Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Milkii(Jennataa)

لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa) D
لوگوی کانال تلگرام saahibuddiin28 — Daandii Milkii(Jennataa)
آدرس کانال: @saahibuddiin28
دسته بندی ها: دستهبندی نشده
زبان: فارسی
مشترکین: 2.28K
توضیحات از کانال

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28

Ratings & Reviews

1.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


آخرین پیام ها 12

2021-07-16 14:14:37 Waa'ee mirga dubartootaa ilaalchisee Kan kaleessa jalqabne itti fufna.

1. Dhimma gaa'ila ijaarrachuu

Dhimma gaa’ila jaraa ilaalchisee Islaamummaan mirga nama fedhanitti heerumuu fi nama hin feene diduu kenneef. Kana ilaalchisee nabi Muhammad (NIJ) “Dubartiin hanga maryachiifamtutti hin heerumsiifamtu, dubri hanga eeyyamsiifamtutti hin heerumsiifamtu.” Jedhan.
“Dubri ni saalfattii hoo akkamitti eeyyamsiifamti yaa ergamaa Rabbii?” jennaan “Eeyyamuun isii cal’isuu/usuu dha” jedhan. [Bukaari (5136)]

Yeroo duraanii ijoolleen durbaa abaluun nan jaalladha jechuu ni saalfatu turan. Kanaafuu yoo jaallatan ni cal’isu, yoo jibban ni boo’u. Kanaaf eeyyamuun jaraa callisuudha jedhan ergamaan Rabbii (NIJ).

Dubartii tokko kan Kansaa intala Kizaam jedhamtu tokko abbaan isii osoo isiin hin jaallatin heerumsiisnaan deemtee ergamaa Rabbiitti himannaan heeruma sana deebisan. [Bukaari ( 6945)]
2. Waliin jireenya ilaalchisee

Dubartoota wajjiin jiraachuuilaalchisee Rabbiin akkana jedhe:
“Haala gaariin wajjiin jiraadhaa! Yoo jara jibbitanis (obsaaa). Isin waan tokko jibbitanii Rabbiin isa keessa bu’aa baay’ee taasisuun dhugaadhaa.”(Qur’aana 4:19)

3.Dhimma gaa'ila hiikuu ilaalchisee

Gaa’ila hiikkaa ilaalchisee nabi Muhammad (NIJ) akkana jedhe:
“Ennaa dubartii gadi dhiistanii baallamni jaraa gahe (dhumuuf dhihaate) haala beekamaadhaan jara qabadhaa/wajjiin jiraadhaa, yookii haala beekamaadhaan (haala gaariin) geggeessaa. Miidhaadhaaf (jara irratti roorrisuuf) jara hin qabinaa! Namni sana hojjate dhugaatti lubbuu ofii miidhe!” (Qur’aana 2: 231)
“Ennaa baallama jaraa gahan (fixatan) haala beekamaadhaan qabadhaa tahaa, yookii haala beekamaan jara irraa addaan bahaa!” (Qur’aana 65: 2)
Akkuma walii galaatti dubartootaaf gaarii yaaduu ilaalchisee nabi Muhammad (NIJ) akkana jedhan:
“Dubartootaaf gaarii dhaamaa (harka gaariidhaan qabaa)” [Bukaarii (5186)]
“Namni aban-qabnee fi dhirsan-qabnee tajaajilu akka nama karaa Rabbii keessatti duuluu, kan halkan salaatu kan hin boqonnee fi kan guyyaa soomu kan hin furre/hin nyaanneeti.” (Bukaari, Q. 7, K. 64, Lkk. 265]).
Kun hundi Islaamummaan duabartootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu nu agarsiisa.

@Saahibuddii28
378 viewsAbdii Qaba, 11:14
باز کردن / نظر دهید
2021-07-14 19:35:45 Maqa_balleessii ykn hubannoo dogoggoraa

Islaamni Dubartii miidha.

Mirgi dubartootaa Islaamummaa keessatti maal fakkaata?

Hubannoo dogoggoraa nama garii bira jiruu fi maqa_balleessii diinni hafarsu keessaa tokko Islaamni dubartii miidha kan jedhuudha!
Akka namoonni Muslima hin ta’in tokko tokko yaadanutti Islaamni dubartii miidha. Garuu faallaa isaatu dhugaadha!

Islaamummaan lubbuu dubartootaa tiksuu, mirgaaa fi kabajaa jaraa eegsisuuf dhufe. Nuti Muslimni dubartoonni walakkaa ummataa akka ta’anii fi walakkaa kaaniif immoo haadha akka ta’an amanna. Jarri(Dubartoonni) haadhaa piroofeesarootaa, doctoorotaa, saayintistootaa, oggantoota biyyaa, injiinarootaa fi kkf ti. Jarri haadha keenya, obboleettii keenya, haadha-manaa keenya akka ta’an waan beeknuuf kabajaa addaa qabnaaf.
Qur’ana keessa boqonnaa lama kan maqaa dubartootaatiin moggaafametu jira. Isaanis: “Al-Nisaa’a (dubartoota) fi Al-Mujaadilat (himattuu)” kan jedhuudha.

Kan duraa Qur’aana keessaa boqonnaa 4ffaadha. Boqonnaan kun waa’ee dubartootaa irratti xiyyeeffata. Waa’ee mirga heeruma jaraa, hiikaa (divorse), dhaalaa, haala iti wajjiin jiraatanu, akka itti horii jaraa itti kunuunsanuu fi kkf dubbata. Keessattuu ennaa jarri abbaa hin qabne.
Kan lammaffaa immoo boqonnaa 58ffaadha. Sababni boqonnaan kun bu’eef dubartii tokkotu waa’ee abbaa manaa isii ilaalchisee rakkoon isii mudate. Isiin ergamaa Rabbii Muhammaditti dhuftee waa’ee dhimma isii kanaa himatte. Ergamaa Rabbii wajjiin dubbii walittii deddeebisan. Rabbiin falammii isii kana dhagahee rakkoo isiitii fi dubartoota akka isii hiikuuf boqonnaa Qur’aanaa kana buuse. Kun kan jarri addatti dubbataman yoo ta’u boqonnaalee hafan keessatti immoo dhiiraa wajjiin dubbataman.

Mee Islaamummaa duraa fi Islaamummaa keessatti haalli jaraa akkam akka ta’e haa ilaallu:
Islaamummaa dura ummata Arabaa biratti dubra guddisuun qaanyii (waan saalfatamu) ture. Namni tokkko ennaa durbatu siif dhalate jedhame fuulli isaa ni dukkanaa’a! Xiqqeenyaa wajjiinan guddisamoo biyyee keessan awwaala jedhee dhiphata! Qaanya’uu/salphachuu baqaaf ilmoo fayyaa owwaalu turan! Kunis Qur’aana boqonnaa 16ffaa, keeyata 58ffaa&59 ffaa (16:58 &59) keessatti dubbatame.

Islamummaan dhufee gochaa logic saalaa irratti hundaa'ee Kan jibbaa fi tiffin dubartootaatiin guutame kana dhowwee lubbuu dubartootaa tikse. Gochaa badaa fi kan gara jabeenyaa dubartoota irratti hojjatamaa ture kana Qur’aanni ni qeeqe/ni balaaleffate. Badii kamiif akka ajjeefamte gaafatamuuf teessu jechuudhaan ummata akkeekkachiise. Kunis Qur’aana boqonnaa 81ffaa, keeyata 8 ffaa fi 9 ffaa (81: 8 & 9) kessatti dubbatame.

Gochi loogii kun aadaa Arabaa qofaa mitii, hordoftoonni amantii nu duraa hordofanis (Yahuudonnii fi Kiristaanonni) ilaalchi jarri dubartootaaf qaban waan baay’ee nama gaddisiisu. Fuulduratti ilaaluuf deemna.

.... itti fufa
@Saahibuddiin28
374 viewsAbdii Qaba, 16:35
باز کردن / نظر دهید
2021-07-14 19:33:21 http://t.me/Saahibuddiin28
312 viewsAbdii Qaba, 16:33
باز کردن / نظر دهید
2021-07-14 19:31:10 Chaanaali keenya Hiryoota keessaniif share gochuun nu gargaara!
257 viewsAbdii Qaba, 16:31
باز کردن / نظر دهید
2021-07-14 12:43:43 kun akkana jedhe: “Yeruma sana waa’een interview, waa’een ramadamuu fi wanti kamillee fuula koo duraa dhokatee fuulli abbaa kiyyaa na dure dhufe!!!”
“Hojiin abbaa kootii sun gubbaan isaa qalbi-jabeenyaa fi goggogina fakkaata, garuu keessoon isaa Rahmata (Gara-laafina), jaalalaa fii laphe bahaa ta’uun naaf gale”!!!

kana irraa akka ergaa guddaa fudhattan abdiin qaba.

Yeroo Hunda Gaarii Yaaduu fi Gaarii Hojjachuun Aadaa Nuuf Haa Ta’u, Booddeen Isaa Numa Fayyada.
Galatoomaa!!!
@Saabibuddiin28
279 viewsAbdii Qaba, 09:43
باز کردن / نظر دهید
2021-07-14 12:43:43 Yeroo hunda gaarii yaadi, gaarii hojjadhu.

Kun seenaa gorsa guddaa qabu waan ta'eef barruu Afaan biraa irraa dubbiseen isiniif hiike. Obsaan dubbisii barnoota irraa fudhu.

Dargaggoon tokko waa'ee abbaa isaa akkana jechuun ibsa:
Abbaan kiyya osoon ibsaa hin dhaamsin anaa ala jiruu yoo kutaa kiyya seene "Maaliif akkas ibsaa qisaasta?" jedha.
Yeroo mana fincaanii seenee bishaan coccophu arge "Maaliif boombaa sirriitti cufuu dhiistee bishaan qisaasta?" Jedhee na qeeqa.
Yeroo hunda waan guddaa fi xiqqaa irrattis na qeeqa!
Yeroo dhukkubsatee ciisullee na qeeqa!
Osoon haala kana keessa jiruu guyyaa tokko carraan hojii an yeroo dheeraaf eegaa ture dhaabbataa guddaa tokko irraa waan naaf argameef jireenya kiyya keessatti yeroo jalqabaatiif interview dhaaf Qophaa'ee ka'e.
Onnee koo keessa yoon hojii kanaaf dorgomee darbe gonkumaa xuxxuqaa/qeeqinsa abbaa kiyyatti hin deebu'u jedhaan bahe!
Yeroo ani ganama bariin uffata bareedaa uffadhee, urgeeffadhee bahu abbaan koo gateettii koo harka isaatiin dhahe.
Yeroo ani milladhee ilaalu abbaan kiyya ni seeqata. Kanumaa wajjiin Mallattoon dhukkubbii immoo fuula isaa irraa mullata!

Maallaqa wahii naaf kennee akkana naan jedhe:
"-Nama gaarii yaaduu fi gaarii hojjatu tahi,
- ofitti amani,
- gaaffii kamiifuu harka hin kennin/hin sodaatin" naan jedhe.
Qalbii kiyya keessa "Sa'atii gammachuu kootii kana keessalle na gorsuu hin dhiisuu! Gammachuu koo narkatti booressuufimoo? Jedhaan gorsa isaa fudhee deeme...

Yeroon deemee seensa dhaabbatichaa irra gahu wanti raajiin na mudate!!!

Waardiyyaas ta'ee namni keessummaa simatu hin jiru! Barreeffama/akeeka iddoo interview akeeku qofatu jira!!!
Yeroon mooraa ol seenu qabattoon balbalaa/ulaa miidhamee iddoo isaatii sochoo'we jira.
Dhaamsa abbaan koo yeroo an bahu naaf dhaame (gaarii hojjadhu... isa jedhu) yaadadheen qabattoo ulaa iddoo isaatti deebisee darbe.

Qajeelfama karaa irra jiru hordofaan gara kutaa interview deemuu jalqabe. Osoon deemuu hoyruu keessatti kuusaa bishaanii guutee dhangala’u arge. Kan abbaan koo duraan bishaan hin qisaasin jedhee na qeequ yaadadheen bishaan sana kuusaa bishaanii isa tokkotti waraabee, hir’isee darbe!
Ammas deemsa kiyya ittin fufe. yeroon gamoo irra olbahu ampuulii hedduu kan lafa guyyaa ibsamee jirun arge. Isa abbaan koo yeroo hunda ifaa hin qisaasin jedhee natti himu yaadadheen ifaa sana dhadhaamsee iddoo interview seene!
Deemee maqaa kiyya galmeesseen taa’e. Yeroo ani taa’u warri anaa waliin dorgomuuf ta’anii dabaree eeggatan akkataan uffannaa fi babbareeffannaa isaanii waan addaati!
Gariin isaanii Yuuniversitii Amerikaa irraa waan eebbifamaniif isaan of-dhaadu!
Kan ilaaleen gadi aantummaan natti dhagahame!
yeroo ani taa’ee ilaalu namoonni interview dhaaf seenan hunduu osoo daqiiqaa hin guutin bahu!!! Waan raajii mitii!!!
Jarri kunuu osoo qoophii kana hunda qabanuu fudhatamuu didanii ani fudhatamaa??!! jedheen of gaafadha!
Osoo kufte naan hin jedhaminin kabajaa kootiin dorgommii kana dhiisee baha jedheen yaade!
Anaa bahuuf iddoo kiyyaa ka’ee na waaman. Ol seeneen fuuldura nama sadi’ii taa’e.
Na ilaalanii seeqatan!

Raajii dhufaa jiru eegi…!

“inni tokko yoom hojii eegalta” naan jedhe!!!
Rifadheen dhamahe! yookii natti qoosaa jiru, yookii immoo inni kun gaaffii interview keessaa isa tokko jedheen fudhe.
Achumaanan gorsa abbaa kootii kan qormaata tokkoofuu akkan harka hin kennineef nama ofitti amanu akkan ta’u kan inni naaf dhaamen yaadadhe.
Ofitti amantummaadhaan “Yeroon qormaata ofkole” jedheen deebise.
Inni tokko “Qormaata dabartee jirta, wanti hunduu xumurameera” jedhe!!!
“Namni tokkollee isin keessaa kan gaaffi na gaafate hin jiruuhoo akkamitti?”n jedheen!
Inni sadaffaan “Gaaffii qofaan ogummaa/gahumsa madaaluu akka hin dandeenye sirriitti hubannee jirra, kanaaf hojiin nama madaaluu murteessine” jedhe!!!
Kanuma irraa ka’uun qormaata hedduu kan amala namootaa fi hangam qabeenya dhaabbatichaa manca’iinsa irraa akka eegu mirkaneeffannuun qopheessinee keenyee jirra. Namni wanta badaa jiru kan nuti beekaa goone sana sirreesse si qofa!!! Kana immoo kaameeraa to’annaatiin hordofaa turre jedhan!!!
Dorgomaan
318 viewsAbdii Qaba, 09:43
باز کردن / نظر دهید
2021-07-12 19:40:58 hubannu wanti kun waan akka tasaa ta’e osoo hin taanee waan itti yaadamee maqaa Islaamummaa fi Muslimaa xureessuuf diinaan hojjatame ta’uudha.

Hubadhu:
● Namni yookii biyyi shororkeessummaadhaan beekame, kan lubbuu hedduu fi qabeenya hedduu barbadeessuun beekame, kan seenaan barreesse biyya Muslimaa miti, nama Muslimaas miti.
● Shororkeessummaanis kan jaqabame nama Muslimaatiin miti.
Ergaa dabalataaf

@Saahibuddiin28
327 viewsAbdii Qaba, 16:40
باز کردن / نظر دهید
2021-07-12 19:40:58 Islaamummaa fi Mankaraarsummaan waliif maali?

Hubannoon dogoggoraa guddaa jiru keessaa tokko namoonni tokko tokkoo Islaamummaa akka amantii mankaraarsummaatti ilaaluudha. Kuni ilaalcha dogoggoraati. Dhugaan jiru Islaamummaan nagaadha, nageenyaaf dursa kenna, nageenyaaf bakka guddaakenna.

Jechi “Islaam” jedhu mataan isaatuu “Nagaa” jechuudha. Islaamummaan akkuma maqaan isaa ibsu nagaadha, nageenyatti nama waama, nageenya lallaba.

Akka seera Islaamaatti namoonni ennaa walitti dhufan “Assalaamu alaykum” jechuunis “Nageenyi isin irra haa jiraatu” jechuudhaan wal-eebbisu. Ennaa adda ba’anis akkana jechuudhaan adda ba’u. Kun Islaamummaan nageenyaaf dursaa fi bakka guddaa kennuu isaa mul’isa.

Rabbiin ennaa abbaa nabiyyootaa nabi Ibraahimiin (NIJ) irraa dubbatu akkana jedha:
“Yaa Rabbi biyya kana nagaa fi tasgabba’aa taasisi”. (Qur’aana (4: 35))
Kunis bakka nageenyi Islaamummaa keessatti qabu nu hubachiisuudhaafi-amantiin nabiyyoota hundaa Islaamummaa waan ta’eefi.
Islaamummaan diina Islaamaa warra Muslimootaan lolan wajjiin illee dursa negeenya kenna.
Rabbiin kana ilaalchisee akkana jedhe:
“Yoo jarri gara nageenyaa/waliigalteetti daban atis isitti dabi (waliigalteef dursa kenni).[Qur’aana (8:61)]
Islaamummaan lubbuu namaatiif iddoo guddaa kennuu irraa kan ka’e lubbuu qulqulluu tokko ajjeesuu akka nama hunda lafa irraa fixuutti ilaale. Akkasumas lubbuu tokko du’a irraa hambisuu akka lubbuu nama hundaa hambiseeti.” (Qur’aana 5:32)
Seenaa Islaamaa keessatti akka lakkoofsa Hijraatti waggaa ja’affaa keessa ergamaan Rabbii Muhammadii fi waa’illan isaanii umuraadhaaf (sirna gabbartii biyya Makkaa deemuun godhamu) manaa ba’an. Ummanni Muslima hin ta’in warri Makkaa Makkaan seenuu irraa jara dhowwan. Ergamaan Rabbii fi waa’illan isaaanii ummata Makkaa wajjiin walii galtee godhanii umuraa jaraa dhiisanii deebi’an. Kunis nagaadhaaf dursa kennuu Islaamaa ibsa.
Akkasumas Islaamummaa namoota Muslima hin ta’in wajjiin jiraachuu, tola itti ooluu fi haqa jaraa eeguu hin dhowwu. Qur’aanni kana ilaaalchisee akkana jedha:
“Rabbiin warra isin hin lolinii fi biyya keessanii isin hin baasinitti tola ooluu fi haqa hojjachuu irraa isin hin .” [Qur’aana (60:8)]
Nabi Muhammad (NIJ) yeroo diina isaaniitiin dirree lolaa keessatti wal-lolanillee warra waraana hin ta’in: dubartoota, ijoollee fi abbootii amantii mana amntii isaanii keessatti Rabbiin gabbaran akka hin ajjeesne waa’illan isaanii ajajaa turan. Warruma waraana keessatti hirmaateyyu gochaa faallaa namummaa kan akka qaama namaa cicciruu akka irratti hin hojjanne dhowwaa turan.

Wanti yeroo ammaa miidiyaaleen garaa garaa Islaamummaa maqaa balleessee hubannoo dogoggoraa nama hubachiisu immoo wantoota sadii keessaa hin ba’u:
1. Cubbuudhaan babal’inaa fi dagaagina amantii Islaamaa gadi qabuu fi qabeenya biyyoota Islaamaa saamuuf duula warri Dhihaa godhaniidha. Kana immoo worroonni shira warra Dhihaa beeku kanneen Muslima hin ta’in illee ni beekaan.
2. Warra dhihaatiif gabroomuu diduu, bilisummaa biyya ofii fi amantii ofii eegsisuuf qabsoo Muslimoonni godhan shororkeessummaa jedhanii dubbatu. Warra dhihaa biratti namni faallaa yaada jaraa deemu fi faaydaa jaraa dura dhaabbatu yoo hanga fedhe nageenya lallabee fi nageenya mirkaneessuuf qabsaa’es shororkeessaadha.
3. Sochii gareen tokko tokko kan Islaamummaa sirriitti hin hubanne godhanu Islaamummaa fi Muslimoota bakka buusanii dubbachuudha.

Namoonni gariin wantoota yeroo ammaa miidi’aalee adda addaa irraa dhaga’u kan gareen gara Islaamummaatti of-hirkisu hojjatuun Islaamummaa madaalu! Kun tahuu hin qabu.

Taajjabbii!

Waan Rajjii natti ta’e keessaa yeroo ammaa kana ennaa badiin jeequmsaa ykn ajjeechaan tokko bakka tokkotti raawwatame yoo namni yakka sana raawwate nama Muslimaa yookii garee Muslimaa ta’e gocha shororkeessummaa, namni yookii gareen yakka kana hojjate immoo shororkeessaa jedhama. Akkasumas amantiitti hirkifamee dubbatama. Yoo qaamni yakka sana hojjate Muslima hin ta’in immoo moggaasa shororkeessummaa hin kennanuuf!!! Sila shororkeessummaan kan hiikamu yookii moggaafamu yakka hojjatameenimoo garee hojjateeni? Kana irraa wanti
362 viewsAbdii Qaba, 16:40
باز کردن / نظر دهید
2021-07-10 16:05:31 Hubannoo dogoggoraa (misconception)

Islaamummaa amantii Arabaa godhanii ilaaluun hubannoo dogoggoraa isa guddaa jiru keessa isa tokko.
Islaamummaan saboota addunyaa hundaafi. Qur’aanni kan buufame, akkasumas ergamaan Rabbii Muhammad (NIJ) kan ergaman addunyaa hundaafi. Kan ilaalchisee Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedhe:
- “(Rabbi) Inni gabricha Isaa irratti akka warra addunyaatiif diniinaa ta'uuf addabaasaa (Qur'aana) buuse guddate.” (Qur’aana 25: 1)
- “Yaa ilmaan namaa! Ani ergamaa Rabbii kan gara keessan hundatti (ergamedha) jedhi (Yaa Muhammad)” (Qur’aana7: 158)
● Rabbi Nabi Muhammadiin akkana jedhe: “Nuti namaaf bakkatti malee si hin ergine (nama hundaaf si ergine)”. (Qur’aana 34:28)
● Ergamaan Rabbii Muhammad (NIJ) akkana jedhan:
“Ani wantoota shan kan nabiyyoonni dura kootii hin kennamnen kenname: … (Sana keessaa tokko) nabiyyoonni gara saba isaaniitti ergamu turan; ani (garuu) dhala namaa hundaafan ergame (sabota hundaafan ergame). [Bukaarii (335), Muslim (521)]

□ Muslimni hundis Araba miti. Yeroodhuma ergamaan Rabbii Muhammad (NIJ) ergaman irraa eegalee Muslimoonni makaa saboota addunyaa gara garaati[Sab-daneessaadha]. Fkn: - Bilaal Itiyoophiyaa irraayyi,
- Salmaan biyya amma Iraan jedhamtu irraayi,
- Suhayb biyya har’a Turkii jedhamtu irraayyi.
◇ Akka istaatiksiin ibsutti irra hedduun Muslimoota amma addunyaa irra jiranuu warra Araba hin ta’iniidha. Kan armaan gadii dubbisi:
“Dhibbeentaa 18% qofatu biyyoota Arabati. Irra guddaan hawaasa Muslimaa Indooneesiyaa keessa jiraatu. Muslimoonni baay’een baha Paakistaan jiraatu. 30% ardii Indii keessaa, 20% gammoojjii Sahraa Afrikaa (sub-Sahara Africa), 17% Eeshiyaa kibbaa, 18% biyyoota Arabaa, 10% Soviet Union fi chaaynaa, Turkii, Iran fi Afgaanistaan, 10% warra Araba hin ta’in kan ba’a-jiddu-galeessaa keessa jiraatanuudha. Biyyoota (baay’ee) Laatiin Amerkaa, fi Awustraaliyaa dabalatee biyyoota Muslimoonni harka xiqqaa ta’uu wajjiin jarri lakkoofsaan baay’eedha. Ruusiyaa, biyyaa/states isii kan dhihoo of-dandeesse, Hindii fi Afrikaa jiddu galeessaa keessa (baay’eedha).

Amerkaa keessa naannoo Muslimoota mili’oona saddeetiitu jiraata. (Discover Islam your birth right. P. 86)

Kun oddeeffannoo woggoota kurnan darban duraati. Amma immoo baayyiinni Muslimoota Araba hin ta’inii dabalaa deemaa jira. Kunis Islaamummaan amantiilee addunyaa irra jiranu keessaa kan saffisa ol-aanaadhaan dabalaa deemaa jiru waan ta’eefi.

Namoonni baay’een – KEESSATTUU Amerkaa keessaatti- Islaamummaa Baha jiddu galeessaa ykn Afrikaa Kaabaatiin wal- qabsiisu. Akka dhaabbanni qo’annaa Pew Research Center analysis ibsutti Muslimoonni lama-sadaffaatti dhihaatan (62%) biyyoota Eeshiyaa Paasifikii (Asia-Pacific region) keessa jiraatu. Dhugaa dubbachuuf Baha jiddu galeessaa fi Afrikaa Kaabaa caala (Mili’oonii 317) Muslimoonni Hindii fi Paakistaan keessa jiraatu (Mili’oonii 344).

Barnoota dabalataaf chanaali keenya armaan gadii #Join godha.

@Saahibuddiin28
466 viewsAbdii Qaba, edited  13:05
باز کردن / نظر دهید
2021-07-09 08:55:25 Imaama Hate!!!

Dubbii Raajii!

Guyyaa tokko Maatiin tokko imaama Masjiida nyaataaf manatti affeeran. Haati manaa osoo nyaata dhiheessituu Maallaqni maaddii irratti isii hatkaa buhe. Booda maallaqa sana ni dhaban. Imaamicha malee namni mana jaraa hin seenne. Maatiin sun Ijoollees hin qaban.
Warri mana sheektichatu maallaqa fuudhe jedhanii waan murteessaniif sheektichaan ooduu murteessan. Kanuma hordofee Abbaan manichaa Masjiida imaamtichi itti salaachisu dhaquu dhiisee jihoota lakkoofsise.

Osoo haala kanaan jiranuu Baatiin Ramadaanaa seene. Abbaan manichaa Baatiin baatii araaramaatii, imaamtichi as keessaa fira hin qabuu irra dabarreefii nyaatatti haa affeerru jedhe. Haati manaa isaa takka itti yaaddee, buustee baaste booda yaadicha fudhatte. Garuu haalduree ka'atte. Innis dhimma maallaqa badee ifaan ifatti imaamichatti kaasuudha. Abbaan warraa ishees yaadicha ni fudhate.

Imaamticha nyaatatti affeeran. Nyaatanii dhuganii yeroo xumuran abbaan manaa dhimma maallaqa badee imaamichatti dubbate. Imaamtichi saalfataa boohuu eegale! Maallaqa natu fuudhe jedhe!

Kan naboochise hannaan na shakkuu keessan osoo hin taanee Guyyoota 365 guutuu osoo Qur'aanaa hin banin waggaan guutuun isin irra naanna'uudha jedhe!
Qarshii sana gaafas fuudheen Qur'aanaa keessa isiniif kaa'e jedhe. Abbaan manichaa ariitiidhaan Qur'aanaa fuudhee bane. Fuula jalqabaa iddoo suuraan Faatihaa itti argamuu maallaqa akkuma jirutti arge!

Haati manaa rifattee boo'ichhatti seente, akka bishaanii imimmaan dhangalaaste. Waan se'aa badaa imaamichatti seeteef dhiifama gaafachuu isa bira deemte. Innis ani nama dadhabaadhaa Rabbii isa Qur'aanaa Isaa waggaa guutuu dagattee ittiin oodde araarama gaafadhu jedhe.

Taatee kana irraa waan hedduu baranna.
Mee ati akka keetti maal irraa baratte?
asiin
@Saahibuddiin28 nu hordofuu dandeessu
589 viewsAbdii Qaba, 05:55
باز کردن / نظر دهید