Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Milkii(Jennataa)

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Ratings & Reviews

1.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


آخرین پیام ها 9

2021-08-22 09:01:04 Yesuus Durii fi har'dha

1.10 Maartaan Iyyesuusiin maal jette?
Yeroo baay’ee seenaan maartaa fii obboleessa ishee Alaazaar kan kitaabicha keessatti
odeeffame Kuniis burjaajeessuu adda addaaf akka oolaa jiru ni argina. Dubbiin akkana
Maartaan obboleettii Alaazaari. Obboleessi ishee jalaa du’ee ture. Obboleessa ishee
kanaas Iyyesuus heyyama Rabbiitiin du’aa kaaseefii ture. Seenaa Iyyesuus Alaazaariin
itti du’aa kaase kana immoo kiristiyaanoonni baay’een akka ragaa waaqummaa
Iyyesuusitti itti fayyadamaa akka jiran beekkamaa dha. Haa ta’uu malee garuu akka
odeessa macaafichaatti taatee yeroo sana taate yoo xiinxallu dhugaan jiru amantii jara
kanaatiin faallaa ta’ee arganna. Maartaan Iyyesuusiin maal jette? Mee walumaan
xiinxalaa haa deemnu.
Gaafa obboleessi ishee du’u maartaan Iyyesuusiin akkana jette:
«Maartaan Yemmus Yesuusiin, “Gooftaa Utuu Ati as Jiraattee, Obboleessi Koo Hin
Du’u Ture. Ammuma Iyyuu Immoo Waanuma Ati Isa Kadhatte, Waaqayyo Akka Siif
Kennu Ani Nan Beeka” Jette. » (Wangeela Yohaanis 11:21-22)
●► Mee ilaalaa xiinxalaa maartaan Iyyesuusiin “Ammuma Iyyuu Immoo Waanuma
Ati Isa Kadhatte, Waaqayyo Akka Siif Kennu Ani Nan Beeka” jetteen. Kana jechuun
waaqayyo kadhadhuu naaf kaasi jechuu isheeti. Lakkii akkas miti “Innoo dandeettuma
isaatiin kaase malee waaqa hin kadhannee” yoo jette immoo itti aansuudhaan akkamitti
akka Iyyesuus isa kaase haa ilaallu: -
«Yesuus garuu ol ilaalee, “Yaa Abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif siin galateeffadha.
Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as
dhaabbatankun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe” jedhe. »
(Yohaannis 11:41-42)
-
●► Gocha Iyyesuus kana yoo xiinxallu: -
1ffaa: Keewwatichi yoo jalqabu “Yesuus garuu ol ilaalee…” jedha. Wanti ol ilaaluuf
maali jennee yoo yaadnu waaqa isaa kadhachuufi dha.
2ffaa: waaqa kadhatee erga kadhaan isaaf qeebalamtees “Yaa Abbaa! Anaaf
dhaga’uu keetiif siin galateeffadha…” jedhe. Kana jechuun immoo Alazaar du’aa
kan kaase kadhaa waaqni isaaf dhagayeen ta’uu isaati. 3ffaa: Maalif waaqa kadhatee Alaazaariin du’aa akka kaase yoo dubbatu immoo
“garuu namoonni as dhaabbatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana
dubbadhe” jedhe. Kana jechuun immoo milikkatni/mo’jizaan isaaf kennamte kun
ergamaa/Nabiyyii Rabbii ta’uu akka isaaf ragaa baatuuf malee waaqa ta’uu isaa
gonkumayyuu hin mirkaneessitu jechuu dha.

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
67 viewsAbdii Qaba, 06:01
باز کردن / نظر دهید
2021-08-19 19:18:52 Yesuus Durii fi Har'dha
1.9 Raga bahinsa namticha ija hin qabnee
Wangeela Yohaannis Boqonnaa 9 irratti Iyyesuus namicha dhaloota isaa irraa jalqabee
jaamaa ture tokko akka fayyise hanga lakkoofsa 7 irratti ibsamee jira. Obboleewwa
keenya kiristiyaanootaas boqonnaa kana (yohaannis 9:1-7) nuuf dubbisanii “Iyyesuus
jaamaa waan faayyiseef waaqayyoodha” jedhanii nu amansiisuuf yaalii gara garaa
taasisu. Wanti nama ajaa’ibsuusu garuu namicha kana Fariisotni “Waa’ee isa Ija kee siif
bane kanaa maal jetta?” jedhanii waa’ee Iyyesuus gaafatanii turan. Namtichi kun garuu
akka har'a jedhamu kana; “Iyyesuus Waaqayyoodha” jedhee hin deebifne. Inumayyuu
“Inni Raajii dha.” Jechuudhaan Iyyesuus nabiyyii akka ta’e raga bahe: -
“Kana Booddee Warri Fariisotaa Namicha isa Jaamaa Ture Sanaan “Waa’ee isa Ija
kee siif bane kana maal jetta?” jedhan; yemmus namichi “Inni Raajii dha.” Jedhee
Deebiseef.” (Wangeelaa Yohaannis 9:17)
●► Eegaa yaa namaa! Sammuu bilisa ta’e qabda jedheen yaada namtichi Iyyesuus
heyyema Rabbiitiin ija baneef kun waa’ee Iyyesuus yoo ragaa bahu “Inni Raajii dha.”
jedhee ragaa bahe. Ati hoo namticha taateen tun irratti taate caalaa Iyyesuusiif dhiyaatta
moo Jaarraa meeqaantamiin booda Barnoota “Iyyesuus Jaamaa waan fayyiseef
waaqayyoodha” jedhu eessaa fidde? Yoo xiinxaltu hoo silaa namticha taateen kun irratti
raawwatamteetu dhuga qabeessa moo siidha? Deebii sammuu keetiif.
Daandii Milkii(Jennataa):
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
86 viewsAbdii Qaba, 16:18
باز کردن / نظر دهید
2021-08-16 17:32:03 Yesuus durii fi har'dha

1.8 Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus dhageeffatanii
Mat-duree kana jalatti immoo “Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus
dhageeffatanii” kan ilaallu ta’a. Akka Seenaa Yohaannis wangeela isaa keessatti
Boqonnaa 6 irraa kaasee Galmeesseetti Iyyesuus Kutaa Biyya Qifirnaahomitti Erga
ce’e booda Milikkata Gara garaa akka hojjete ni hubanna. Akkasuma Boqonnaa 7 irraa
kaasnee yoo Macaafa Qulqulluu Dubbifnu Obboloonni Iyyesuus Akka inni Ayyaana
Warra Yahuudootaa kan “Gordommaa” jedhamuun beekkamu tokko irratti akka inni
isaan wajjiin Hirmaatuu fii Milikkita gara garaa hirmaattootaa Ayyaanichaa irratti
argisiisee akka inni hordoftootaa baay’ee horatuuf Iyyusuusiif gaafii dhiheessan. Inni
garuu “isin ofii keessanii gara Ayyaanichaatti ol Ba’aa, ani garuu, yeroon anaaf ta’u
waan hin Raawwatiniif ammaa illee gara Ayyaana kanaatti ol hin ba’u” jedhee akka
isaaniif deebise fii Galiilatti hafe macaafni Qulqulluun nuuf ibsa. Haa ta’uu malee garuu
Obboleewwan isaa Gara Ayyaanichaatti erga ol ba’anii booddee Iyyesuus immoo
dhooksatti Akka Ol Ba’e ni hubanna. Asitti Iyyesuus Walakkeessa Guyyaa Torban
Ayyaaniichaatti Mana Qulqullummaatti Ol Galee Barsiisutti Ka’e nuun jedha
macaafichi.
Haasawaa fi mornii Diqisiisoo inni Yahuudootaa wajjiin taasisees Wangeela Yohaannis
Boqonnaa 7, Lakkoofsa 15-38 irraa argachuu dandeenya.
●►Mee Gara Dubbii Ijoo Kaaneefiitti Haa Darbinu, Guyyaa dhuma Ayyaanichaa irratti
Namootni Ayyanicha irratti hirmaatanii fii Haasawa Iyyesuus Hordofaa turan waa’ee
isaa maal dubbatan jennee yoo qorannu wangeela yohaannis 7:40 irratti dhuga ba’insa
namoota kanaa akkanaan aganna: -
.
“warra dubbii kana dhaga’an keessaa jarreen tokko, “namichi kun dhuguma
raajicha” jedhan” (wangeela yohaannis 7:40)
Eegaa! Ammaas irrumaan deddeebi’a namoonni qaamaan Barnoota Iyyesuus
hordofanii isaaf ragaa bahan “namichi kun dhuguma raajicha” yoo jedhan; har’a
immoo jaarraa meeqaan booda dhufanii “Iyyesuus waaqayyoodha” jechuu maaltu fide?
Namoota qaamaan isa arganii isa hordofanii fii namoota jaarraa dheeraa booda
dhageettiidhaan isa waaqeessan kamtu dhugaadha jettee amanta? Deebii sammuu keetiif.


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
123 viewsAbdii Qaba, 14:32
باز کردن / نظر دهید
2021-08-13 18:06:29 Yesuus durii fi har'dha

1.7 Nyaata xiqqoo baay’isuu fii Raga bahinsa namootaa isa waliin turanii

Boqonnaa Wangeela Yohaannis Yoo Dubbifnu ‘Yohanni 6:1’iraa kaafnee yoo Dubbifnu
Iyyesuus Kiristos Yeroo Bishaan Ciisaa Galiilaa, kan Xiberiyaas Jedhamu Ce’etti
Moo’ijizaa/Milikkita inni hojjete Arganii Namoonni Baay’een akka isa hodofanii
Deeman ni Dubbata. Iyyesuus Keessummoota Baay’ee Isa Hordofan Kanaaf Buddeena
Essaa Binna jechuudhaan Filiphosin gaafate. Filiphosiis Baay’ina namaa irraa kan ka’e
Buddeenni jara kana wal gahu akka hin jire haala isaaf mijaawuun ibseef. Haa ta’u
malee garuu isaan keessa Gurbaan Buddeena garbuu Shanii fi Qurxummii lama qabu
gidduu isaanii akka jiru ibseef. Iyyesuus Keessimootni Akka taa’an erga abboome
booda. Buddeenaa garbuu shanii fi Qurxummii lama fuudhee Waaqayyo Kadhatee
Namoota Baay’ee (5000) kanaaf akka wal ga’u akka taasise hanga lakkoofsa 13 tti yoo
dubbifnu ni hubanna. Wanti nama dinqisiisu garuu Kiristiyaanoonni Yeroo baay’ee
Seenaa kana Waaqummaa Iyyesuus ni Ibsa jedhanii akka ragatti yoo itti fayyadaman ni
dhageenya. Haa ta’uu malee garuu dhugaa jiru hubachuuf deebii namootuma achi
turaniif haa dhiifnu.
Namootni yeroo sanatti iddoo sana turan maal jedhan laata? Kana hubachuuf
Yohaannis 6:14 irra dhaqnee ilaaluu dandeenya. Kuniis akkana jedha; -
«Namoonni sun milikkita Yesus argisiise kana yommuu argan, "Kun dhuguma
raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana" jedhan. » (Yohaannis 6:14)
●►Yaa nama sammuu bilisa taate qabdu xiixnxali gaa! Keewwata kana irratti
namoonni milikkata(Mo’jizaa) Iyyesuus hojjete ija isaaniitiin ergan kunniin “Kun
dhuguma raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana” jedhanii isaaf ragaa
bahanii turan. Seenaadhuma kanaan immoo namoonni hordoftoota kiristoosi ofiin
jedhan kan jaarraa kana keessa jiraatan “Iyyeesuus waaqa ykn gooftaadha” jedhanii
amanu. Nama qaamaan bira dhaabbatee ijaa isaatiin taatee kana argee “Iyyesuus
Nabiyyiidha” jedhee itti amanee fii nama jaarraa baay’een booda seenaan kana
barreeffamaan qofa dubbisee “Iyyesuus Waaqayyoodha” jedhee itti amane kamtu
dhugaadha jettee yaada? Deebii sammuu haqa barbaadduuf
Daandii Milkii(Jennataa):
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
123 viewsAbdii Qaba, 15:06
باز کردن / نظر دهید
2021-08-09 09:36:42 Yesuus Durii fi Har'dha

1.6 Raga bahinsa dubartii Samaariyaa
Ittuma fufnee amma immoo mata duree “Raga bahinsa dubartii Samaariyaa” jedhu kana
jalatti wa’ee dubartii samariyaa takka kan ilaallu ta’a. Wangeela Yohaannis boqonnaa 4
lakkoofsa 1 irraa jalqabnee yoo dubbifnu Iyyesuus kutaa biyya yahuudaatii bahee yeroo
gara Galiilaatti adeemu Samaariyatti mandara Siikaar jedhamu tokko keessa osoo
qaxxaamuruu, iddoon kun lafa isa Yaaqoob ilma isaa Yoseefiif kennetti dhi'oo waan
tureef Bishaan boollaa Yaaqoob achi ture. Yesus osoo karaa adeemu waan dadhabeef,
naannoo sa’aatii ja’aa kanatti boolla bishaanii sana bukkee taa'e akka boqatee ture ni
hubanna. Yeroo boolla bishaanii sana bukkee taa'e boqatu kanattiis Dubartiin
Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuuf itti dhufte yeroo kana Iyyesuusis akka
isheen bishaan dhugaatii isaaf laattu gaafatee achumaanuu dhimmoota biraas wajjiin
haasa’e kanaas boqonnaadhuma kana lakkoofsa 16 irraa jalqabnee arganna.
“Yesus immoo, "Dhaqi! Abbaa manaa kee waamii kottu!" jedheen. 17 Dubartittiin
deebiftee; "Anoo abbaa manaa hin qabu" jetteen; Yesus immoo, "Isa 'Abbaa manaa hin
qabu' jette, ba'eessa dubbatte. 18 Abboota manaa shan qabda yoo turte iyyuu, inni
amma sii wajjin jiru abbaa manaa kee miti'o; kana dhugaa dubbatte" ittiin jedhe.”
(Wangeela Yohaannis 4:16-18)
●►Keewwatootta kana irratti Iyyesuus dubartittiidhaaf iccitii ishee osoo isheen isaaf
hin himin itti hime. Kiristaanoonni amma jiran kunniinis seenaa/odeessa kana erga siif
dubbisanii booda Iyyesuus waan kana waan beekeef “inni gooftaadha” nuun jedhu.
Wanti nama ajaa’ibsiisu garuu Dubartiin wanti kun ishee mudate maal jettee akka ragaa
baate yoo ilaallu dhugaan kanaan faallaa ta’uu isaati. Dubartittiin boqonnaadhuma kana
lakkoofsa 19 irratti kkana jechuudhaan ragaa baateef: -
“Kana irratti Dubartittiin, "Akka ati Raajii taate nan arga.” (Wangeela Yohaannis
4:19)[5]
●► Mee sammuu keessan loogii irraa bilisa godhaa xiinxalaa. Dubartittiin tun yeroo
sanitti isa cinaa turte. Ulfina dubbii kanaas namoota arra wanta barreeffame qofa
dubbisan kana caalaa ishee tan qaamaan bira turteetu hubata. Haa ta’uu malee garuu

Dubartittiin "Akka ati Raajii taate…” Jechuun "Akka ati Nabiyyii taate ...” jechuudha. Dubartittiin Iyyesuus dubbii kana waan beekeef waaqayyoodha ykn gooftaadha hin
jenne. Inumaatuu “Akka ati Raajii taate nan arga.” jettee akka inni Nabiyyii ta’e ragaa
baateef.
Eegaa yaa Lammii too Dubartiin qaamaan bira turte tan taateen tun irratti raawwatame
Iyyesuusiin ati Nabiyyiidha jettee kan amantu yoo ta’e, jaarraa meeqa booda warri
dhimma kana barreeffamaan qofa dubbisan wanta kana akkamiin jijjiiranii waaqummaa
Iyyesuusiif ragaa godhuu jalqaban? Akkamiin Iyyesuus waaqeessuu jalqaban? Deebii
sammuu keessaniif


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
148 viewsAbdii Qaba, 06:36
باز کردن / نظر دهید
2021-08-07 08:57:14 Yesuus Durii fi Har'dha

1.5 Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus
Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus jedhamu keessa haasa’aa adeemaa
turanii; Wangeela luqaas boqonnaa 24 lakkoofsa 13 irraa jalqabnee hanga 16tti yoo
dubbifnu, namoonni lama osoo waliin haasa’aa mandara Emaahus jedhamu keessa
adeemaa jiranuu Iyyesuus isaanitti dhufe waa’ee maalii akka isaan haasa’aa jiran isaan
gaafate yaada jedhu arganna. Jara Lamaan keessaa inni maqaan isaa Qileyophaa
jedhamu tokko gaafii Iyyesuus kanaaf Deebii maal jedhu deebiseef mee
keewwatichuma irraa waliin haa dubbifnu
«Yommus Yesus, "Inni isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maali?" jennaan,
nyaara guuranii achuma dhaabatan. Isaan, keessaa inni Qileyophaa jedhamu, tokko
deebisee, "Warra Yerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti
ta'e kan hin beekne, 'Si'uma duwwaa dhaa?" jedhe. Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin
jennaan, isaan immoo, Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo,
"Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti
raajii aango-qabeessa ture sana, » (Luqaas 24:13-19)

Mee Xiinxalaa!
1ffaa: - Namoonni kunniin amantii isaan waa’ee odeessaa turanii qaban yeroo dubbatan
“Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti
raajii aango-qabeessa ture sana” jedhan. ‘Yesus nama Naazireet’ erga jedhan booda
“…isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa
ture” jedhan. Kanaafuu Iyyesuus nama jechuu dha. Namni kun garuu ilma namaa
durattiis waaqayyo durattiis kabajamaadha malee waaqummaa hin qabu.

2ffaa: - Iyyesuus immoo amantii fii jecha isaanii kana Iddoo tokkottillee hin mormine.
Kana jechuun namummaa isaa qeebalee jira jechuudha. Nama ta’uu isaas
keewwataawwan kitaabichaa baay’ee keessatti ibsee jira.

3ffaa: - Namoonni bara inni lafa irra jiraachaa ture Iyyesuus nama ta’uu isaa ragaa osoo
bahaa jiranii namoonni isa booda jaarraa baay’ee booda yeroo ammaa kana jiranii fii
amantii haarawa “Iyyesuus gooftaadha” jedhu qaban kunniin kamtu dhugaadha jettaniii
yaaddu? Dhugaa isaa sammuun haqa barbaaddu haa filattu.

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
183 viewsAbdii Qaba, 05:57
باز کردن / نظر دهید
2021-08-05 08:12:03 Intala Imaana fi Gurbaa Iimaana

Jaalala Dhugaa

Intaala takkatu gaafa tokko heerumuuf ulaagaa sadi (3) gurguddaa baafate booda namni na fudhu namaa ulagaale kana guute qofa jete.

Ulaagaaleen kunniinis:-

1. Nama guyyaa hunda qur'ana qara'un xumuru danda'u.
2. Nama halkaan guutu Rabbiin gabbaruu.
3. Nama waggaa guutu soomu danda'u jete.

Waan intaali tuni sirritti bareeduuf namoonni baay'ee fudhuuf gaafatani ulaagaalee isii kana sodaatani dhiisan.

Haa tahu malee, booda gurbaan tokko itti dhufee "ani ulaagaalee kee ni guuta, anatu sii fudha" ergaa jedhe booda haaluma shari'atini , haala gaariin wali fudhani wajjiin jirachu jalqabani.

Haa tahu malee intaali ulaagaalee dura gurbaan waadda galee sani isa guutu hin argine, halkaanis gurbaa ni rafa.

Duuba intaale" Mee gurbaan kun ulaagaalee kiyyaa yoomi hojirraa olchuuf ta'a, mee hanga torbe tokko ni ilaala yoo eegalee" jetee osomma eegdu torbaan darbe. Ammasi "mee hanga bulti 15 takka ni eega yoo ulaagaalee kiyya hojii irra olche" jete.

Ammasi gurbaan kama duran sani guyyaa fi halkaanilee jijjiiramni hin jiru.ammasi yeroo 3ffaa "mee yoo ji'a tokko booda kani eegaalu tatee ni eega"jete.

Haa tahu malee gaafa ji'a gahanisi gurba kana irraa homa hin argine. Booda "Ergaa ulaagaalee kiyyaa hojiirra hin olchinee amma gahe na haa hiikuu"jete Imaama nikayyaa isaani hiidhe bira deemte" gurbaan waan dura waadda galee takka ilee hojiirra waan hin olchinif gahe haa na hiikkuu"jeteen.

Gurbaanis ni waamame. Ergaa Imamaa bira intaali fi gurbani dhufaan booda gurbaan deebii imaamni gaafate akka armani gaditti deebise.

IMMAAMA= Yaa gurbaa gaafa dura guyyaa hunda qur'ana qara'e buusa jete intaala tana fuute, kana maliif hin guutin"?jedhen.

GURBAA= Yaa Imamaa keenya bar ani guyyaa hunda qur'ana qara'e buuse jira, akkamitti yoo jeteen, hadisa Abu sa'id Al khudri (r.a) irra oddeeffameti Namni suuratul iklas guyyaati yeroo 3 qara'e akka nama qur'ana guutu qara'eti. anis akkanummati qara'ee kaa jedheen

IMMAAMA= Hayyeee sirriidha hojate jirta"jedheen.
.
IMMAAMA= Hayyee dura halkaan guutu Rabbiin gabbara jetee kana hoo hojate jirata"?jedheen.

GURBAA= Eeyyeen yaa Immama keenya. Akkamitti yoo jetani, hadisaa Usmaan ibn Affaan oddeesse keessatti namni galgala salaata isha'ii fi salaata subii jama'ani salaate akka nama halkaani guutu dhaabata buuleti. kanaf anis akkanummati hojadhe" jedhen.

IMMAAMA= Hayyee sirrii dha hojate jirta"jedhen.

IMMAAMA= Gaafii xumuraa,dura waggaa guutu sooma jete, amma immoo maalif hin soomini ree"?jedhen.

GURBAA= Yaa Immaama bar ani waggaa guutu soome jira. Akkamitti yoo jetan ,hadisaa Abu ayyuub al ansarin oddeesse keessattii namni ji'a ramadana guutu soome ergaasi buulti 6n ji'a shawwal soome akka nama waggaa guutu soometi. kanaf anis akkanummati hojadhe jira"jedheen.

IMMAAMA= Hayyee sirrii dha. Kanaafu yaa Intaala Imaana dhagahii gurbaani kun haala gaariin ulaagaalee kee hojiirraa olchee jira, Amma booda akkumma duratti walin jiradha"jedheen murtii itti kenne. Achummati gurbaa (jaarsa) fi intaali (niitiin) gammachuu dhani walirratti jigani, gaammachudha gara mana isaani galaani jedhama.

Yaa gurbaa islaamaa fudhuuf ulaagaaleen kee maali??

Yaa intaala islaamaa ati hoo heerumuuf ulaagaalee kee maali??

Yaa Rabbii keenya warraa kara halaalatini wali jaalatu nu taasisi!
337 viewsAbdii Qaba, edited  05:12
باز کردن / نظر دهید
2021-08-05 08:12:03 Yesuus durii fi Har'dha

1.4 Du’aa kaasuu fii Raga bahinsa namoota achi turanii

Amma immoo wanti nuti ilaallu Iyyesuus “Gurbaa haati isaa hiyyeessaa kan du’e tokko
kaasuu isaa” fii Raga-bahinsa namoota yeroo sanatti isa bira turan kanneen gocha kana
daaw’achaa turanii ti.
Wangeela Luqaas boqonnaa 7 lakkoofsa 11 irraa jalqabnee yoo dubbifnu Waa’ee turtii
Iyyesuus kan Iddoo Qifirnahoom jedhamuu booda ta’e yoo odeessu yaada akkana jedhu
arganna
«Ergasiis Yesus gara mandara Naayin jedhamuu in dhaqe; bartoonni isaa fi namoonni
danuun isaa wajjin dhaqan. Inni balbala kellaa mandarichaatti yommuu dhi'aate,
kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du'e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof
ilma tokkicha ture. Namoonni baay'eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin
duukaa in bu'u turan. 13 Gooftaan yommuu ishee arge oo'eefii, "Hin boo'in!" jedheen.
14 Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan in dhaabatan; inni immoo,
"Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka'i!" jedheen. 15 Achumaan inni du'ee ture ol
jedhee taa'ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise. »
(Luqaas 7:11-15)
Garuu kiristiyaanoonni jaarraa kanaa Keewwata boqonnaa kanaa irraa hanga 15tti
jiru siif dubbisanii “Iyyesuus kana waan hojjeteef (namticha du’e waan kaaseef)
gooftaadha” jedhanii goolabu. Dhugaan jiru amma illee kana irraa adda. Maalif? jettanii
yoo na gaafatan; keewwatuma isaan irratti dhaaban kanarraa itti fufnee yoo dubbifnu
Keewwata 16ffaa irratti Raga-bahinsa namoota gocha kana daawwachaa turanii
arganna. Dhiiroo namoonni kun akkuma amma nuun jedhamu kana “Iyyesuus waan
akana hojjeteef gooftaadha” jedhanii amanuu? Lakkii dubbiin waa akkas miti. Mee
walumaan haa dubbifnu Akkana jedhu: -
«Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba
isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessan. » (Luqaas 7:14-16)
●►Xiinxali yaa sabaa! Namoonni wanta kana itti dhiheenyaan bira dhgaabbatanii
ilaalaa tura “Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera” jedhan malee “waaqayyo nu keessatti dhalate” hin jenne. Maaliif beektuu? Eyyeen dinqii fii milikkata (mo’jizaa)
hojjechuun mallattoo waaqummaa osoo hin taane, mallattoo nabiyyummaa akka ta’e
waan beekaniif ture. Har’a garuu jaarraa hedduu booda wanti kun jijjiiramee ragaa kana
eerani “Iyyesuus gooftaadha” jedhanii lallaban. Namoonni qaamaan isa bira turan
garuu Raajii ykn Nabiyyiidha jedhaniiti kan ragaa ba’aniif kamtu fudhatama qaba kan
jedhu deebii sammuu keessaniifan dhiisa.

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

@Saahibuddiin28
247 viewsAbdii Qaba, 05:12
باز کردن / نظر دهید
2021-08-03 08:04:12 Haqa Haadha - Xiyyeeffannoon Haa Dubbifnuu !

Namni Saaliha Tahe Tokko Waa'ee Haqa Haadhaa Gaafatamee Yommuu Deebisu Akkana Jechuun Gorsa Kennee Jira;

1. Sagalee kee sagalee ishee irra ol kaaftee hin haasawiniin
2. Mormii hin barbaachifne hin morminiin
3. Osoo isheen dubbattee hin xumurin hin dubbatin
4. Maqaa isheetiin ishee hin yaaminiin
5. Hirriba ishee osoo hin xumuratin ishee hin dammaqsiniin
6. Sababa yoo qabaatte malee ishee dursitee hin socho'in
7. Akkuma gabrichi Rabbii Rabbii isaatiif of gadi qabu sana atis golga of gadi qabiinsaa kee gadi qabiif
8. Osoo si yaamtee hin xumurin "Yaa" jechuun dafii jalaa awwaadhu
9. Manaa baatee alatti jalaa hin turin qalbiin ishee ni rifattiiti
10. Yommuu ishee ilaaltu ija itti hin bobaasin
11. Haasawa kan keetiin itti hin jabaatin
12. Yommuu siin loltu ati garuu hin lolin
13. Haasawa ishee hin tuffatin
14. Yommuu dhiphatteenii agartuun mari'adhuun
15. Yommuu rakkatte itti dhihaadhuu qarqaariin
16. Yommuu dhukkubsatte ishee yaalchisiin
17. Yoo daaromte daara ishee baasi
18. Dhimma ishee hunda dhimma kooti jedhi
19. Yaadaa fii karoora ishee qoodami
20. Rahimoota isheetti hidhami
21. Jaallota ishee jaaladhuuf
22. Abaarsa ishee irraa of eeggadhu
23. Ishee mufachiisuu irraa fagaadhu
24. Suuta jedhi ishee hubachiisi
25. Haasawaa fii haala ishee hubatuu dandeessuun isheen haasawi
26. Du'aa'ii ishee barbaadadhu
27. Eebba ishee irratti wal dorgomi
28. Kaayyoo kan kee hin dhoksiniin
29. Osoo isheen hin teenye dursitee hin taa'in
30. Salaata hunda irratti du'aa'iin ishee hin irraanfatin

Harmee koo Rabbiin teessoo kee jannata haa godhu! #Aamiin jedhi!

Barnoota dabalataaf Chanaali keenya armaan gadii join godha.
@Saahibuddiin28
181 viewsAbdii Qaba, 05:04
باز کردن / نظر دهید
2021-08-02 16:19:33 Yaada keessaniif galatooma !
55 viewsAbdii Qaba, 13:19
باز کردن / نظر دهید