qilleensii fi Bishaan
iyyuu in abboomamuuf” jedhan. » (Wangeela Maatewos 8:27) Hubadhaa! Keewwata kana irratti namootni yeroo inni milikkata(dinqii) gara garaa
hojjetu kana isa bira turan kunniin yeroo ragaa bahan “kuni waaqa akkamiiti?” hin
jenne. “kun gooftaa akkamiiti?” hin jenne. Wanti isaan jedhan “kun ‘Nama’ akkamiiti?”
Jedhan.
Jechi Afaan girikii kan Iddoo kanatti hojiirra oole immoo “α νθρωπος ̓́ ” ykn
“Antiropos” kan jedhu dha. Antiropoos jechuun immoo ‘waaqa guutuu fii nama
guutuu’ jechuu osoo hin taane ‘nama guutuu qofa’ ykn “human being” jechuu dha.[1]
Kitaabni “International Standard Bible Encyclopedia” jedhu Jildii 1ffaa fuula 508
irratti akkana jedha: -
“Of the Greek terms anthropos stands for man(kind) generally — a human being”
Jechuuniis gabaabumatti yoo hiikamu “Afaan girikitti jecha ‘Antiropoos’ jedhu ilma
nama qofa ibsuudhaaf hojiirra oola” jechuu ta’a.
Eegaa! Namoonni qaamaa fii yerooniis itti dhiyeenyaan dhimma kana hordofaa turan kana jedhani isin maalirra dhaabbattanii Waaqa ta'uu isaa nutti lallabdu ?
Itti fufa..
Chaanaali keenya join godha
@Saahibuddiin28
314 viewsAbdii Qaba, edited  06:03
باز کردن / نظر دهید
2021-07-27 09:13:28 Seensa
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.
Yeroo baaay’ee kiristiyaanonni Iyyesuus waaqeessuuf jecha mo’ijizaa (dinqii fi
milikkata) gara garaa kan inni hojjete akka ragaatti nuuf dhiyeessu. Irra
daddeebiidhaanis Iyyesuus du’aa waan kaaseef, Jaamaa waan fayyiseef, Nyaaata
xiqqoo waan baay’iseef, naafa waan fayyiseef fi kkf waan hojjeteef inni waaqayyoodha
yaada jedhu nuuf dhiyeessu. Haa ta’uu malee garuu wanti yeroo mara Rabbii keenya
galateeffannu dhugaan jiru kanaan faallaa ta’uu isaati. Kanaas kan nuuf mirkaneessuu
danda’an namoota yeroo inni dinqii fi milikkata kanneen hojjetu isa arganii isa
hordofan jedhamanii kitaabichuma isaanii keessatti seeneeffamaniidha. Namoonni kun
akka amma nuun jedhamu kana (Iyyesuus waaqaa fi gooftaa dha) osoo hin taane;
Iyyesuus ilma namaati (human being), Iyyesuus Raaajii/Nabiyyiidha, Iyyesuus
ergamaadha fi kkf jedhanii amanu. Mata duree kana jalattiis walitti fufinsaan kan nuti
ilaallu dinqiiwwan fii milikkitaawwan Iyyesuus hojjete jedhamee kitaabicha isaan
harkaa qaban keessatti seeneeffamanii fii ilaalchaa fii amantii namoonni yeroo sana
achi turan jedhaman gochichaaf qaban kan ilaallu ta’a. Haaluma kanaan namoonni
jaarraa amma nuti keessaa jiraannu kana keessaa jiran hoo gocha wal fakkaataa kanaaf
ilaalchi isaan qaban maali kan jedhu wal cinaa qabaa kan ilaallu ta’a. Itti fufa...
@Saahibuddiin28
142 viewsAbdii Qaba, edited  06:13
باز کردن / نظر دهید