Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Milkii(Jennataa)

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Ratings & Reviews

1.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


آخرین پیام ها 7

2021-10-18 09:01:11 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU

QABXII 11FFAA
☞Waaqni Tokkicho Beekaa Waan Hundaati, Wanti inni hin beekne Tokkolleen hin jiru:-
Ibroota 4:13 «Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda’u; wanti hundinuu saaqamaa, ija isaa durattis mul’ataa dha;…»
Wangeela Maarqos 13:32 «Yesus itti fufee, “Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa; ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.»
★☞Faallaadhaan Iyyesuus immoo Mataa ofiitiin homaa hin beeku yookiin waan hin beekne ni qaba:-
Wangeela Maarqos 11:13 «Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ija irraa argadha laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga’ee baala malee waanuma tokko irraa dhabe;….»
Wangeela Yohaanis.8:28 «Kanaaf Yesus, “Ilma namaa kana erga muka irratti ol fuutanii, eenyu akkan ta’e, ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani in hojjennes in hubattu.»
Wangeela Yohaanis.6:45 «Macaafa raajotaa keessatti, ‘Hundumti isaanii warra Waaqayyo isaan barsiise in ta’u’ jedhamee caafameera; abbaa koo irraa kan dhaga’ee fi kan bare hundinuu immoo gara koo in dhufa.»
Wangeela Yohaannisi.7:15-16 «Yihudoonni warri Yesusiin morman, “Inni kun barumsa dheeraa utuu hin qabaatin, attamitti macaafota beeke? “jedhanii dinqifatan. Yesus immoo isaaniif deebisee, “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee.»
Wangeela Maarqos 13:32 «Yesus itti fufee, “Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa; ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.»
Wangeela Luqaasi 7:39 «Fariisichi isa waame sun kana yommuu arge, “Namni kun dhugumaan raajii utuu ta’ee, isheen miilla isaa qaqqabdu kun dubartii attamii akka taate in beeka ture; isheenoo cubbamtuu dha” jedhee garaa isaatti yaade.»
] Waaqni Tokkichi Beekaa Waan hundaa Yoo Ta’e, Iyyesuus immoo kan Waan hunda hin beekne yoo ta’e; Iyyesuus Waan hunda hin beekne, Akkamiin Waaqa Waan hunda Beekaa Ta’e Ta’uu Danda’a?

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
175 viewsAbdii Qaba, 06:01
باز کردن / نظر دهید
2021-10-11 18:59:02 Islaamummaan Amntii haaraa fi kan ergaa bu’uuraa ergamtoota duraanii balleessuuf dhufe miti.
Islaamummaan qabiyyee bu’uuraa amantiiwwan ergamtoota duraa jabeessuu fi kitaabban ergamoota duraanii dhugoomsuutti ajajuudhaa fi to'achuudhaan dhufe. Kana ilaalchsee Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedhe: “Ergamaan waan Rabbii isaa irraa gara isaatti buufametti amane, amantoonnis/mu’mintoonnis. Hunduu Rabbitti, malaykota Isaatti, kitaabban Isaa fi ergamtoota Isaati amanan…” jedhan. (Qur’aana 2:84)
Garuu haala ummata boodaa kanaan wal-madaalu,Akkaataa jireenyaa fi amantaa keessatti isa sirrii fi yeroo kanaa wajjin deemu Rabbiin waan beekuuf wantoota tokko tokko kan inni Islaamummaa keessatti haaromse/fooyyesse ni jira. Kun immoo amantii duraa keessas ni jira.Fakkeenyaaf Nabi Iisaan (NIJ) erga ulafaataa tokko tokko kan kitaaba Nabi Muussaa (Kakuu Moofaa) keessatti ture fooyyessanii turan. Haaromsi kun immo qabiyyee fi ergaa bu’uuraa hin jijjiiru.
Muslimoonni hunduu ergamtoota Rabbii hunda kan akka Nuuh, Ibraahiim, Ishaaq, Yaaquub, Muusaa, Iisaa, Muhammad fi kanniin biroo (NJJ)warra Rabbiin erge hundatti ni amanu. Isaan keessaa digdamii shan (25) Qur’aana keessatti maqaan jaraa dubbataman, warri biraa kan maqaan jaraahin dubbatamne akka jiran Rabbiin dubbatee jira.
Isaan hunduu Islaamummaadhaan ergaman. Islaamummaan yeroo Nabi Nuuh (NIJ) Nuuhiin hordofuudhaan ta’a, yeroo Nabi Ibraahiim (NIJ) Ibraahimiin hordofuudhaani, yeroo Muusaa (NIJ) Muusaa hordofuudhaani, yeroo Nabi Iisaa /Iyyasuus (NIJ) Iyyasuushordofuudhaani…, yeroo Nabi Muhammad (NIJ) ergaman irraa hanga addunyaan dhumtutti Nabi Muhammad (NIJ) hordofuudhaani. Kunis waan isaan ergamaa Rabbii kan xumuraa waan ta’aniif.
Warri osoo nabi Iisaan (NIJ) hin ergamin Nabi Muusaa (NIJ) hordofaa turan yeroo nabi Iisaan dhufanu yoo isaanittis amanan ergamtoota lammanuuttuu amanan jedhamu. Duraanis Islaamummaa irra turani erga Nabi Iisaan (NIJ) ergamanii boodas Muslima jedhamu. Yoo yeroo Nabi Iisaan ergaman ergaa isaani didan diddoota (finciltoota,Kaafiroota)jedhamu Akkasumas warri duraan ergamoota duraanitti amananii yeroo nabi Muhammad ergamanis isaanittis amananii isaan hordofan Muslimoota jedhamu.Worri didani ergamaa isaanii duraa qofatti amanan immoo diddootata jedhamu.Fakkeenya kanaa kan ta'u Kiristaanotaa keessaa isaan Yesuus ergamaadha jedhanii amananii fi Yahuudota warri nabi Muusaan ergamaa ta'uutti amananiidha.
Namni ergaamaa duraaniitti amanee hordofaa turee erga Nabi Muhammad ergamanii isaanittis amane Rabbiin biratti galata dachaa argata jechuudhaan nabi Muhammad gammachiisanii jiru.Islaamummaa kan nabi Muhammad ittiin ergaman kan duraaniis of keessatti qabatee bifa irra guutu,fooyya'aa ta'een dhufe.Kunis ergaa dhumaa fi addunyaawaa(Idila addunyaa) waan ta'eefi.

Dabalataaf chaanalota keenya armaan gadii join godhe!
@Saahibuddiin28
112 viewsAbdii Qaba, 15:59
باز کردن / نظر دهید
2021-10-06 08:56:32 YAADA BU'UURAA FI IJOO KAN ISLAAMUMMAA

Qabxiinbu'uuraakan Islaamummaan itti nama waamu:"Kan dhugaan
gabbaramu Rabbiin tokkicha malee hinjiru,Muhammad ergamaa Rabbiiti"jedhanii amanuudha.
Kun bu'uura amantii Islaamaa kan nabiyyiin Muhammad (NIJ) barsiisaaturaniidha.Rogoowwam (dhagaa bu'uuraa)shanan amantiin Islaamaa irratti ijaaramu keessa isa duraati.Kun qabxii namni Muslimaa fi Muslima hin ta'in ittiin adda bahuudha.Islaamummaan amantii bilisummaati.Rabbiif malee qaama tokkoof gabroomuu hin eeyyamu.Ilmi namaa uumaa Rabbii keessaa isa irra kabajamaa fi ulfaataadha;kanaafuu nama akka isaa gabbaruun ,yookiin uumama biraa kan isaa gadii gabbaruun kabaja ilma namaa balleessuu fi haqa Rabbiin ittiin kophaa bahe qaama biraatiif kennuudha.Kanaaf Islaamummaan Rabbiin malee qaama biraa tokkollee(ergamaa ta'us,Malaykaa ta'us muka,dhagaa,aduu fi kkf)gabbaruu jabeessee dhorka.Rabbii tokkicha kan wantoota kanaa fi uumaa biraa kophaa isaa uumee jiraachisaa jiru qofa gabbaruutti ajaje.Amantii Islaamaa keessatti yakki inni guddaan Rabbii wajjin qaama biraa gabbaruudha.Amantii garii keessatti waa'een Rabbii fi nabiyyootaa yookaan ergamootaa haala wal-dhahaa fi namaaf hin fudhatamneen hubatamee jira,garuu waa'een kanaa Islaamummaa keessatti sirriitti addaan ba'ee jira.
Hundinuu maalummaa isaanii fi mirgi isaanii ifatti addaan baafamee jira.Akka amantaa biraa walmakataa fi walxaxaa waan sammuun namaa fudhachuu didu miti(neither confusing nor illogic).Rabbiin mootii tokkocha waan hunda dura jiru,kan waan hunda booda hafu,kan waan hundaa olii,kan waan hunda beeku,kan waan hunda uume,kan jiraachisu,kan ajjeesu,kan dhukkubsu,kan fayyisu,kan ergamoota erge,Kan Kitaabota buuse;kan waan addunyaa keessatti ta'ee darbe,kan amma ta'aa jiru,kan fuuldura ta'uuf ta'u kan to'atuudha.Taayitaa isaa keessatti namni tokko(qaamni tokko) kan itti hin qindoofneedha.Nabiyyoonni immoo ilma namaa ta'anii warra Rabbiin namoota keessa filatee akka isaan ergaa Rabbii ummataan ga'anuuf,Karaa sirrii namoota qabsiisanuuf ,kitaaba Rabbii nama barsiisanuuf gara ummataatti ergeedha.Isaan dhala namaa keessa filatamoodha.Kana jechuun ergaa Rabbii ummataan gahuu irratti amanamtoota,ummataaf yaaduu keessatti filatamtootaa fi amanamtoota,nama kamiinillee caalaa seera Rabbiitiif ajajamtoota,Warra lubbuu ofii caalaa seera Rabbii bakkaan gahuu fi ummata karaa badiisaa fi ibidda irraa oolchuuf qabasa'niidha.
Isaan mirga gabbaramuu hin qaban.Isaan keessaa namni tokkollee na gabbaraa /naaf gabrooma yookiin Rabbiin malee uumaa biraa gabbaraa hin jenne.Isaan Rabbiif qofa gabroomuutti nama waamaa turan.Akka Islaamummaan barsiisutti Rabbiin hin dhalanne (Haadhaa fi abbaa hin qabu,duruma irraa jira)hin dhalle(ilmoo hin qabu),hiryaa yookiin fakkaataa hin qabu,hin rakkatu qaama tokkotti hin dhimmu/of gahaadha.Kunis Qur'aana keessatti haala armaan gadiitti ibsamee jira.
Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha. Allaahn hirkoo waa hundaati.Hin dhalle hin dhalannes.Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.”(Qur'aana 112:1-4)
Itti fufa...
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
298 viewsAbdii Qaba, 05:56
باز کردن / نظر دهید
2021-10-04 19:46:31 Amala Nuti Qabaachuu Qabnu

Amalli nurraa eegamu waan hunda keessattuu saba kamiifuu Rabbiin sodaachuu akka ta’e Rabbiin nutti himee
“Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa
keessani” jedhe. Kana jechuun ummata sabaafi sablammii adda addaa kana keessaa “kamtu irra caala? Isa kamtu
filatamuu qaba? Isa kamtu durfamuu qaba?” kan jedhuuf
deebiin sirriin “isa waan hunda keessatti Rabbii isaa sodaatu, kan gaarii hojjatu, obsu, haqa eegu, miidhaa hin hojjanne, hin gowwoomsine, dhugaaf dhaabatu, qabeenya namaa haqaan malee hin nyaanneefi walumaa galatti amanamaa dhugaaf deemu” ta’uu qaba kan jedhuudha. Sabni tokko yoo amala amma dubbannee
dabarsineen ta’e malee saba biraa gonkumaa hin caalu.
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “sodaa Rabbii isaatiin
yoo ta’e malee Arabni ummata biraa homaa hin caalu”
jedhan. Hadiisichis akka namni filatamaan kan Rabbii
isaatiin bulu, isaaf ajajamuufi waan inni dhorge dhiisu
ta’e ibsa. Caalmaan kun kan addunyaas ni dabalata. Addunyaattis kan ummata dursuufi hogganuu qabu nama ga’umsa qabu ta’uun beekamaadha. Ga’umsa keessaa inni jalqabaa nama amanamaa dhugaaf dhaabbatu ta’uu qaba. Namni siyaasaaf jecha kijibu, ummata
gowwoomsu, qabeenya isaanii saamuufi ummata isaa ija
walqixaan hin ilaalle gonkumaa hogganuu hin qabu.
Biyya keenya keessatti rakkoon hanga ammatti uumamee
biyyattii jeeqaa ture kana ta’uun iccitii ummanni hundi
beekuudha. Mootoleen dhuftee tarte hunduu Dimokraasiifi wal qixxummaa labsiti; waan seera jettee
tumattu irrattis ni barreessiti. Garuu wanti qabatamaan
biyya keenya keessatti hojjatamaa ture faallaa kanaati; qabeenya saba biraa saamtee ittiin of guddisaa turte.
Akka adda dureetti ummanni qabeenyi isaa saamamaafi
hacuucamaa ture immoo ummata Oromoo saba bal’aa
biyyattiiti.

@Saahibuddiin28
458 viewsAbdii Qaba, 16:46
باز کردن / نظر دهید
2021-10-04 19:46:31 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!

QABXII 10FFAA
☞Waaqni Tokkichi Raawwataa waan hundaati, wanti inni Hin dandeenye tokkolleen hin jiru:-
Macaafa Ermiyaas Raajichaa.32:28 «27 inni, “Kunoo, ani Waaqayyoo dha, sanyii namaa hundumaafis gooftaa dha; wanti anaaf hin danda’amne jiraa ree? »jedha.
Seera Uumaa 18፥14 «Wanti dinqisiisaan Waaqayyo gochuu dadhabu jiraa ree? Bara eger yowwana deebi’ee gara kee nan dhufa, Saaraanis ilma godhattee na eegdi” jedhe.»
Wangeela Luqqaasi 1:37 «Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru” jedhee deebiseef .»
★☞Iyyesuus immoo Mataa Ofiitiin Homaa Gochuu hin Danda’u, Wanta gochuu hin dandeenye ni qaba:-
Wangeela Yohaannis.5:30 «Yesus itti dabalee, “Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda’u; abbaa koo irraa akkan dhaga’etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu, ‘yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee.»
Wangeela Yohaannis.5:19 «Yesus itti fufee, “Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda’u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in hojjeta.»
Wangeela Yohaannisi 5:20 «Abbaan ilma in jaallata, ofii isaatii kan hojjetu hundumaa ilmatti in argisiisa; isin akka dinqifattaniif inni hojii kana irra caalu iyyuu isatti argisiisuuf jedha.»
Wangeela Yohaannis.8:28 «Kanaaf Yesus, “Ilma namaa kana erga muka irratti ol fuutanii, eenyu akkan ta’e, ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani in hojjennes in hubattu.»
Wangeela Maarqos 6:5 «Harka isaa dhukkubsatoota muraasa irra kaa’ee isaan fayyise malee, kana irra kan caalu hojii aangoo achitti hojjechuu hin dandeenye.»;”He could not do any miracles there,”NIV
] Waaqni Tokkichi Wanta Hunda kan Hojjetu/Wanti Isa Dadhabsiisu kan hin jirre yoo ta’e; Iyyusuus immoo Dandeettii waan hunda hojjechuu kan hin qabne yoo Ta’e; Iyyesuus Wanta hunda hojjechuu hin Dandeenye Akkamiin Waaqayyoo Waan Hunda Hojjetu Ta’uu Danda’a?

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
365 viewsAbdii Qaba, 16:46
باز کردن / نظر دهید
2021-09-30 08:37:15 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!
.
QABXII 9FFAA
☞Waaqni tokkichi Jalqaba hin qabu ፦
Macaafa Iyyoob.36:26 «Kunoo, Waaqayyo guddaa dha, garuu nuyi guddina isaa hin hubannu; lakkoobsi bara isaatiis kan hin qoratamnee dha.»
★☞Faallaa kanaatiin Iyyesuus immoo Jalqaba Ni Qaba:-
Wangeela luqaasi 3:23 «Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti;…»
Wangeela Maatewos 1:18 «Jalqabni Dhalachuu Yesus Kiristos akkana ture;…»
] Waaqni Tokkichi Jalqaba kan hin Qabne Yoo Ta’e, Iyyesuus immoo Jalqaba kan Qabu Yoo Ta’e, Iyyesuus Jalqaba Qabu Akkamiin Haala kamiin Waaqa tokkicha Jalqaba hin Qabne Ta'uu Danda’a?Abdii Qaba:

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
192 viewsAbdii Qaba, 05:37
باز کردن / نظر دهید
2021-09-28 08:45:58 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!
.

QABXII 8FFAA
☞Waaqni Tokkichi Hafuura, Lafee fi Foon hin Qabu:-
Wangeela Yohaannis.4:24 «Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta’aaf’ ittiin jedhe.»
Wangeela Luqaasi 24:39 «Harka koo fi miilla koo ilaalaa, ana mataa koo ti’o; mee qaqqabaa na ilaalaa, ekeraan/Hafuurri foonii fi lafee hin qabu, ani garuu akkan qabu in argitu” jedhe.»
Macaafa Iyyoob.10:4 «Ati dhuguma ija foonii qabdaa ree? Akkuma namni ilaaluttis in ilaaltaa ree?»
★☞Iyyesuus immoo fallaadhaan Foonii fii Lafee Ni Qaba:-
Wangeela Luqaasi 24:39 «Harka koo fi miilla koo ilaalaa, ana mataa koo ti’o; mee qaqqabaa na ilaalaa, ekeraan/Hafuurri foonii fi lafee hin qabu, ani garuu akkan qabu in argitu” jedhe.»
] Waaqni Tokkichi Foonii fi Lafee kan hin qabne yoo ta’e, Iyyesuus immoo Foonii fi lafee kan qabu yoo Ta’e; Iyyesuus Lafee fi Foon Qabu, Waaqa Lafee fi Foon Hin qabne Akkamiin Haala kamiin Ta’uu Danda’a?
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
64 viewsAbdii Qaba, 05:45
باز کردن / نظر دهید
2021-09-25 09:05:16 GARAAGARUMMAA WAAQAYYOO TOKKICHAA FI IYYESUUS GIDDUU JIRU!!!

QABXII 7FFAA
☞Waaqni Tokkichi Waan Itti Fakkaatu hin Qabu yookiin Wanti isa fakkaatu hin jiru,Kan Akka isaa Tokko illeen hin jiru:-
Macaafa Isaayyas Raajicha 44:7 «kan akka kootii eenyu?»
Seera Keessa Deebii .33:26«Museen ammas itti fufee, “Waaqayyo inni akka Waaqayyo isa kan Yeshuuruun tokko illee hin jiru, inni si gargaaruudhaaf bantiiwwan waaqaa yaabbatee adeemu, ulfina isaatiinis duumessa irra kan taa’u,»
★☞Faallaa kanaatiin Iyyesuus immoo, Barattoota/Ergamtoota/Hawaariyoota isaa fakkaata, kan akka isaa ni jira:-
Ibrootaa.2:17 «karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise.»
Seera keessa Deebii.18:18 «Ani raajii akka keetii obboloota isaanii keessaa isaaniif nan kaasa;…»
] Waaqni Tokkichi Waan itti fakkaatu kan hin qabne yoo ta’e, Iyyesuus immoo Waan itti fakkaatu yoo qabaate; Iyyesuus fakkaataa Qabu Akkamiin Waaqa tokkicha Fakkaataa Hin Qabne Ta’uu Danda’a?
Itti fufa..
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
255 viewsAbdii Qaba, 06:05
باز کردن / نظر دهید
2021-09-22 18:54:48 Caalaa nama dachii kana irra jiraatee eenyu akka ta'e beektaa?

Deebii Mikaa'el H.hertiif haa dhiisnu.
Mikaa’el (Michael H. Hart) hayyuun jedhamu tokko nama Kirstaana lammii Amerikaa; beekaa waa’ee sirna hawaa (astronomer), herregaa, seeraa fi saayintistiidha. Qorannoo yeroo dheeraatiin booda seenaa namoota dhuunfaa gurguddaa ta’an kan sadarkaa tokkoffaadhaa hanga dhibbaffaatti (1ffaa-100ffaa) jiran tartiibaan kaa’ee ibse. Warroonni inni kaa’e kun oggantoota amantii, siyaasaa, argattoota waantoota haaraa (inventors), barreessitoota, filoosoofota, saayintistoota fi weellistoota of-keessatti hammata. Qorannaa kana keessatti namoota akkaan beekamoo ta’an Iyyasuus, Muusee, Qa’iser (Caesar) fi kkf seensiseera.
Mikaa’el barruu isaa kana keessatti nabi Muhammad (NIJ) ergamaa Islaamaa lakkoofsa tokkoffaa qabsiise! Barruu isaa kana akkana jechuudhaan goolabae:
“Muhammadiin akka inni namoota dhibba kan addunyaatti baay’ee jijjiirama fidan dursuuf filachuun kiyya tarii dubbistoota garii dinqisiisuu fi gariidhaaf immoo gaaffii ta’uu danda. Garuu seenaa keessatti isa qofatu amantii fi dhimma amantiin alaa keessattis sadarkaa ol-aanaatti milkaa’e!”
Osoo barreessaan amantii Islaamaa hordofu tokko barreessee waan isatti amanuu fi waan Muslima ta’eef seenaa isaanii guddisee sadarkaa tokkoffaa qabsiisee barreesse jedhamuu mala, garuu kuni amantiin isaas akkuma dubbistanitti Kiristaan, firooma dhiigaas waliin hin qaban, garuu nama dhugaa jaallatu waan ta’eef loogii dhiisee haqa jiru dubbate!


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
235 viewsAbdii Qaba, 15:54
باز کردن / نظر دهید
2021-09-22 09:41:13 Dirqiin Kiristaanessuu bara Daawit Seef Ar'ad (1380_1409)
Bara 1380 ALA Mootichi Niwaay Maaran duunaan Daawit aangotti ol bahe.Innis akkuma abbootii isaa duula farra Islaamummaa fi Kiristaanessuu itti fufe.
Sebtember 1381 Woraana qopheessee gara Asawaanitti qajeele ;Woraanni bakka "Urbaan"jedhamu gahee Muslimoota irratti miidhaa guddaa geesise.Daawit bara 1397/8 ALA irraa jalqabee Muslimoota irratti duula jalqabee, namoota hedduus fixe.Qabeenya isaanis balleesse.Kitaabota Islmaatis gubee jira.Ummanni hedduun Kiristaanummaa akka fudhatan dirqee jira.Booda irra Muslimootatti gaafa jabaatan qabsoo diina of irraa deebisuuf godhaniin Qabeenya saamame deefachuu danda'aniiru.
Mootichi kun (Daawit)Woggootii 20 guutuu Muslimootaa faccisaa(barbadeessa ) ture.Masjiidota deegee bakka sanatti Bataskaana ijaaraa ture.Booda irratti biyya Muslimootaa loluuf osoo gara Adal deemaa jiru bara 1409tti ajjeefame.
Qabsoon mootanni kun godhan kan Siyaasaa qofa akka hin jenneef bakka Muslimoota irraa buqqaasan,Muslimoota irraa ajjeesan,Masjiida irraa guban Kiristaanotaa fi Bataskaana buusu.Kun dirqiin Kiristaanessuu akka ta'eef ragaa guddaadha.Osoo Siyaasa qofaaf ta'e maaliif Kiristaanota iddoo Muslimoota irraa dhabamsiisan qubsiisu?Maaliif bataskaana iddoo Masjiida irraa diiganitti ijaaru?

Dirqiin Kiristaanessuu Bara Atsee Zar'a Ya'aquub (1424_1458)
Mootichi kunis dabaree isaa akkuma isaan duraatti Muslimootatti roorrisaa ture.Lubbuu Muslimootaa baay'ee galaafateera,qabeenya isaanis baay'ee saameera.Kana qofatti yoom dhaabbate Mooticha Adal Shihaabuddiin Ahmad ajjeesuun Foon isaa cicciree naannoo adda addaatti erge.Mootummaa Islaamaa" Hadiyyaa" jedhamtus weeraree Muslimoota hedduu galaafate;Akka isaan gibira kaffalanuufis dirqama irra ka'ee.Dabalataan Muslimoonni Uffata woraanaa akka hin uffanne,Meeshaa woraanaa akka hin qabanne,Farda kooraan akka hin yabbanne irratti murteessee ture.Kana hunda wanti godhaa turaniif Muslimoonni dhiibamanii akka Kiristaanummaa fudhatanuuf jedhaniiti.Haa ta'uu gidiraan kun hundi Muslimoota arka hin kennisiifne inuma onnee itti horee, akka amantii isaaniitiif qabsaa'an isaan godhe.Booda irrra dhiibbaan gaafa guddachaa deemu Gooticha fakkii hin qabne,Kan eega inni du'ee Jaarraa shan(Woggaa 482)
booda diinni maqaa isaa kaasuu sodaatu,Inumaa nama maqaa isaa qabu kan sodaatu, tokkichi qixxee Miliyoonaa ,Oromticha onneen Sibiilaa,kan Imaammaan jaarraaleef ya'an dhaabsise Ahmad Ibnu Ibraahiim Al Gaazii(Ahmad Giraanyi) as baase.....
Itti fufa....

Barnoota dabalataaf Chaanaalota keenyaarmaan gadii join gochuun nu hordofa!

@Saahibuddiin28
286 viewsAbdii Qaba, 06:41
باز کردن / نظر دهید