Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Milkii(Jennataa)

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Ratings & Reviews

1.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


آخرین پیام ها 15

2021-01-24 08:29:39 Maashaa Allaah Baga nagaan gara Islaamummaa dhufte.


https://www.facebook.com/AbumuazAraaraa/videos/251755069694872/
513 viewsSaahibuddiin Jihaad, 05:29
باز کردن / نظر دهید
2021-01-23 12:15:02 Saahibuddiin Jihaad:
https://www.facebook.com/AbumuazAraaraa/videos/859205028206096/
385 viewsSaahibuddiin Jihaad, 09:15
باز کردن / نظر دهید
2021-01-23 10:24:00 Maqa_balleessii ykn hubannoo dogoggoraa

Islaamni Dubartii miidha.

Mirgi dubartootaa Islaamummaa keessatti maal fakkaata?

Hubannoo dogoggoraa nama garii bira jiruu fi maqa_balleessii diinni hafarsu keessaa tokko Islaamni dubartii miidha kan jedhuudha!
Akka namoonni Muslima hin ta’in tokko tokko yaadanutti Islaamni dubartii miidha. Garuu faallaa isaatu dhugaadha!

Islaamummaan lubbuu dubartootaa tiksuu, mirgaaa fi kabajaa jaraa eegsisuuf dhufe. Nuti Muslimni dubartoonni walakkaa ummataa akka ta’anii fi walakkaa kaaniif immoo haadha akka ta’an amanna. Jarri(Dubartoonni) haadhaa piroofeesarootaa, doctoorotaa, saayintistootaa, oggantoota biyyaa, injiinarootaa fi kkf ti. Jarri haadha keenya, obboleettii keenya, haadha-manaa keenya akka ta’an waan beeknuuf kabajaa addaa qabnaaf.
Qur’ana keessa boqonnaa lama kan maqaa dubartootaatiin moggaafametu jira. Isaanis: “Al-Nisaa’a (dubartoota) fi Al-Mujaadilat (himattuu)” kan jedhuudha.

Kan duraa Qur’aana keessaa boqonnaa 4ffaadha. Boqonnaan kun waa’ee dubartootaa irratti xiyyeeffata. Waa’ee mirga heeruma jaraa, hiikaa (divorse), dhaalaa, haala iti wajjiin jiraatanu, akka itti horii jaraa itti kunuunsanuu fi kkf dubbata. Keessattuu ennaa jarri abbaa hin qabne.
Kan lammaffaa immoo boqonnaa 58ffaadha. Sababni boqonnaan kun bu’eef dubartii tokkotu waa’ee abbaa manaa isii ilaalchisee rakkoon isii mudate. Isiin ergamaa Rabbii Muhammaditti dhuftee waa’ee dhimma isii kanaa himatte. Ergamaa Rabbii wajjiin dubbii walittii deddeebisan. Rabbiin falammii isii kana dhagahee rakkoo isiitii fi dubartoota akka isii hiikuuf boqonnaa Qur’aanaa kana buuse. Kun kan jarri addatti dubbataman yoo ta’u boqonnaalee hafan keessatti immoo dhiiraa wajjiin dubbataman.

Mee Islaamummaa duraa fi Islaamummaa keessatti haalli jaraa akkam akka ta’e haa ilaallu:
Islaamummaa dura ummata Arabaa biratti dubra guddisuun qaanyii (waan saalfatamu) ture. Namni tokkko ennaa durbatu siif dhalate jedhame fuulli isaa ni dukkanaa’a! Xiqqeenyaa wajjiinan guddisamoo biyyee keessan awwaala jedhee dhiphata! Qaanya’uu/salphachuu baqaaf ilmoo fayyaa owwaalu turan! Kunis Qur’aana boqonnaa 16ffaa, keeyata 58ffaa&59 ffaa (16:58 &59) keessatti dubbatame.

Islamummaan dhufee gochaa logic saalaa irratti hundaa'ee Kan jibbaa fi tiffin dubartootaatiin guutame kana dhowwee lubbuu dubartootaa tikse. Gochaa badaa fi kan gara jabeenyaa dubartoota irratti hojjatamaa ture kana Qur’aanni ni qeeqe/ni balaaleffate. Badii kamiif akka ajjeefamte gaafatamuuf teessu jechuudhaan ummata akkeekkachiise. Kunis Qur’aana boqonnaa 81ffaa, keeyata 8 ffaa fi 9 ffaa (81: 8 & 9) kessatti dubbatame.

Gochi loogii kun aadaa Arabaa qofaa mitii, hordoftoonni amantii nu duraa hordofanis (Yahuudonnii fi Kiristaanonni) ilaalchi jarri dubartootaaf qaban waan baay’ee nama gaddisiisu. Fuulduratti ilaaluuf deemna.

.... itti fufa
@Saahibuddiin28
352 viewsSaahibuddiin Jihaad, 07:24
باز کردن / نظر دهید
2021-01-23 10:03:21 yookis(_____________ ) ijoollee yookis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.
(Maatewos 19:29)
30, Kiristaanota Macaafni keenya Daadhi waynii(dhugaaati nama macheessu) dhuguu ni dhorga malee itti hin ajaju.
Macaafa isaani "Si'achi sababii garaa keetiif sababii_ammaa amma dadhabbiin sitti dhaga'amuufis daadhii waynii xinnoo itti dabalii dhugi malee, bishaan duwwaa hin dhugin! ( 1Ximotewos 5 :23)
Mee warra Kiristaanaa eega Macaafni keessan faallaa hojii keessaniitti ajaje, Macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti milkaa'u ykn honga'u Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane,ragaa fi qorannoon ta'uu qaba.
Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadha.Yoo dubbiin koo sirrii ta'e immoo maaliif akka Macaafichatti amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.
Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee Kiristaanonni Macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse kan armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.
Qabxiin wal faallessu lama immoo yeroo tokkotti dhugaa ta'uu hin danda'u. Tokko kessa Soba ta'uun beekamaadha.Kanaaf ragaan dhufu sunis fudhatama hin qabu jechuudha.Yoo kallatti ittiin wal hin dhabne kan dhugaa qabaate malee."

Saahibuddiin Jihaad:
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

t.me/Saahibuddiin28
435 viewsSaahibuddiin Jihaad, 07:03
باز کردن / نظر دهید
2021-01-23 10:03:21 WAL-DHABBII KIRISTAANOTAA FI MACAAFA ISAANI.
kutaa 2ffaa kutaa tokkoffaa yoo hin dubbifne ol deebi'a dubbisa.Kutaa darbe keessatti qabxiiwwan 1- 15 ilaallee Turre.Amma immoo 16-30 ilaalla.
16, Kiristaanota Waaqayyo yeroo lafarra turetti Mullateera
Macaafa isaanii Waaqayyoon Eenyumtuu ijaan hin argine.[ Yohannis 1:18]
17, kiristaanota Macaafni keenya waraana (lola )irraa nama dhowwa.
Macaafa isaani "Dhiira, Dubartoota, ijoollee Harma hootu, Manguddoo, Gaala, Qotiyyoo "ajjeesa fixa jedha( Macaafa Saamu'el isa dura 15:3)

18, Kistaanota Yesuus Nama Ajjesuutti hin ajaju.
Macaafa isaani Yesuus " Warra isaan irratti moo'u ko hin barbaanne ija koo duratti fida gorra'aa" jedhe
( Luqaas 19:27)
19, Kiristaanota Amantiin keenya dubartii tokkoo ol fuuchuu ni dhowwa.
Macaafa isaani Kuma tokko(1000) fuuchuun akka jiru barsiisa. (Macaafa moototaa isa dura 11:3)
20, Kiristaanota Dubartiin Kiristaana Rifeensa ishee agooggachuun ishee hin barbaachisu.
Macaafa isaani Dubartiin yoo mataa ishee agooggachuu baate Rifeensa ishee haa murattu jedha ( 1Qoronxoos 11:5_7)
21, Kiristaanota Dubartiin Kiristaanaa Surree( kofoo) uffatuun rakkoo hin qabu jedhu.
Macaafa isaani "Dubartiin uffata dhiiraa uffattu waaqayyo birratti ciiga'amtuu) jibbamtuu)dha jedha
(Seera keessa deebii 22:5)
22, Kiristaanonni Macaafni keenya jecha Waaqaati Afuura qulqulluun barreefame jedhu.
Macaafa isaani Phaawulos "Akka isa gooftaan dubbachuuf anaaf kennetti utuu hin ta'in akka nama gowwattin dubbadha jedha.(2Qorontos 11:17)
23, Kiristaanota Phaawulo
s ergamaadha jecha Waaqaa qofa nuuf hima jedhu.
Macaafa isaani Phaawulos "warra kaan immoo gooftaa utuu hin ta'in #ani_nan_gorsa" jedha (1Qorontos 7:12)
Inumaa phaawulos yoo Waaqa guddisuuf jecha sobe akka rakkoo hin qabne dubbata.
"Garuu soba kootiin dhugaan Waaqayyoo caalaa mul'atee, ulfina kennisiisaaf yoo ta'e, maaliif ammuma iyyuu akka cubbamaatti yakki anatti muramaa jira ree?
(Roomaa 3:7)
24, Kiristaanota Yesuus qofatu nuuf jecha fannifame jedhu.
Phaawulos "ani Kristosii wajjin fannifameera" jedha.(Galaatiyaa2:19)
25, Kiristaanota Yesuus jireenya barabara (
jennata nuuf kenna jedhu.
Macaafa isaani Yesus namoota akka jennata isaan seensisuuf isa kadhataniif deebisa kana kenne: "gara mirga koo yookiis gara bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura abbaa kootiin qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.(Maatewos 20:23)
26, Kiristaanota Yesuus guyyaa dhumaa(qiyaamaa) nu fudhachuudhaaf dhufa
Macaafa isaani Namoota maqaa Yesuusiin Raaji hojjanne jedhanuun isin hin beeku jechuuf dhufa. (Maatewos7:22 Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, 'Yaa gooftaa, yaagooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu.
23 Ani immoo yeroo sanatti, 'Matumaa #ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!' jedheen mul'inatti isaanitti hima" jedhe.
27, Kiristaanota Dubartiin amantii keenya keessatti dhiira barsiisuu dandeessi.
Macaafa isaani "Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee, haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu; " (1Ximotewos 2:12)

28, Kiristaanota Macaafni keenya fira fuuchuu ni dhowwa.
Macaafa isaani Adaadaa yookiin obboleetti Abbaa ofii fuchuun akka ta'u barsiisa.
" Amraam Yokebeedin obboleettii abbaa isaa fuudhe, isheen Aaronii fi Musee in deesseef; barri Amraam jiraate waggaa dhibbaa fi soddomii torba ture. (Seera ba'u 6:20)
29, Kiristaanota fuuchuu fi heeruumuun jennata keessa hin jiru.
Macaafa isaani Dhiira tokkoof dubartii dhibba tokkootu (100) jennata keessatti jira, jedha
" ስለ ስሜም ቤቶችን ወይም ወንድሞችን ወይም እኅቶችን ወይም አባትን ወይም እናትን ወይም #ሚስትን ወይም ልጆችን ወይም እርሻን የተወ ሁሉ መቶ እጥፍ ይቀበላል የዘላለምንም ሕይወት ይወርሳል።"
(ማቴ 19: 29)
#Hubachiisa Sababni ani Macaafa afaan Amaaraa irraa isiniif dhiheesseef Macaafa qulqulluu Afaan Oromoo irraa bakki #Haadha_mana jedhu waan haqaniif jecha,
Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookis haadha
498 viewsSaahibuddiin Jihaad, 07:03
باز کردن / نظر دهید
2021-01-20 11:49:15 Maashaa Allaah Toora paajii FB armaan gadii kana irratti Guyyaata 15 n dabran keessatti namoota 16 tu Islaamummaa fudhate.Osoo Namni tokko isaan hin dirqisiisin.Seentani Waan isaan dubbatan dhaguu dandeessu.

Linki kana

https://www.facebook.com/AbumuazAraaraa/videos/454461102237879/
613 viewsSaahibuddiin Jihaad, 08:49
باز کردن / نظر دهید
2021-01-20 09:19:13 WAL DHABBII KIRISTAANOTAA FI MACAAFA ISAANI

Mata duree kana jalatti waldhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa isaani bifa gabaaba ta'en kan ilaallu ta'a.Sababaan ani mata duree kana qopheesseef : Namoonni Amantii Islaamaa hordofan yeroo da'awaa/waamicha gara Islaamummaa Obboleewwan keenya Kiristaanaatiif godhan karaa gabaabaa ta'en Macaafuma jaraa irraa ragaa kennuuf akka danda'aniifi.Dabalataan Obboleewwan keenya Amantii kiristaanaa hordofan kan dhugaa barbaadan garuu osoo dhugaa hin argatin sobamanii jiraataa jiranuuf Macaafuma isaanirraa dhugaa akka hubatan gochuuf jedheeti.
1, Kiristaanota Waaqayyo tokkos,Sadii'is.
Macaafa jaraa "Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaadha"[Marqos 12:29]
2, Kiristaanota Yesuus Waaqayyo biraa hin qabu inni ofiifuu waaqayyodha.
Macaafa Isaanii "Yesuus immoo ana hin qabin gara waaqayyo kootiif waaqayyo keessaniitti ol nan ba'aa.."jedhe[Yohannis 20:17]
3, kiristaanota Yesuus nama miti.
Macaafa Isaanii Yesuus ani
Nama ofiin jedhe[yohannis 8:40]
4, Kiristaanota Waaqayyo nama fakkaatee mullate.
Macaafa Isaanii Ani Waaqayyodha male nama miti [Hose'a 11:9]
5, Kiristaanota Yesuus cubbuu keenyaaf jecha du'eera.
Macaafa Isaanii Cubbuu namni tokko hojjateef namni biroo hin du'u,lubbuun cubbuu hojjate ofumaaf ni du'a.[Hesqi'el 18:20]
6, Kiristaanota Yesuusiif Abbaan tokkuma wol hin caalanu.
Macaafa isaanii Yesuus akkas jedhe "Abbaan ana caala"[ yohannis 14:28]
7, Kiristaanota Yesuus Addunyaa hundaaf Ergame.
Macaafa isaanii Yesuus Israael duwwaaf malee hin Ergamne[Matiyos 15:24]
8, Kiristaanota Yesuus humna isaatiin waan hunda ni hojjata.
Macaafa isaanii Yesuus,Ani Humnakootiin homaa hojjachuu hin danda'u[Yohannis 5:30]
9, Kiristaanota Yesuusitti kan amanu jireenya bara baraa qaba.
Macaafa Isaanii Isa Ana(Yesuus)Ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba.[Yohannis 5:24]
10, Kiristaanota Yesuus ni farada.
Macaafa Isaanii Ani Hin faradu[Yohannis 12:47]
11, Kiristaanota Yesuus du'ee du'aa kaheera.
Macaafa Isaanii Yesuus Waaqayyoon isa du'a oolchuu danda'u kadhate,kadhatni isaas waan dhagaa'ameef du'a Ooleera.[Ibroota 5:7]
12, Kiristaanota Yesuus Ergamaa miti.
Macaafa isaanii Yesuus Ergamaadha[Ibroota 3:1]
13, Kiristaanota Seerri Moofaan Yesuusiin Diigameera
Macaafa Isaanii Ani seera diiguuf hin dhufne Ittiin raawwachuufan dhufe male[Matiyos 5:17]
14, Kiristaanota Yesuus qofaaf jilbeenfadhaa sagadaa.
Macaafa Isaanii, Yesuus akkas jedhe Waaqayyoon qofaaf jilbeenfadhuu sagadi,isa qofaafis hojjadhu[Matiyos 4:10]

15, kiristaanota Yesuus hunduma beeka.
Macaafa Isaanii Guyyicha sana Abbaakoo duwwaatu beeka[Marqos 13:32]

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

t.me/Saahibuddiin28
582 viewsSaahibuddiin Jihaad, 06:19
باز کردن / نظر دهید
2021-01-17 16:48:21 QABXII KUDHA LAMMAFFAA
Barattoonni Yesuusii fi Barreesitoonni Wangeelaa, Yesuus Garbicha Waaqaa filatamaa fi Nabiyyii ta'uu isaa ragaa bahu.
Muslimoonni Yesuus akka garbicha Waaqaa kabajamaa fi Ergamaa Waaqaa ta'e, Qur'aana irraa sirriitti ni beeku.Garuu Wollaaltonni Kiristaana tokko tokko jechi kun akka waan sadarkaa Yesuusiif kenname gadi buusuutti Yaaduun yeroo jecha kana morman ni argina,ni dhageenya. Ta'us Macaafni Qulqulluun Kakuu moofaa fi Haaraa keessatti Yesuus akka garbicha Waaqa ta'e nuuf himu.Kiristaanonni osoo Macaafuma itti amanna jettan hin dubbisin nu mormitan kottaa jechoota Macaafa keessani dubbisuun dhugaa jiru hubadha isiniin jechuun barbaada.Kuno akka armaan gadii kanatti isiniif dhiyaata.
1,Maatewos 12:15 Yesus kana baree achii sokke; namoonni baay'eenis isa duukaa dhaqnaan warra dhukkubsatan hundumaa fayyise; 16 jarri immoo namootatti akka isa hin beeksifne cimsee isaan dhowwe. 17 Kunis isa Isaayaas raajichaan dubbatame raawwachuudhaaf ta'e. 18 innis, "Ilaa hojjetaa koo isa ani fo'adhe,isa jaallatamaa kan koo tii,isa lubbuun koo itti gammade;hafuura koo isa irra nan bulcha,inni saba hundumaaf firdii qajeelaa in labsa.19 Inni hin wacu, hin caraanus, namni tokko illees karaa keessattisagalee isaa hin dhaga'u
Keeyyata kana keessatti Barreessaa Wangeelaa kan ta'e,akkasumas Barattota Yesuus kudha lamman keessaa angafa kan ta'eee fi Namoota Yesuus Ergamaa Waaqa ta'uu fudhatan keessaa tokko kan ta'e Maatewos, Raajii Kakuu moofa Isaayaas Raajichaa keessatti dubbatame kan Yesuus ibsitu ta'u dubbata. Keeyyanni kun akkana jechuun eegala"Innis Ilaa Hojjataa (Garbicha) koo inni ani foo'adhe"....jechuun itti fufa.
Hubachiisa wanti ani Hammattuu keessatti jecha" Garbicha "jedhu godheef,inni Maatewos Kakuu moofaa Isaayaas Raajichaa kessatti itti akeekaa jiru,"Garbicha" jedha malee, Hojjataa hin jedhu.Garuu namoonni Macaafa barreessan Yesuusiin Garbicha jechuu jibbaaf Hojjataa jecha jedhu bakka buusan. kunoo isa Isaayaas Raajichaa keessatti dubbatame ilaaluu dandeessu:
Isaayaas Raajichaa 42:1 Waaqayyo itti fufee, "Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana! Ani hafuura koo isaaf kenneera, inni firdii qajeelaa saba lafa irraatiif in baasa; 2 inni hin iyyu, hin wacu, sagaleen isaas karaa irratti akka dhaga'amu hin godhu.
Dabalataan Macaafa Afaan Oromoo irratti Hojjataa jechuun ibsame malee,Macaafa afaan Ingiliffaa irratti,innumti Maatewoos keessa Jecha garbicha yookiin 'servant' jedhamuun ibsame.Namoota Macaafa Afaan Oromootti hiikantu dhugaa kana dhoksuuf jedhanii isa Garbicha jedhu gara Hojjataatti jijjiiran.
Kunoo isa Afaan Inglffaa ilaaltanii hubachuu dandeessu.
Matthew 12 : 18 Behold my Servant, whom I have chosen; my beloved, in whom my soul is well pleased: I will put my spirit upon him, and he shall shew judgment to the Gentiles.
Gama mata duree keenyaatti yoo deebinu Maatewoos jecha Isaayaas Raajichaa kana irraa Yesuus akka Garbichaa fi ergamaa Waaqa ta'u hubatetu nuuf gala.
Saahibuddiin Jihaad:
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

t.me/Saahibuddiin28
584 viewsSaahibuddiin Jihaad, 13:48
باز کردن / نظر دهید
2021-01-12 11:24:31 JechootaPhaawuloos kan Kiristaanonni "Waaqummaa Yesuus nuuf mirkaneessa"jechuun ragaaf dhiheeffatanuufi deebii Muslimootaan itti kenname.

1,Phaawulos Yesuusiin waan"fakkaattii/bifa Waaqayyoo" jedheef Waaqa jedhu.
Keeyyanni jarri yaada kana irratti ragaaf dhiheeffatanu:

1,Qoronxoos 2ffaa 4:4 Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.

2,Filiphiisiiyos 2:5 Yaaqa garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa! 6 Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. 7 Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame. 8 Inni gad of deebisee, hamma du'aatti,hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e.


Keeyyata armaan olii kana keessatti bifa Waaqayyoo yookiin fakkaattii Waaqayyoo jechuun kan dubbatame kun,Macaafa qulqulluu keessatti bakka hedduutti dubbatamee jira.Dubartoota hundaa fi dhiirota hundaan jedhamaa akka ture ibsa.Garuu jechi kun maal akka ibsuu barbaade yoo ilaalle,Amala Waaqaa gaggaarii keessaa kan namoonni qaban ibsuu isaati.Macaafni akkana jedha:
Seera Uumamaa 1:26 Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan!" jedhe.

Hayyoonni Amantii Kiristaanaa kan Macaafa Barsiisan Keeyyata kana irratti akkana jedhu:Jechi "Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa!"jedhu kun,hiikaan isaa yookiin wanti inni ibsuu barbaade,amala dhalli namaa qabu kan Uumama biraa irraa adda isa godhuu fi Uumama biraa irratti argamuu hin dandeenye,kan akka Sammuu gutuu fi akka barbaadametti yaada ibsachuu,Ijaafi Gurra qabaachuu fi kan kana fakkaataniidha"jedhu.

Dhiirri jiddu galaan dubartoota caalaa waan humnaa fi dandeettii qabuuf Phaawulos Dhiirotaan fakkii/bifa Waaqaa jechuun dubbata.Fkn,Qoronxoos 1ffaa 11:7 Dhiirri bifa Waaqayyootii fi ulfina Waaqayyoo kan argisiisu erga ta'ee, haguuggachuun isaaf hin ta'u.....
Namni adaduma amala Waaqni qabu horachaa deemuu fi Amala Waaqni hin qabne irraa fagaachaa deemuun sadarkaa argachaa deemuu danda'a.Yeroo amala Waaqaa keessaa tokko tokko kan akka obsa qabaachuu,namaaf rifachuu, zulmii irraa fagaachuu fi kan kana fakkaatan horate,maqaa Waaqaaf kenneme keessa muraasa argachuu danda'a.
Phaawuloosis ofii isaa fi Namoota gaggaarii yeroo ibsu akkana jedha:
Qoronxoos 2ffaa 3:18 Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufeetti in diddiiramna.

Phaawulos keeyyata biraa keessatti namoota amala gaarii amala Waaqaa fakkaatu argisiisaniif yeroo dhaamsa dabarsu akkana jedha:
Qolosaayis 3:8 Amma garuu isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba'in! 9 Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu. 10 Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga'uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira!

Yoo akkuma Kiristaanonni jedhan Yesuus waan Fakkaatti/bifa Waaqaa jedhameef Waaqa ta'e,Dhiirri hundii fi namootni amala gaarii amala Waaqaa fakkaatu argisiisan Waaqa jedhamuu qabu.Yoo namoonni kunneen Waaqa ta'uu baatan Yesuusis sababa Fakkaattii Waaqaa jedhameef Waaqa ta'uu hin danda'u.Akkuma beekamu Yesuus Namoota amala Waaqni qabu keessaa kan akka obsaafi Namaaf rifachuu qabuudha.Innis kanumaaf Fakkaattii Waaqaa jedhamuu danda'e.
@Saahibuddiin28
471 viewsSaahibuddiin Jihaad, 08:24
باز کردن / نظر دهید
2021-01-09 23:25:13 NABIYYII RAAHMATAA-{kutaa-3ffaa}
/\_/\_/\_/\_/\_/\_/\_/\_/\
Guyyaa tokko Rassuulli ﷺ waqtii saafaa kana gara iddoo wayii adeemaa jira. Aduun gammoojjii Arabiyaa akkaan nama waada. Haala kana irratti dubartii dullattii takka tan subbaa uffataa yookiin afaan yeroo ammaatiin shaanxaa mataa isheetti baattee adeemtu arge. Yeroo kana Rassuulli ﷺ ba’aa kana dullattii kana irraa fuudhee baadhachuudhaan ishee gargaare.
-
Rassuullis ﷺ Osuma ba'aa kana baadhateefii adeemuu Essaa adeemaa akka jirtuu fii maalif akka adeemtu dullattii tana gaafate.
-
Isheeniis akkana jechuun deebifteef; «Namticha falfaltuu/moortuu Muhammed ﷺ jedhamu tokkootu magaalaa kana keessa jira jechuu dhagayeetiin magaalaa kana lakkisee bahutti jira.»
-
Rassuulli keenya ﷺ nama akkaan obsa qabeessaa fi gara-laafeessa waan tu'aniif wanta isiin haasooftu hunda jecha tokkittii illee osoo hin deebisiniif cal’isaniituma hanga xumuratti obsaan dhaggeeffatan. Dullattiinis waan magaalaa keessaa itti baateef iyyachuu ittuma fufte.
-
Gabaabdumatti garuu wanti isheen magaalaa keessaa bahaa turteef hammeenya waa’ee nabi Muhammed ﷺ kan naannawa ishee irraa dhageesse malee isheen isa hin beektu turte. Yeruma haasooftu kanallee kan itti haasawaa turte isa akka tahe hin beekne.
-
Garuu deemsa wajjiin deemte keessatti gurbaan dardaraa kan ba’aa isheerraa fuudhee ishee gargaare kun nama fuulli isaa seeqinsaan ife fi kashoo/danboobaa/bashaasha akka tahe hubatte. Dargaggeessa kana (Nabi Muhammed ﷺ )dafqi isaa akkan urga’a. dubartittiinis baay’ee ajaa’ibsiifatte.
-
Yeroo iddoo dubartiin itti deemtu sana gahan, Nabi Muhammed’iis ﷺ borsaa ishee lafa kaa’eefii yeroo gara galee balbala bahuuf ka’utti, Dullattin akkana jetteen; «yaa gara-laafeessa namaa! Yoo xiqqaate (waan biraallee siif gochuu dadhabu) maquma kee naaf himi?» jettee.
-
Rassuulliniis ﷺ akkana jechuun deebiseef; «Ani namticha ati sababa isaatti ati magaalaa keessaa itti baate sani.»
-
Yeroo kana dhageessu dullattiin tun baay’ee naate, baay’ee dinqisiifattes. Namni gara-laafeessi akkanaa, namni akkanatti nama gargaaru, namni dhuqa qabeessi akkanaa kun gonkumayyuu akka jarri jedhan falfaltuu/moortuu tahuu hin danda’u jettee yeruma sanitti islaamummaa fudhatte. Allaahu Akbar! Nabiyyii keenya ﷺ jechuun kana. Sallallaahu Aleeyhi wassallam!
-
Nabiyyii Keenya ﷺ qaalii Kana yoo jaalatte salawaata irratti buusi. Seenaa kana ....share.... godhi.


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.

t.me/Saahibuddiin28
398 viewsSaahibuddiin Jihaad, 20:25
باز کردن / نظر دهید